Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Shira Diinni Warraaqsa Ummata Oromoo Dura Dhaabbatuuf Akeekkatuun Hojjettoota Waajjiraalee Oromiyaa Keessaa Irratti Xaxaa Jiru

$
0
0

ethiopia-protest_0-e1456182481158

(SBO – Adoolessa 24, 2016) Mootummaan Wayyaanee TPLF-OPDO jibbaa fi tuffuu saba bal’aaf qabuun yeroon gaaffii mirgaa ummanni Oromoo kaasaa jiruuf gurra laate hin jiru. Wayta qabsoon ummataa kallattii adda addaatiin dhiibee dhufuun, hudhee isa qabu immoo lukkeelee maqaa Oromootiin ergatu Oromiyaa keessa bobbaasuun akkasuma ofiis amanamtoota isaa ergatuun shira adda addaa xaxee ukkaamsuuf tattaafata. Shirri mootummaan gabroomfataan kun jidduu kana hojjettoota Waajjiraalee garagaraa Oromiyaa keessa jiranitti xaxaa jirus dhugaadhuma olitti ibsine mirkaneesssa.

Mootummaan TPLF/OPDO wayta ummanni Oromoo karoora Maastar Pilaanii Finfinnee jedhamu dura dhaabbatee “Naaf hin ta’u” jedhee jala-mure ejjennoo isaa ibsetti, duula hidhaa fi ajjeechaa gaggeessuudhaan gaaffii mirgaa Oromoon kaase ukkaamsuun akeeka isaa galiin gahachuuf yaale. Ejjennoo fi hawwiin sirnichaa kun garuu wareegama ilmaan Oromoo baasaniin fashalee, karoorri maastar pilaanii haqame. Hidhaa fi ajjeechaan diinni geessisu ummata Oromoo falmaa haqaaf taasisu irraa akka of booda hin deebisne firaafis diinaafis agarsiise.

Inumaayyuu gaaffiin ummata Oromoo waa’ee mormii Maastar Pilaanii qofa odoo hin taane, gaaffii abbaa biyuummaa fi bilisummaa ta’uu ifatti baasee agarsiisuun, Sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa (FDGn) gootowwan ilmaan Oromoo eegalan gara Warraaqsa Biyyoolessaa, Fincila Xumura Gabrummaa (FXG)tti tarkaanfatuun finiine.

Wayyaaneen gaaffii mirgaa Ummanni Oromoo gaafataa jiruuf deebisaa sirnaa laatuu mannaa, shiraa fi tarkaanfii humnaatiin ukkaamsuuf ifatti Oromoo irratti duula labsus, qabsoon Oromoo daran jabaatee odoo adda hin citin ji’oota Saddeetiif akka deemu taasise. Warraaqsi bifa irra jabaan ammallee finiinaa jira.

Kanarrayyuu dabree ummanni Oromoo kallattii maraa tokkummaa fi kutannoo irra caalaa jabaa ta’een akka mirga abbaa biyyummaa fi bilisumama isaa afaan qawween sarbame deeffachuuf sosso’u xiiqii itti horuutti dabalee, dhimmi ummata Oromoo akka sadarkaa addunyaatti dhageettii fi mararfannoo argatu dandeessiseera.

Guutummaa Oromiyaa keessatti gaaffii ummanni Oromoo karaa nagaa gaafateef deebiin mootummaa wayyaanee hidhaa jumlaa, ajjeechaa suukaneessaa fi shororkaa bifa adda adda geessisuu ta’uu itti fufus, ilmaan Oromoo kutaalee hawaasaa adda addaarraa ta’an akka caalaatti qabsichatti dabalaman godhe malee akka diinni yaade qabsoo irraa duubatti hin deebisne.

Ummanni Oromoo warraaqsa FXG gaggeessaa jiruun injifannoolee gonfate jabeeffataa bilisummaa isaa dhugoomfatuuf barataa-barsiisaa, qotataa-daldalaa akkasuma hojjettoonni waajjiraalee adda adaa fi kutaaleen hawaasaa marti walfaana hiriiree warraaqaa jira. Keessumaa haalli sochii warraaqsaa waajjiraalee Oromiyaa keessa jiranii mul’ataa jiru mootummaa wayyaanee akkaan rifaasisaa jira.

Ummata Oromoo hidhaa fi ajjeechaadhaan falmaa mirgaa itti jiru irraa duubatti waan deebisu kan itti fakaate wayyaaneen, wayta yaaliin isaa akka hin milkoofne hubatu lammiilee Oromoo sobuu fi sossobuun araarfachuuf yaaluutti fuula deeffate. Mootummaan wayyaanee ummata Oromoo sossobee of faana hiriirsuuf akkasumas balleessaa raawwataa bahe, kan ammallee irraa booddeetti hin deebine irra dibuuf jedhee yeroo ammaa kana hojjettoota waajjiraalee Oromiyaa keessaa garagaraa irratti shira xaxaa fi olola oofaa jira.

Hojjettoonni biiroolee Oromiyaa keessaa dhaamsa “Wal ijaaraa lafa isinii kenninaa” jedhu lukkeeleen wayyaanee dabarsaniif fudhatanii akka sirnicha jala hiriiraniif shirri xaxamaa jira. Akka karoora sabboontota afanfajjessuu fi sossobuun qabsoo irraa daguuf bahe kanaatti, naannawa Finfinneetii manni isinii kennama jechuun kan ololli oofamaa jiru yoo tahu, wayta ammaa kanattis Buraayyuu naannoo Ashawaa-meedaa jedhamu akkasumas Sulultaa fi naannoo Sabbataatti bakki qophaawuun gabaafamee jira.

Wanti nama ajaa’ibuu fi hubatamuu qabu garuu, diinni ummata Oromoo irratti duula banee saba keenya waliin lola irra jiru wayyaaneen, lafuma abbaa keenyaa nu irraa fudhatee deebisee isiniifan kenna nuun jechuu isaa ti. Kun tuffii ol’aanaa mootummaan kun ummata keenyaaf qabu kan agarsiisuu dha. Yaaliin kunis Ummata Oromoo sirnicha jibbee irratti qabsaawaa jiru araarfatuudhaaf tahus hojjettooti waajjiraalee wayyaaneen gowwoomsuuf yaalaa jirus tahe guutummaatti Ummanni Oromoo shira diinaatti waan dammaqeef itti milkaawuu hin danda’u.

Hojjettoonni waajjiraalee Oromiyaa keessaa adda addaa keessatti argaman wayta ammaa kana “Dhimmi lafa Oromoo mootummaa wayyaanee hin ilaallatu, alagaan lafa Oromoo, Oromoodhuma irraa fuudhee Oromoof kennuuf mirga homaatuu itti hin qabaatu, lafa keenya irratti abbaan biyyaa nuhi, eenyutu eenyuuf lafa kenna?” jechuun waajjiraalee hedduu keessatti gaaffilee kaasaa fi mormii ibsataa jiru.

Mootummaan wayyaanee wayta bifa kanaan mormii fi gaaffileen shirri isaa dura dhaabbatamu dhalattoota saba biroo sossobachuuf yaalaa kan jiru yoo ta’u, warreen saboota adda addaa irraa dhalatan gariin diina jalatti wal ijaaruun lafa Oromoo qircachuuf fiigaa akka jirantu hubatame.

Mootummaa wayyaanee faana hiriiruudhaan dachee Oromoo qircachuu fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa ummanni Oromoo gaafataa jirutti gufuu ta’uuf warreen lafa fudhachuuf fiigaa jiran dhiiga ilmaan Oromoo haqaaf odoo falmanii wareegaman irra akka tarkaanfatan hubachuu qabu.

Gama kaaniin sabboontonni ilmaan Oromoo biirolee Oromiyaa keessaa hojjetan tattaaffii diinni dantaan sossobee ofitti isin qabachuuf taasisaa jiru hoongeessuun sirna EPRDFtti xumura gochuuf  fincila gaggeessaa jirtan jabeessitanii itti fufuun dirqama lammummaa ti. Yoos alagaa qabeenyuma keenyaan nu gabroomfatuuf abbalaa jiru of irraa dhabamsiifnee biyya keenya, Oromiyaa irratti abbaa taanee bilisummaan jiraanna.
Abbaan Biyyaa fi Abbaan Lafaa Oromoo dha!
Injifannoon Ummata Oromoof!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918