Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, July 27, 2016

$
0
0


‪#‎OromoProtests‬ Gabaasa Obbo ‪#‎Abduljebar_ussien‬, abukaatoo Baqqalaa Garbaa faa kunooti
“Maamiloota keenya obbo Baqqalaa Garbaa, obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Aaddisuu Bullaallaa wajjiin beellama waan qabnuuf,kaleessa immoo karaa maatii isaaniitii fi hoggintoota KFO tiin waan nutti dhaamaniif har’a obbo Ammahaa Mokonni wajjiin Qiliinxoo dhaqnee turre. Erga galmoofneen booda nuuf yaamuu deemanii yoo deebi’an bahuu didan jechuun nutti himan. Lakki kaleessa nutti dhaamataniiru beellamas qabnaa akkas hin jedhan jennaan bulchiinsa gaafanna jechuun deeman, achi booda immoo walgahii irra jiran jechuun nutti himan. Bulchiinsatti achi fiiguun isaanii bulchiinsi dhoorguu isaa agarsiisa. Tanaan duras ajaja MM tiin walarguun keenya ni yaadatama. Jarri kun abukaatoo ofiitiin walarguun mirga heeraa fi seera tarreeffamaatiin xiyyeeffannoo argate waan beekan hin fakkaatan ykn beekaa godhu. Kanaaf waan maamiloota keenya irra gahu hundumaafuu ittigaafatamummaa akka qaban beekuu qabu. Via Hassan Ismail


‪#‎OromoProtests‬
Oduu Amma Nagahee Qeerroo Masalaa irra

Millishaan tokkoo Aanaa masalaa aradaa abbaa salamaa jedhamtu kessatti rasaasan nama dhahee hawaasni aanaa masalaa bifa kanan hiriraa bahani mormii isaanii gaggeessa jiru kunis amma guyya kessaa sa’aati 9 irraatti Via Fooziiyaa Oromoo

13876172_1719939081600647_416405981048376214_n


#‎OromoProtests‬ Mormii magaala xiiqoo Godina shawa Bahaa Ejeersa jedhaamitu maagala Mojoo irraa KM 5 fagaate argaamtu irraati guyyaa har’aa haala kanaan daniidi konkoolata saati 2 oliif cufaan turaaniru”


Argaa Dhagahaa!
‪#‎OromoProtests‬ Qeerron Arsii Injifannoo Cululuqaa Galmeessa jiran.
ajaa’iba qeerroo kokkossaa ajajaa poolisaa Insipeektara Ambassee Saaffayyoo I/G poolisa Aanaa kokkossaa qeerroon qabdee qawwee irraa hiikattee tumtee jennaan maaloo na dhiisaa anis oromoodha kunoo asuma Aanaa kofaleetti jedhee watwatee jennaan Isaa wajjiin poolisa lama irraa qawwee hiikattee bosonatti galtee jirti qeerroon Arsii liixaa Aanaa kokkossaa Via Fooziiyaa Oromoo

13654128_1719937788267443_1713247001418455307_n



*ODUU MAGAALA ROBEE GARJEEDA IRRAA DHUFTE*
==============================
Adoolessaa/27/2016

‪#‎OROMOPROTESTS‬:warronni hanga Ammaa Gara Aanaatti fudhataman keessaa muraasni:-
1. H/Qaadii Jaarsoo
2. Aliyyii korroosoo
3. Amiin Ibraahim
4. Amaanaa Goobanaa
5. Muusaa m/Awwal
6. Xayyuu Ibraahim
7. A/rahmaan Aadam
8. Gammachuu waaqeeti.
kan lakkoofsi hin beekamne immoo gara Manaa hiidha kampii M/waakkanatti fudhatamani jiru.warroonni namoota kana Diinaaf kennan immo:
1ffa:Abdaa Gishuu Bulchiinsa Magaalati
2ffa:Baatirii Bariisoo immoo Kantiiba Magaala robee garjeedaati

INJIFANNOO UMMATAA OROMOOF
____________________________________
Viva:Qerroo Magaala Robee Garjeedatiin  Via Sirkanan Ahmed


‪#‎OromoProtests‬-Oromiyaa Kibbaa Godina Booranaa Aanaa Miyoo ganda Bokkuu jedhamutti ganama kanaa kaasee fincilli itti fufee jira. Fincila kanaan kan walqabate hangs ammaatti namoonni sadii madaa’an; namni tokko wareegame.
warri madaa’an 1. Dubree kishii Waaqoo 2.Gurraachoo Bukkee 3.Qamar…… yoo ta’an maqaa nama wareegamee ammaaf hin beekamne. ummanni naannichaa dallansuun bakka jiruu walitti yaa’aa jira. Via Dhábasá W. Gemelal


Goodinaa booranaa magalaa bokkuluboomatti waranni wayyanee hirirtoota ajjeessa jira.uummatni soda tokko malee duraa dhabbacha jira. Ethiopia military is killing peace protests in borana zoni bokuluboma town
Namoota rasasaan rukkutaman sadi(3) yoo ta,an isaan keessa dargaggeessi QAMAAR QARBATOO jedhamuu ajjeefamee jira agazidha.
1:Fatuma waqoo fi
2:sora Halake
Haala badaa keessa jiruu
Suura kun hiirara magalaa bokuluboma keessatti kan ajjeefama DARGAGGOOTA QAAMAR QARBATOOTTI Via 
Mohammednur Guye

13686734_1081972295228790_1562869840441598707_n


‪#‎OromoProtests‬ Basastootaa Aanaa dodolaatti ummataa aanichaa basasaa jiraan keessaa

  1. Hussen Jaarsoo,w/dh.d.u.o bul/magaalaa kan asiin dura document forjidiin qabamee hidhame(oso hin baratin degree hojachiifate).
  2. Huseen Burqaa kan asin dura Harree hatee naggeellen gabaa keessa marsiisan.
  3. kadiir Quxaa i/anaa daandii baadiyaa,doobbadoon,bubbiftuu fi alantuu basaasa.
  4. Tasfaayee Taddasaa Kantiibaa magalaa Dodolaa

Via Mohammednur Guye



Hubachisa waan dhugamufi waan nyataan dukana alaga irra bittani lubbuu keysanifi lubbuu maati keeysani hin galafatina Via Sartu Oromo

13626338_147607839002372_7693247713599994051_n

13781705_147608772335612_7454965714765155053_n


Godina arsii lixaa anaa Adaabbaa guyaan hadhaa kun guyaa gabaa turee garuu woyanee umataaa magalaafii badiyaa kan garaa magalaa demuu dhorkudhaan suqidhan cufsiisuuf umatan garaa manaa galaa jedhartii sensaa magalaa iratii umataa badiyaa dhufuu tumutii jirtii Via Mohammednur Guye

13669600_903469919758089_5978549245584490242_n




Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918