Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Dhaamsi  Hatattamaa  Deebii Hatattamaa argachuun Dirqama

$
0
0

Damee Boruu irraa

13592552_10204825039105530_4745105466343175589_nQeerroon Bilisummaa Oromoo Adoolesa 17, 2016 Daamsa Hatattamaa uummata Oromoo dabrsee jira. Waamchi yaroo isaa eegate waan dhufeef ilmaan Oromoo onnumaan fudhachuu qabna jedheen amana. Bakka jirru marati gamtaan saba keenya wajjin dhaabbachuu fi aarsaa barbaachisu keennuuf of qopheessuuu nu irraa eegama. Gummaachi qabsoo bilisuummaa saba keenyaaf goonu dacha dachaan dabaluu qaba.

Mootummaa faashitii ilmaan Oromoo lafa irraa duguugee balleessaa jiru kana wajjin qabsoo karaa nagaa ni goona jechuun funyoo mormatti of hidhanii of fanisuu irraa adda hin  tahu.  Mootummaan TPLF sagalee nagaan rakkina furuu jedhu hiikaa isaa hin beeku. Kan beeku afaan qawween furuu duwwaa dha. Mirga keenya meeshaa qabnu maraan karaa dandeenyuu falmachuun haqa dhalootaan qabnu yoo tahu Waaqayyos akka nuyi wajjin jiru dagachuu hin qabnu. Filmaatni qabnu humnaa fi meeshaa qabnuun diina faashitii kana of irraa ittisna yookaan duguugamnee baduu dha. Amma yoonaatti qabsoon keenya karaa ifa taheen filmaata kana lamaan keessaa  murteefatee hin jiru . Garuu ammaan kana eejjennaan fudhatame jiraachuu saba Oromoof murteessaa dha.

Qabsoo bilisummaa biyya lafaa irratti godhame keessatti  yarooitti uummatni bal’aan gartuu waraana xiqqoon aangoo mootummaa cabse  aangoo qabate hin jiru. Hojiin humna garee waaraana uummata damaqisuu, ijaaruu fi dhidhachiisuu dha.  Mootummaa kan humnaan cabsuu danda’u gaafa uummtni bal’aa gamtaan kaa’ee  duraa dhaabbate qofa. Lolli bilisummaa lola uummata bal’aati malee lola humni muraasni mootumaa cabsee bilisummaa mirkaneessu miti. Haalli kun adda bahee hubatamuu qaba. Hojiin ijaarsaa daaba bilisummaaf dhaabbatee kaayyoo bilisummaa dhaabbateef irratti hundeefatee  uummata bal’aa  dhamqisuu, ijaaruu fi hidhachiisuuf qabsaa’uu dha.  ABO waggaa afurtmaan darbaan kana keessaa qabsoo bilisummaa uummatni Oromoo har’a itti jirru kana argamsiisuu wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasee jira. Gootonni Oromoo hedduun itti aarsaa tahanii jiru. Damaqinsi uummata keenyaa sadarkaa har’a jiru kana irra gahuu kan danda’e tasa lafaa ka’ee akka hin taane bareechinee hubachuu qabana.

Baatii jahan darban kana keessa uummtni Oromoo kumaatamaan bahee mirga keenya barbaannaa jedhee, iyyachaa, himachaa, dhaadachaa fi kadhachaa jira.  Karaa biraa Mootummaan TPLF kan tuffii uummata Oromoon bokokkee jiru uummataa gaaffii karaa nagaa gaafachuu jiru: xiqqaa fi guddaa utuu hin jedhiin, dhiiraa fi dubartii utuu adda hin baasiin ajjeessaa, hidhaa fi akka harree uleen tumaa jira. Hammeenya kana hundaa kan raawwachaa jiru humna Wayaanee nama shaniin uummata Oromoo kuma shantamaan lakkawamu  irratti bobbaasuu dhaani.

Ammaan kana qawwee bitachuu qabna yaroo jennu qabsoon keenya akka sadarkaa olaanatti tarkaanfataa jiru agarsiisa malee meeshaan waraanaa nuyi bitachuu dandeenyu yoom iyyuu  kan diina keenyaa wajjin wal gituu hin danda’u. Diinni keenya taankii fi xiyaaraa kan uummatni  utuu horii qabatee iyyuu  bitachuu hin daneenye qaba. Warri kun meeshaa ittiin nama doorsisan malee meeshaa lola uummataaf tahan  miti.  Meeshaa waraanaa caalaa waan baayyee nu barbaachisuu murannoo fi onnoomuu dha. Meeshaa waraanaa horiin yoo argamee amma tokko  bitachuun ni danad’ama. Onnee garuu bitachuun hin danda’amu. Ummatni  keenya Kaaba amma Kibaa, Bahaa amma Dhihaa damaqee harka wal qabatee kaa’ee  jira.  Qawwee bituu wajjin hojiin guddaan nu eegatu wal gootomsuu fi wal onnoomsuu dha.  Artiistonni Oromoo utuu hidhamaa, waxalamaa fi ajjeessamaa jiranii uummata Oromoo gootomsuu fi onnoomsuu irratti aarsaa guddaa kennaa jiru. Meeshaa waraanaa Wayaaneen baatee biyya Oromoo keessa yaatu hunduu qabeenya uummata Oromoo ti.  Wal  gurmmeessinee Wayaanee machooftee karaa irra bulaa jirtu irraa meesha hikachuuf gamnuumaa  fi dandeetti qabaachuu qabna.

Baayyeen keenya karaa midiyaa Adooles 15, 2016 biyya Turkii keessatti  humni waraanni mootumaa galagalshee yaroo taankii guuratee karaatti bahuu uummtni biyya Turkkii onnummaan ka’ee loltotaa taankkii keessa akka hantutaa morma qabee gototee baasee karaa irratti akka darbaa turee agareerra. Kilaashinkoof itti utaalee yaroo irraa butee fudhatu uummata Oromoo duwwaaf utuu hin uummata biyya lafaaf fakkeenya gaarii kan tahuu natti fakkaata. Akkuumma kana naannoo Adoolesa 15, 2016 biyya Gondor keessatti yaroo TPLF namoota Amaaraa qabuu dhaqtu waliif dirmataanii qaanessuu dhaan  of irraa ariihuu irra darbanii qabeenyaa TPLF tahe ibdaan akka barbadeessan agarree jirra.

Yoo garaa jabaannee of irratti lololle malee diinni kun safuu uummata keenyaaf hin qabu.  Saba Oromoo baayyee tufachaa jira.  Akka tufatamnuis kan of godhe nuyi.  Baayyee garaa laafna.  “Garaa laafetiin firaa ulfoofti” jedhu warri keenya. Waan baayye namatti ulfaatu fi himachuun isaas nama qaanesu, bakka hundura fincila xummura Garbumma dhohetti Gincii keessatti yaroo Agaaziin Esheetuu Warquu Morodaa ajjeessuu dhiifnee boyyichatti deebi’uu dha. Uummatni Oromoo Gincii keessa jiraatu konkolaataa Agaazii tokko miti, taankii Agazii dhiba tokko iyyuu gubuuf humna qaba. Lakkobsi uummata keenyaa  humna tahuu isaa amma iyyuu adda baafnee argaa hin jirru. Maaliif Wayaaneen uummtni ishee gara miliyoona shan Oromoon gara miliyoona shantamaa nu bituu dndeesse ? jennee yoo of gaafanne: inni duraa waan sodaannuuf, inni lamaffaa waan meeshaa qabduuf, inni sadaffaa jalee akka OPDO waan of jalaa qabduuf, kan biraas jiraachuu danda’a. Deebbiin kunii fi kan kana fakkaatu quubsaa hin tahu.

Jeneral Tadassa Biruu bara kudha sagalii fi jatamaan keessa jireenya uummata  karaa nagaan  foyyeessuuf hawwii guddaa qaba. Maqaa Waldaa Meecaa fi Tulamaan nama Oromoo wal barsiisuuf isaa badaa Arsii keessatti Oromoota walitti qabee jiru Mootummaan Hayile Selaasee tankii f imadifiin waraana itti erge. Namni Jeneral Tadassee Dubbalee jedhamu dhaqee ammaa fi ammatti wal gahii kana facaasii jedhee Jeneral Tadasaaf ajaja kenna.  Badi asii atis jeneral anis jeneral si irra ajaja hin fudhadhu jedhee dida.  Yaroo sana namoonni Oromoo  isa wajjin jiran sodatanii rommuu jalqaban jennan “hin soodaatiina, isin dura anaan haa jeessan. Maaloo akka garaan keessan gubatuuf mimixa nyaadhaa” jedhe  kadhate. Yaroo Waraaqsa Ameerikaa (March 23rd 1775) Patrick Henry akkana jedhe “Is life so dear, or peace so sweet, as to be purchased at the price of chains and slavery? Forbid it, Almighty God! I know not what course others may take; but as for me, give me liberty or give me death!” Jecha isaa kana keessa amma tokko yoon hike,” Yaa Waaqayyo Guddaa,namootni biraa daandii kam akka fudhatan hin beeku, garuu anaaf bilisummaa yookaan du’a kenni” jedha.

Utuu har’a Jeneral Tadasaa Biruu jiraatee dhaloota Qeerroo kana argee garaan isaa inni gubate aanan dhuga. Warri sodaatu haa sodaatuu malee inni dhiga isaa dabrsee saba  isaaf dhangalaasuudhaan xurree bilisummaa nuuf baasee irra murannoo guutuun hordofaa jirra. Humni biyya lafaa keessaa Mootumaa TPLF halkan tokkotti gobsuu danda’u humna uummata bal’aa Oromoo qinda’e qofa.

Guyyaa qabsoon keenyaa kun gara qabsoo lola uummatatti  tarnkanfatuu waan godhamuu qaban keessaa:

  1. Karaa qindaa’een namoonni mana hidhaa keessa jiran meeshaa uummatni qabuun halkan tokkichaa Oromiyaa guutuutti mana hidhaa cabsinee baasuun tarkaanfii duraa tahuu qaba.
  2. Qabeenya diina uummatni saamuu hin dandeenyee fi deeb’ee diinaaf dhima baasuu dnada’u ibdaan barbadeessuu qaba.
  3. Naamota diinaaf hojjetan kan akka OPDO fi namoota TPLFf meeshaa tahaa jiran dhaloota kami iyyuu haa tahan garaa laafina tokko malee dhabamsiisu.
  4. Waajiraa OPDO tahe kan Federalaa kan biyyaa Oromoo keessaa jiru akka lamaffaa deebi’ee diinaaf dhimma baasuu hin dandeenye gochuu.
  5. Dhoksaa Mootummaa TPLF waan qabuuf, meeshaa kan akka komputeraa amma danda’ametti utuu hin badiin fudhachuu.
  6. Ilmaan Oromoos tahan namoota biraa hidhatanii Motummaa TPLF wajjin hojjechaa jiran hidhanaa isaanii wajjin akka gara qabsoo bilisummaatti makamaan waamicha gochuu.
  7. Qe’ee, mandaraa fi magaalaa isaa bilisoomsuuf Oromoon hunduu itti gaafatama qaba.
  8. Bakka humni TPLF jabaatee bobba’etti, iyyaa labsii walii dabarsuudhaan walii dirmatanii gaaga’ama guddaa gahuuf deemu irraa wal oolchuu.
  9. Murtii kana wajjin rakkinni nuyi hin yaadni dhufuu malu, hin dhufa jenne kan yaadnu yaroon furuu of qopheessuu.
  10. Goodaansa qabsoo keenyaa kana keessatti uummatni naannoo naanno isaatti of bulchuu fi nageenya wal eeguuf hubannaa akka qabaatu gochuu

Injifannoo Uummata Oromoof!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918