Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Hiriira Sanbata Darbee Irrtti Lubbuun Namaa Darbee Kaanis Madaa’anii Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni

$
0
0

Tuujubee Horaa irraa


9DAE6298-CD5E-4AB3-8012-C4918F50B562_cx0_cy19_cw0_w987_r1_s_r1
Hiriirri guddaan guutummaa Oromiyaa godinaalee fi aanaalee addaa addaa keessatti sanbata darbe geggeeffame ilaalchisee jiraattota magaalaalee adda addaa haasofsiisnee hiriirri sun attamiin akka geggeessame nuuf ibsanii jiru.

Namoota madaa’anii fi du’an jedhaman ilaalchisuu dhaanis hospitaala irraa deebii hanga tokko argannee jirra. Qama mootummaatti bilbiluunis deebii argachuuf yaaliin goone milkaa’uu baatus quunnamuu yaallee jirra. Hiriirri Sanbata darbe mangaalaa Naqamtee keessatti geggeessame irratti Abbaan Gadaa fi Abbaan Bokkuu kan isaan dursan ta’uu kan dubbatan jiraattonni kun, humnoonni mootummaa garuu jaarsolii kana harkaa ulee isaanii harkaa fuudhaanii marga isaan qabatanii turan harkaa facaasuu dhaan reebanii mana hidhaatti darban jedhu.

Namoonni kudhanii ol hiriira kana irratti rasaasaan rkutumanii kan du’an ta’uu jiraattonni ennaa ibsan Hospitaalli Naqamtees lakkoobsa namoota du’anii gara mana yaalaa Sanatti geessamanii kudhanii ol ta’uu mirkaneessee jira. Akkuma Kanaan Dadar, Qobboo, Dodolaa fi Finfinnee dabalatee hiriira geggeessame irratti lubbuun namaa darbuu hedduun madaa’uu fi hedduun mana hidhaatti darbamuu jiraattonni nuu ibsanii jiru.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918