Miseensota fi deegartoota OPDO Yuunibaristii Jimmaa irraa
Akkumaa beekamuu Nuti baratootni Oromoo Yuunibaristii Jimmaa Miseensotaa fi Deegartootaa Dhaabbaata Dimookiraatawaa U/ Oromoo (DH.D.U.O) turree, sababootaa armaan gadii irraaka’uun, Guyyaa haraa irraa egallee miseensummaa DH.D.U.O guutummaatti dhaabuu keenya ni beeksifna.
- Mootummaan naannoo Oromiyaa Maqaaf malee Mirgaa Ummataa Oromoo gamaa siyaasaan, dinagdeen, qabinsaa mirgaa dhala namummaan, egumsaa naannoon, bulchiinsaa gaariin, mirgaa dimookiraasiin kabachiisaa waan hin jirreef miseensummaa dhaabaa dhaabuuf murteeffaannee.
- Nuti jijjiraama barbaadna gama siyaasaa Oromootiin jijjiiramnii karaa dhaabaa keenyaa Dh.D.U.O dhufaa kan hin jirree ta’uu waan hubanneef, keessaattuu ergaa Uummaannii Oromoo dhibeentaa (25%) miseensaa dhaabaa kanaa ta’ee boodaa Oromummaan akka yakkaatti lakkaawee ilmaan Oromoo nagaan sabboonummaa qaban yakkamtootaa jechuun mana hidhaattii guuraman, dhaabbilee barnootaa ol aanookeessaattii naf xanyaan kaleessaa nu bitaa turtee jechaa dulloomaa abootii ishee irraa dhaalteen uummata keenyaa arraabsaa jirti. Ergaa OPDOn mirga sabummaa keenyaa hin kabachiisuu ta’ee Oromummaa akka yakkaattii lakkaawee ilmaan Oromoo mana hidhaattii guursisaa ta’ee miseensummaa fi buusiin miseensummaa dhaabaa kanaaf buusnubu’aan isaa maalii? Mootummaan eenyuu nuti enyuu?
- Akka uummataa Oromoottii qoodama aangoo Feederaalaa keessaa teessoo olaanaa gara teessoo 178 ol paarlaamaa biyyaattii keessaa qabatee kanjiruu OPDO ta’ee utuu jiruu qoodamnii aangoo biyyaatti keessaatti nuf kennaamee jiruu kan wali hin madaallee fi tasuma iyyuu sirna Federaaliziimii waliin kan wal faalleessuu ta’ee jira. Oromoon angoo dhabee moggeeffaamee jira, mee xinxaltootni Siyaasaa hubadhaa ilaalaa teessoo hanga kanaa baannee utuu jiruu yoo dhugaa dubbaannee aangoo Muummicha Ministeeraa Oromootu qabachuu qaba, warrii kaan teessoo paarlaamaa 38, 125, 45 fi kkf qabatanii muummichaa ministeeraa, itti aanaa mummichaa ministeraa, fi ministerotaa garaagaraa dabalee wal muudaa jiruu, egaa Oromoon paarlaamaa biyyaattii ijaaree utuu jiruu maaliif aangoo waakkatamee? Ministeerotaa meeqatu Oromoodhaa? Miseensaa Jirmiyaa siyaasaa tokkoo ta’uun maaliif? Kanneenkun miseensummaa dhaabaa OPDO akka dhaabnu nu dirqanii jiru.
- Mirgoonnii Dimookiraasii fi namummaa kabajamaa hin jirani, mirgii barataan tokkoo akka nama dhuunfaa fi gareen qabuu sarbamaa jira, garuu seerrii fi heerrii dhaabaa keenyaa waan kanaa hin eyyaamuu. Fkn namoonnii maqaadhaf Poolisotaa nuti nagaa egsiistootaa fi nuti dabbaallee Dh.D.U.O tii ofiin jedhaan guyyaa guyyaatti mirgaa baratotaa addaattii immoo mirgaa baratootaa Oromoo sarbaa oluu, yoo karaa itti fedhii dhuunfaa isaanii guutatan barbaadan baratootaa Oromoo sabboonummaa fi Oromummaa qabaniin isiin ABO dha, jechuun ID irraa fuudhuun qoratu, nyaataa illee akka ittin hin nyaannee fi dallaa yuunibarsiitii keessaa gadi bahaanii akka ol hin seenneef torbee lama hanga baatii tokkoo ID itti hin kennamu, dhimmaa dhuunfaa isaanii illee rakkoo siyaasaa gochuun siyaasaa dahoo godhatanii ilmaan Oromoo barnootaa irraa arii’achuun shiraa dalaguu, yoo barbadaan barreeffaamotaa barbaadan ofiin barreessuun maxxaansanii baratootaa gidduuttii goolii kaasuun kanaa sababeeffaachuun immoo jeeqummsatu ka’ee jechuu human nu dabaalaa, baajataa ittin tasgabbeessinuu nuf baasaa, jechuun mootummaa gaafatu. Ilmaan Oromoo nagaa ittin barnootaa irraa ari’uun akka hojii ciminaattii qabxii qabsiifachuun sadarkaa guddinaa ittiin mootummaa gaafatu. Haallii kun qabatamaan dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa keessaattii raawwaachaa jiraa. Kanaaf fakkeenyii gariin itti gafaatamaa Poolisii dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa Kaliid A/Tamaam fi dabbalota Dh.D.U.O kan ofiin jedhan Barattota akka Badhaasaa Firaajaa, Dabalee Charuu, Caalii Rattaa fi Haptamuu Rattaa fi kkf akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandaama. Namonnii kun dhugumaa Mootummaa fayyaduu isaniitii moo, fedhii dhuunfaa guutachaa jiruu? Qajeelfama seeraa mootummaa isaa kamtuu gochaa abbaa irruummaa kana deeggaraa? Yeroo garaa garaatti iyyataa dhiyeeffannee deebii gahaa dhabuu irraa darbee rakkoo ilaalchaa qabduu jechuun waan qoratamaa jirruuf guutummaatti miseensa dhaabuu murteeffaanne.
- Asiin fuulduraa ilaalchaa siyaasaa fi gochaa keenyaan Ummataa Oromoo cunqurfamaa kanaa fi sabboontotaa goototaa Oromoo dhugaa Oromummaa isaanii fi Mirgaa Ummataa keenyaa kabachiisuuf qabsoo bilisummaa, nagaa fi dimookiraasii gaggeessuun arsaa kanfalaa jiran yoo deemsaa keenyaan isiin gadisiifneeraa ta’ee dhiifamaa guddaa gaffanna. Akkaa mootummaatti Yakkamtootnii fi Shakkamtootni sanuu aangoo irraa bobbaafamani siyaasaa dahoo godhachuun Dallaa Yuunibarsiitii Jimmaa keessaatti yakkaa garaa garaa baratootaa Oromoo irraatti rawwaachaa jiraan seeraatti akka dhiyaataan ammas cimsinee gaafanna. Yoo tarkaanfii madaalawaan yeroo dhiyootti hin fudhatamin tarkaanfii mataa keenyaa kan fudhannuu ta’uu ni akeekna.
GARAGALCHA
– Presidentii Mootummaa Nannoo Oromiyaatiif
– Waajjiraa DH.D.U.O Gidduugaleessaaf
– Biroo Haqaa fi Naga.