Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Duulaa Ololaa fi Shiraa Miidiyaalee Wayyaanetiin Oromiyaa keessatti Gaggeeffamaa jiru

$
0
0

(SBO) – Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) ummanni Oromoo sadarkaa ol’aanaatti tarkaanfachiisuun finiinsaa jiruun kan dhiphate mootummaan wayyaanee, ergamtoota isaa Oromiyaa keessa bobbaasuun duula miidiyaatiin wareegama ilmaan Oromoo gatii dhabsiisuu fi ummata keessatti afanfajjii uumuuf dhama’aa jira. Murni TPLF qabsoo Oromoo hudhee isa qabe ofirraa qabbaneessuuf, danda’amnaaniif dhaamsuuf ajaja garaaf-bultootatti dabarseen gaazexeessota sirnichaa Oromiyaa keessa bobbaasuudhaan shiraa fi olola dharaa oofsisaa jira. Gaaffii mirgaa ummanni dhiyeessaa jiruuf gurra laachuun caqasuu fi deebisaa sirnaa itti laachuun aadaa isaa kan hin taane mootummaan wayyaanee, ammallee Warraaqsa Xumura Gabrummaa akkaan jabaataa jiru humnaan dhaamsuu waan dadhabeef lukkeelee isaa of dura qabee duula miidiyaatti jira.

Duula kanaanis karaa tokkoon sabaa-himaalee (Media) walabaa, odeessa haqaa, madaalawaa fi qabatamaa ummataan gahan kan akka SBO, Raadiyoo Sagalee Oromoo (RSO) VOA, Docho Vele ukkaamsuu (‘Jam’ gochuu) kan itti fufe yoo tahu, karaa kaaniin ammoo miidiyaalee (Sabaa-himaalee) tohannaa isaa jala jiran fedhii ummatootaa hin calaqqisiisneen olola diiggaa fi afanfajjii hafarsaa jira. Duulli miidiyaa kun durumaanuu kan ture tahullee, keessumaa erga Warraaqsi Biyyaalessaa Oromiyaa FXGn Hagayya 6 bara 2016 gaggeeffamee sirnichatti qaanii haguugeetii as addatti Oromiyaa irratti fuuleffachuun OPDOtti dirqamni ergama wayyaanummaa tamsaasuu itti kennamee karaa Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziyoona Oromiyaa (DhTRO) hojiirra oolfamuuf fiigamaa jira.

Miidiyaan arraata dhaaba ergamtuu OPDO tahe kun, gaazexeessota dhaabbatichaa magaalota Oromiyaa FXGn akkaan itti finiine keessa dirqamaan bobbaasuudhaan akka isaan hojii faallaa ogummaa gaazexeessummaa fi faallaa fedhii Ummata Oromoo tahe hojjetan ajaja itti kennuu odeessi SBO dhaqqabe ni addeessa. Gaazexeessonni fedhii isaanii malee dirqamaan diinaan bobbaafaman kunneen dhugaa jiru odoo beekanii fi arganii magaalotaa fi baadiyyaaleen Oromiyaa fincilaa fi mormiidhaan raafamaa jiran “Nagaa dha” jedhanii akka dhiyeessantu itti himame. Kanatti dabalee ajjechaa suukaneessaa humnoonni weerartootaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorraan gahanii fi saamicha raawwataa jiran gara dabarsuuf akka waan rakkoo homaatuu hin jiraannee fakkeessuuf hojjetu. Akka duula kanaan saganteeffametti agabaasotni/rippoortaroonni DhRTV dirqamaan Oromiyaa keessa bobbaafaman, dabballoonni OPDO Onootarra jiran, gaazexeessonni Istuudiyoo jiran hundi waliin tahuudhaan Oduu, Xiinxala hayyootaa fi ogeeyyii, Marii ummataa, akkasumas yaada ummatarraa funaaname fakkeessanii yaada dabballoota isaanii muraasa waan dhiyeessaniin warraaqsa FXG ilmaan Oromoo wareegama qaalii itti baasan busheessuu, yakka TPLF raawwates dhoksuu, gaaffii ummataa fi FXG itti fufiinsaan deemaa jiru balaaleffachiisuu irratti xiyyeeffatan.

Haaluma kanaan magaalota Oromiyaa Warraaqsa FXGtiin raafamaa jiranii fi ilmaan Oromoo hedduun gootummaan waraana wayyaanee dura dhaabbachuun itti wareegaman keessaa takka kan taate magaalaa Naqamtee keessatti gaazexeessonni DhRTO bobbaafamuun dhugaa haala naannicha keessa jiruu haguuguuf tattaafatuurratti argamu.

Garaaf-bultoota muraasa irraa kan hafe dirqamaan kan bobbaafaman agabaastotni/rippoortaroonni miidiyaa diinaa kanaa, ajjeechaa ilmaan Oromoorra gahe, hiriira guddaa alaabaa ABO qabatuu fi fannisuun guutummaa magaalattii keessatti gaggeeffame xiqqeessuun akka dhiyeessanii fi ummanni akka balaaleffatuuf magaalattii keessaa yaada funaanuuf fiiganis itti hin milkoofne. Duulli kun haaluma walfakkaatuun handhuura Oromiyaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa hedduu keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu, ummatarraa dura dhaabbannoo jabaan isa mudataa jira.

Namoonni yaada kennan jibbaa fi mormii mootummaa wayyaanee, yakka humnoonni sirnichaa raawwatan, miidhaa fi roorroo mootummaan walqabatee ilmaan biyyaa hiriira gaggeessuu walumaagalatti waan arganii fi dhagahan akkasumas irraa qooda fudhatan dubbachuuf malee, waan dabballootni “akka jedhamu fedhan” haasa’uu diduurraa gaazexeessonni rakkoo jabaa mudataa jiru.

Kana malees DhRTO’n keessumaa Televiziyoonni Oromiyaa baanamu Oduun jidduu kana dhiyeessaa jiru hundi waa’eedhuma warraaqsa FXG tahuun akkasumas marii ogeeyyii fi xiinxala hayyootaa jechuun namoonni foddaa TVn as bahanii olola farrummaa lallaban qondaalota OPDO amanamoo TPLF tahanii fi waajjiraalee OPDO adda addaa keessa dalagan tahuun muddamsuu sirnichaa ifatti agarsiiseera. Miidiyaan ergama diinaa baadhatee hawwii fi fedhii saba Oromoo dura dhaabbatuuf hojjetaa turee fi jiru kun, maallaqa hedduu dhangalaasee hojjettoota isaa Oromiyaa keessa bobbaasus waan fedhan ummatarraa dhabuurraa waanuma walfakkaataa irra deddeebi’ee dhiyeessaa jira.

Miidiyaaleen Oromoo haala Oromiyaa keessaa deemaa jiruu fi waliigala Impaayera Ixoophaa keessa jiru irratti odeessa haqaa, qabatamaa fi madaalawaa dabarsuudhaan fedhii ummataa tisksuuf hojjetaa jiran keessumaa ammoo Tiliveziyoona, Raadiyoo fi marsaaalee dabalatee miidiyaaleen bilisummaa Ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa irratti fuuleffatuun hojjetaa jiran marti duula mootummaan wayyaanee karaa miidiyaa isaatiin gaggeesaa jiru addattis bobbaa gaazexeessota dirqamaan Oromiyaa keessa facaafamanii kana bifa isaanii danda’ameen saaxiluu fi ifatti dura dhaabbachuun Warraaqsa Ummata Oromoo wareegamaan as gaheef waardiyyaa dhaabbachuun dirqama lammumaa ti.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918