Bitootessa 25/16
============
#Oromoprotests Unevristy jijjiga kessaatti ijoollee oromoo irratti miidha hangana hin jedhamne gaha jira . Liyyuu poolisi poolisin feedarala Dormii ijoollee oromoo kessaa jirtu balbala cacabsun ijoollee reeba jiru . Kessaattu ijoollee shammaarani irratti liyyuu poolisoonni waan hin taane irratti rawwacha jiru
Mormii guyyaa har’aa magaalaa Finfinnetti taasifame, Masjiida Tabaarak naannawa Meksikoo, March 25 2016, Masjiidni mormiin kun itti adeemsifame ollaa waajjira guddicha poolisoota federaalaatti kan argamu tahuun isaa mormiin kun yommuu taasifamu hammam takka sodaan onnee ummataa keessaa bahee fagaatee akka jiru kan agarsiisuu dha. Tarkaanfiin humnaa qabsoo ummataa of duuba hin deebisu. Qabsoon itti fufa!

Bitootessaa 25/2016 Waarraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa #FXG, Jabaachuun daandiin Konkolaataa kibba Lixa Oromiyaa irraa Gara Finfinneetti seensisuu fi Gara Oromiyaatti baasu #Magaalaa_sabbataa irratti Ganama irraa eegaluun cufamuun konkolaataan kamuu akka socho’uu hin dandeenyetti danqamee rakkoon guddaa wayyaanee mudachaa jira. uummanni Oromoo ajjeechaa fi Huulaa Hidhaa waraanni Agaazii rawwachaa jiruun sochii isaa irraa dhaabbachuu hin danda’u, Wareegamaa qaalii kanfaluun Injifannoo Boonsaa of harkatti galchee jiruu kanas irratti dachaan wareegama malee duubatti kan irraa deebi’u miti kanaafuu eejjennoon uummata oromoo #Hanga_Bilisummaa_keenya_Gonfannuutti_fi_gaaffiin #Mirga_abbaa_Biyyummaa_Uummata_Oromoo deebii argatuutti Haragalfii tokkoo malee itti fufa!!
![]() |
![]() |
Bitootessa 24,2016
=====================
Godina L/Shawaa aanaa Dandii magaala Gincii ganda 02 keessatti wajjira bulchiinsa gandichaa ummatni ibidda itti qabsiisuun hojiidhaan ala taasisee jira.
Farreen QBO fi humnoonni badii wayyaanees miidhaa barattoota irraan akka hin geenyeef daandiiwwan keessaa uummanni yaa’ee cufee ooleera.
————————————————————————————-
Odeeffannoo Dabalataatin
—————————————
Sadarkaa godinaalee Oromiyatti kalleessa Bitootessa 22 fi 23,2016 FXG bakka hundaatti uummataa fi Qeeyroodhaan jabeeffamee itti fufee jira. Godina Horrro Guduruutti aanaa Amuruu magaala Agamsaa mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi jiraattootni magaala Abooraa dabalatee barattootnis guyyaa har’aa daandii cufuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. “ KAN HIDHAME HAA BAHU. MOOTUMMAAN WAYYAANEE SHORORKEESSAA. ABON NUUN HAA BULCHU.” jechuun dhaadannoo dhageesissaa akka oolan qeerroon gabaasee jira.
Itti fufuudhaan magaala Naqamtee mana barumsaa Qassoo sadarkaa 2ffaatti har’a barattootni WBO faarsaa oolaniiru. Barsiisaan hidhames akka gadhiifamuuf mormii jabaan tureera. Toora torban kanaa magaalli Naqamtee humna waraanan hudhamte jirti. Poolisiin wayyaanee barattoota irratti dhukaasa banun ammas gocha gara jabeenyaa itti fufee jira. Barataan harka qullaa sodaa malee dura dhaabbatee FXG itti fufee jira