Quantcast
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Faana Fayyisaa!

Image may be NSFW.
Clik here to view.

Baarentuu Gadaa Irraa

Sammuu ofii gurguranii, garaa ofii qofa guttachaa yeroof jiraachuun ni dhanda’ama ta’a. Lammii koo, biyyakoo isa jedhu dhiisanii anaaf ana qofaaf jechuunis akkasuma ni danda’ama. Kanneen haala kanaan jiratanis danuudha. Iddoo hedduuttis muldhachaa jira. Fakkeenya biraaa dhiifnee garaaf bultoota miseensoota OPDO ergamtoota Wayyaanee yoo kaafne gongumaa of malee nama biraa hin beekan. Garaan gunnaan isaanibara sammuun hin jiru. Warreen kun yoo Oromoon waraana Agaa’aazii amma funyaanitti hidhateen dhumu isaaniif homaayyuu miti.
Hidhamuun, qayee fi qabeenyarraa buqqa’uun Oromoo dantaa isaanitii miti. Horii wayyaaneerraa argataniins akkuma beekamu Oromoo ficcisiisaa jiru.Miseensota OPDO fi fakkaattoota isaanii bira garaan gunnaan ummataaf, biyyaaf wanti jedhamu hin jiru. hin turres. Funduraafis OPDOrraa waa eeguun buuphaa bofaarraa makoodii eeguudha.

Akkuma miseensoota OPDO kanneen sababa adda addaa himachuun ajjeechaa, dararaa fi saamicha saba isaanii callisanii ilaalan, kan ammoo maqaaf Oromoo himatan hedduudha. Warreen kun xiqqatus abbaa qabeenyaa ykn namoota karaa akkaadaamii, ogummaa Artii, ykn Atleetoota
aadunyaarratti beekaman ta’uu danda’u. Isaan kun hundas ta’uu baatan muraasni Wayyaaneetti hiiquun gurshaa bubuutuu argataniin ykn horii Wayyaaneen Oromoorraa saamtee isaanif qunxurtuun gurrii fi ijji isaanii cufamee dhumaatii saba isaanii gurraa fi ija cufachuun yoo callisan argina. Bahanii mormuuf yoo sababoota bishaan hin kaafne tarrisan muldhata. Sanis ta’ee kanas garuu namni bara kana hin damqane yoomuu hin dammaqu. Ani Oromoodha jedhee himachuunis saalfachiisadha. Inni ykn ishiin antummaa oromoorraa qabdu kamuu himachuun qaaneessaadha ta’a.

Namni kamuu ani nama ofiin jechuu danda’a, dhugaadha namni namrraa dhalate hunduu namuma. Dheeraa gabaabaa, dimaa gurraacha, dhiiraa dubartii,beekaa wallaalaas ta’uu danda’a. Haata’uutii eenyuyyuu ani namaa bar ofiin jechuuf sadarkaa samuun namaa yaaduu danda’utti
yaaduun dirqama. Hamaaf -tolaa adda baaftee isa yaraa jibbee ykn sirreessee, isa gaarii ammoo jaalatee fi jajjabeessee jireenya isaa bareechee fi akka namaatti jiraatee darbuu qaba. kan samuu namaa gammachiisu ummata ofii saamanii fi saamsisanii nyaatanii buluu osoo hin taane ofitummaarra firaa fi biyya ofii yoo dursan nama gammachiisa, namatti tola, nama kabachiisa, nama boonsa waan ta’eef.

Akka dhugaa addunyaa kanarratti argaa jiruutti kuun hiyyeessa kuun dureessa, kun quufa dhokkubsatee hospitaala bula, kuun kan nyaatee dhugu dhabee karaarra taa’ee Dunbulloo kadhata. Keessumaa impaayeera itiyophiyaa keessatti erga wayyaaneen haangoo qabttee asii miseensoota ishii dhalattoota Tigraay malee kuun saamamee keessumaa ummanni Oromoo(economic genocide) Jenoosaayidii diinagdeetinis rokutamee rakkoolee hedduuf saaxilameera. Haa ta’uutii Oromoon jireenya akkamiituu jiraatu ergamtoota muraasarraa kan hafe hiyyummaa sammuu hin qabu. Akkuma argaa jirru kan qabu qabeenyaan, kuun humnaan, kuun beekmsaan qabsoo saba isaarratti wareegama kaffalaa jira. Seenaa dhaloota dhufuuf darbu dalgaa jira. Kan nama nama jechiisiisuus kanuma waan ta’eef.

Dhugaadha addunyaa har’a keessatti of ittummaan hammaatee jira. Inni tokko yoo lammii fi biyya kootiif jedhu inni biraa ammoo garaa isaaf jecha yoo lammii fi biyya isaa gurguru muldhata. Inni tokko biyyaaf lammiif dhiphata, inni biraa ammoo samuun isaa ofitummaa guutamee lammii isaarra garaaf maqaa isaaf dhiphata. Dhugaa akkasii kana ragaan deeggaruuf ammoo fageenya osoo hin deemne miseensoota dhaaba wayyaaneen bixxiltee ergachaa jirtu OPDO fi kanneen biyya keessaa fi alatti maqaa diyaaspooraa jedhuun socho’an kaasutu danada’ama. Warreen kun garaa ofii, dantaa isaanii malee Oromoo quba hin qaban. Akkuma argaa fi dhagahaa jirru dhiiga ummata Oromoo dhangalahaa jirurra ejjetanii horii Wayyaaneen ummata Oromoorraa saamtee qunxurteef lakkaawaa jiru. namoota akkasitin nama jedhanii nama keessatti ramaduun nama rakkisa. Wanti gaarii fi nama gammachiisu ammoo haati Oromoo gotota dachaa, dachaan dahaa jiraachuu ishiiti. Hattuu fi gantuun , saba Ofii gurgurtu, inkirdaanni lammii asif achiin ummata Oromoo saamaa fi saamsisaa turtus, kunoo gootonni Oromoo taankii fi matrayyasii dura dhaabbatanii dhakaan lolaa jiru. Oromoo gootoota kumaa kitila garaa isaanirra lammii isaanii filatan, hedduu qaba. hojii gotummaa hojjechaa jiraniins bonsaa jiru. baddaa gammoojjitti, baadiyyaa magaalaatti , muziqaan, dirree olompikiitti gotummaa argisiisaa jiru.

Gootota kanneen keessaa goonni seenaan hin daganne kan dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa malee waraana wayyaanee aga’aaziin dhanagalahe kabjaa ol aanu itti hore Goticha Atleet Fayyisaa Leellisaati. Fayyisaa Leellisaa atleeta Oromoo Atleetii seenaan yoomiyyuu hindaganneedha.

Fayyisaa Leelisaa qabsaawaa bara rakkooti, qabsaawaa ummata isaaf maqaa isaa, kabaja isaa, qabeenya isaa, dabarsee kenneedha. Fayyisaa leellisaa dhugaa Oromoon qabu, dhiittaa mirgaa, ajjeechaa fi hidhaa, saamichaa fi godaansa ummata Oromoorra wayyaaneedhaan gahu nama Addunyaaf saaxileedha. Nama saba isaaf umame, gota safartuu hin qabneedha.

Fayyisaan mootummaa faashstii wayyaanee waggoota 25n dabaniif yakka ummata Oromoorratti raawachaa turtee fi jirtu mataa gadi qabachiise, buquu gadi cabseedha. Addunyaa duratti sirna abbaa irree kana qaaneesseedha. Walumaa galatti fayyisaan goota, fayyisaan fakkeenya waan hundaati, qabeenyi isa mogsine, qarshiin wayyaaneen ummata Oromoo saamtee isa badhaaftu isa hin hawwanne.

Gaafii guddaan goota kanarraa barnoonni fudhatamuu qabu maali kan jedhuudha.? Keessumaa warreen maqaa OPDOtin wayyaanee jala fiigdan, kanneen maqaa diyaaspooratin mootummaa shiftaa Tigraayitti irkattanii alaa-manatti ummata Oromoo qayee fi qabeenyarraa buqqisaa turtanii fi jirtan akkuma Oromoon “Barri hin darbaa maqaan hin darbu” jedhu bara darbaa jiruuf yakka Oromoorratti hin dalaginaa, karaatti deebi’aa. Maqaa keessan akka Atleet Fayyisaa Leellisaa halluu hin haqamneen katabsiisaa. Qabsoo Oromoo cinaa dhaabbadhaa. Diinni namatti fayyadamee akka harree dadhabdee nama gata. Osoo hin gatamin kan daandii ofii sirreeffatu ammoo abbaadha. Daddaffin daandii sirreeffatuun lammiitti deebi’uun dubbii fardiidha jenna. Goota keenya Atleet Fayyisaa Leellisaa Oromoon eenyu akka ta’e dirreetti ibseera. Goota keenya kanaan galaganni kee bilisummaadha jechaa hundii keenyaa karaa dandeenyu maraan akka faana isaa dhofnuun jedha!!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918