OMN: Interview with Dr. Mararaa and Seife Nebelbal Radio, July 8, 2016
RSWO – Adoolessa 7, 2016 (Oduu)
#OromoProtests, July 8, 2016 (Updated)
Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa
Adoolessaa 8/2016(Qeerroo.org) — Gidduugalessi Oromiyaa Shaggar Lixaa Magaalaan Giincii Gara Dirree Waraanaatti Jijjiiramtee Jirti. Waraannii Agaazii Guddaan Halka kana illee Dabalataan gara Gidduu galeessa Oromiyaa fi Lixa Oromiyaa Lixa Shaggar Magaalaa Giincii , Amboo, Meexxii, Olaankomii, Ejeree, Gudar, Baabbicha, Geedoo ,Baallammii, Dirree Incinnii , Daannoo, Ijaajjii , Baakkoo, Holootaa , Jalduu, Adaa’aa Bargaa Mogor , Meettaa fi Gindaabarati fi Lixa Oromiyaa Horroo Guduruu wallaggaa: Shaambuu, Finca’aa, Amuuruu, Guduruu, wallaggaa Bahaa Naqemtee fi Naannoo Ishee irra socho’aa jiraachuu fi Bifa haaraan Qubsiifamuuf kan jiruu ta’uun saaxilamee waan jiruuf Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bakka jirtaan hundatti gamtaa keessan jabeeffachuun utuu Waraannii kun gandoota Baadiyyaa fi maayibaasii adda addaa irra hin qubsiifamiin daandii itti cufuun of irraa ittisuufi Waan Dandeenyuu hundaan humna
uummata Oromoo gooluu fi Shororkeessuuf socho’uu kana of irraa deebisuufi Warraaqsaa biyyooleessa Oromiyaa FXG Marsaa 6ffaa itti jirru itti jabeessuun furmaata ta’uu wal hubachuun hiriirree haa falmannu!!
Gincii, Dirree Dawaa, Kofalee fi Shashamannee keessatti Sochiin FXG Itti Fufee Jira
Adoolessa 8,2016 (Qeerroo.org) — Magaala Dirre Dawaa ganda 02 bakka addaa Saabiyaan jedhamee waamamu ganama halkan waxabajii 5/2016tti Alaabaan ABO bakka sadii olitti kan fannifame hanga har’aatti turuun Qeerroon kan gabaase akkasuma naannoo buufata poolisiitti alaabaan fannifames humna poolisii Wayyaaneetiin kan bakka fannoorraa bu’e tahuun Qeerroon gabaase.
Alaabaan ABO fannifamuun dabalatti uummanni qabatee yeroo Iidaadha galutti dhaadannoo waliin dhagesisuun gabaasni Qeerroo magaalicha irraa addeessa. Dabalatuudhaan godina Arsii lixaa naannoo Shaashimannee fi Shaalatti bakka 4tti waraqaan waamichaa bittimfamuu Qeerroon gabaasee jira. Waamichi Qeerroon waraqaa balaliituudhaan magaala shaashimanneetti bittimse
– Qeerroon dargaggootni ka’i
– Wayita ramadaanaa kanatti namootni 13 nujalaa ajjeefamaniif itti Wayyaaneen itti gaafatamuu qaba
– Qabsoo keenya itti fufuu qabna
– FXG finiinsuu qabna
– Uummanni oromoo ka’aa nu waliin hiriiraa
– Mootummaan wayyaanee ajjeesaadha
Uummanni naannichaa FXG itti fufuu keessattis tarkaanfii gara fuula duraatti fudhatamu qabuuf qopohii barbaachisaaf of qopheessaa jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan FXG waan itti fufeef ergamtootni diinaa magaala Shaashimannee keessa jiraatu miliquun naannicha akka gadhiisan gabaasni Qeerroo addeessa. Jiraatootni kanneen gara mootummaa dhaabbatanii fi deggertotni mootummaa sochii Qeerroon magaala Shaashimannee taasisaa jiruu fi dhaadannoo garagaraa irraan magaalicha gadhiisuun gabaafame.
Aanaa Kofaleetti FXG kaleessa itti fufe irraa kaasee har’a humni waraana agaazii uummata keessa deddeebihaa ooluun namootni hedduun
hidhaatti guuramuun Qeerroon gabaase. Daandiiwwan konkolaataa yeroo humni waraana wayyaanee uummata keessa faca’etti cufamuudhaan humni addaa uummata keessa utuu faca’ee hiraarsuu har’as FXG itti fufee ooleera.
Gama biraan guyyaa har’aa Adoolessa 8,2016 godina lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti bifa qindaayaa ta’een sochiin FXG hanga ammaa itti jirtama.
#oromoprotests Adoolessa 8,2016 Magaala Dirre Dawaa ganda 02 bakka addaa Saabiyaan jedhamee waamamu ganama halkan waxabajii 5/2016tti Alaabaan ABO bakka sadii olitti kan fannifame hanga har’aatti turuun Qeerroon kan gabaase akkasuma naannoo buufata poolisiitti alaabaan fannifames humna poolisii Wayyaaneetiin kan bakka fannoorraa bu’e tahuun Qeerroon gabaase.
Alaabaan ABO fannifamuun dabalatti uummanni qabatee yeroo Iidaadha galutti dhaadannoo waliin dhagesisuun gabaasni Qeerroo magaalicha irraa addeessa. Dabalatuudhaan godina Arsii lixaa naannoo Shaashimannee fi Shaalatti bakka 4tti waraqaan waamichaa bittimfamuu Qeerroon gabaasee jira. Waamichi Qeerroon waraqaa balaliituudhaan magaala shaashimanneetti bittimse
– Qeerroon dargaggootni ka’i
– Wayita ramadaanaa kanatti namootni 13 nujalaa ajjeefamaniif itti Wayyaaneen itti gaafatamuu qaba
– Qabsoo keenya itti fufuu qabna
– FXG finiinsuu qabna
– Uummanni oromoo ka’aa nu waliin hiriiraa
– Mootummaan wayyaanee ajjeesaadha
Uummanni naannichaa FXG itti fufuu keessattis tarkaanfii gara fuula duraatti fudhatamu qabuuf qopohii barbaachisaaf of qopheessaa jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan FXG waan itti fufeef ergamtootni diinaa magaala Shaashimannee keessa jiraatu miliquun naannicha akka gadhiisan gabaasni Qeerroo addeessa. Jiraatootni kanneen gara mootummaa dhaabbatanii fi deggertotni mootummaa sochii Qeerroon magaala Shaashimannee taasisaa jiruu fi dhaadannoo garagaraa irraan magaalicha gadhiisuun gabaafame.
Aanaa Kofaleetti FXG kaleessa itti fufe irraa kaasee har’a humni waraana agaazii uummata keessa deddeebihaa ooluun namootni hedduun
hidhaatti guuramuun Qeerroon gabaase. Daandiiwwan konkolaataa yeroo humni waraana wayyaanee uummata keessa faca’etti cufamuudhaan humni addaa uummata keessa utuu faca’ee hiraarsuu har’as FXG itti fufee ooleera.
Gama biraan guyyaa har’aa Adoolessa 8,2016 godina lixa Shaggar magaalaa Gincii keessatti bifa qindaayaa ta’een sochiin FXG hanga ammaa itti jirtama. Via Adem Misoma
#Oromoprotests
Konkolaataan waraanaa takkittiin kun gatii USA $400,000 akka taate beektuu?
Mootummaan wayyaanee biyya ummanni miliyoonaan beelaafi hongeen miidhamaa jiran keessatti qotee bulaafi barattoota gaaffii mirgaa gaafatan to’achuuf qofa konkolaataa waraanaa qaalii tokkittiin doolara Ameerikaa 400,000 bitee ummataan goolaa jira. Mootummaan Ameerikaatiis gargaarsa doolara miliyoonootaan humna waraana Wayyaanee gargaaaruuf gumaacha. Yaa ummata keenya osoo ati beelaan dhumaa jirtuu ammallee waraanaa akka ati mirga kee hin gaafanne si ukkamsuuf liqii boru sirraa guuramee galuun konkolaataafi rasaasa siin ajjessu bitaachaa jiru kana didi.
(Suuraan kun arra Gincii keessatti kaafamte)
=====
In a country where tens of millions are in food shortage, Ethiopian government uses a 400,000 dollar armored riot dispersing vehicle to control poor farmers. As a US tax payer, we are also helping this nightmare. US government give hundreds of million dollars in military aid to Ethiopia. Ask you representastives why we re supporting a regime with such a terrible human rights record., (picture taken today at Ginchi, Ethiopia). Via Saphaloo Kadiir
Let me guess that everybody will get it right now. #OromoProtests is not a temporary anger over one simple question. It is a cumulative demand of the Oromo people who had enough of the relentless and systematic oppression and dispossession by the successive Ethiopian rulers. In this sense, it is simply unstoppable demand to transform the politics of the country. Some people think the Oromo people are asking the same idiot politicians to answer their question. IT IS NOT! The Oromo people is rather telling the idiot to leave the spot for people who can do it right and fair. Via Birhanu M Lenjiso
Qeerroo Handhuura Oromiyaa maraaf!
Adooleesa 8, 2016
Namni suuraa kanarratti argitan kun maqaan isaa Getaachoo Alamuu jedhama. Dhalootaan lixa giddu galaa Walisoo jedhama. Hiriira magaalaa goototaa Gincii ti deemaa jiru irratti kan Asheetu Warquu Morodaa gara jabina suukaneessaan ajjeesee Tigree osoo hin tahiin nama suuraa isaa argitan kana kan jedhu qormaata dedeeme irraa mirkannaawwe jira. Qeerroo fi maanguddoon Handhuura Oromiyaa nama diinna kaayyoo caalaa lammii isaa galaafate kana akka gootan isiinituu beeka. Via Ibsaa Nagawoo
July 8, 2016
TPLF ijoolee Oromoo Fanjii Shabiyaa irra gangalchitee fixuuf gesaa jirti, Konkolata Ijoole Oromoo batee adeemuu qeeroon Oromoo bakka hundati Dhaabani konkolataa irra busuu qabu. Qaroon Oromoo hara miti duruu Yeeroo ijoole Oromoo Somaleti akka dultuuf dirgiin dirqisisee fuudhe adeemu Jaal Qajeela Mandassa Tuluu fi jaalon isaa joolee Oromoo Manasibu, Begi, kkf irra Dargin Fee’ee Somalet lolaf erga ture Magala Najoti egudhan Konkolata irra busee manati deebisuu isaa seenan galmese jira. Qeerroon Oromoo qaroo hara bara odeefannoo yeerosuma argatan kana amoo Ijoolee Oromoo TPLF gowomfamtee adda warana adeemuu hin qabdu. Ka’ii Qeerro TPLFf loltuu ta’ee deeme du’uu isaa irra biyya isaa keessati TPLF lolee akka du’uuf ganda hunda keessati wal gurmeessa,
#Oromoprotests
ሠበር ዜና!
በዛሬዉ እለት ከሀረርጌና ከአርሲ አከባቢ የመጡ በርካታ የኦሮሞ ወጣቶች፤በሶስት ሙሉ በተለምዶ ‹‹ታታ›› ተብሎ በሚጠራዉ መኪና ተጭነዉ፤ወደ ሰሜን አቅጣጫ እንደተወሰዱ ታወቀ፡፡
ወጣቶቹ በግድ ይሁን በዉድ ለግዜዉ ባይታወቅም ነገር ግን ለዉትድርና የተመለመሉ መሆናቸዉን ደርሼበታለሁ፡፡ይሄ ፎቶ የተላከልኝ ተመልማዮቹ ወጣቶች በሱሉልታ ከተማ ምሳ ለመብላት በአረፉ ግዜ ነዉ!
Madda Siinbone Amiikoo – Via Deebisaa Gadaa Maccaa
#OromoProtests ” Nuti Oromoon jara nu cunqursu kana harka harkaan yoo wabanneehu wal nuuf hin gahan”
Mormii guyya kaleessaa Godina Arsii aanaa Limmuu fi Bilbiloo magaalaa Roobee-Garjeedaa. Via Jawar Mohammed
Qeerroo Matakkal Kayo Wanbara
BREAKING NEWS FROM METEKEL OROMO!!!
Recently in the District of Dangab or Dibati the Oromo of Metekel established the Wakefana Association at a place called Galessa or Chancho with the recognition of Federal and Benshangul Gumuz Regional state govermment agencies. And then they got a strong support from thier own people and thier neighbours.The reason was as part of this religion association they implaced the original structure of Gada system and the Oromo people saw their every cases before the nine representatives of Aba Gada who were represented from different clans of Metekel Oromo.This brought unity and trust among the Oromos and the nearby people.on the other hand it brought strong suspection from government and put in prison the following members of Galessa or Chancho Wakefana Association.
1.Debelo Hika
2.Abdisa Dhuguma
3.Kusa Tolera
4.Oljira Amante
5.Abebe Gobana
Title of their accusation:
1.”Doing magic”
2.Establishing an association with out the knowledge of government
3. Strong mischief
Let’s all stand together with the Oromo of Metekel. Via Deebisaa Gadaa Maccaa
Adoolessa 8/2016 Godina Lixa shaggar Gidduu Galeessa Oromiyaa#magaalaa_Giincii Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa#FXG_Marsaa_6ffaan Bifa ho’aa ta’een jabaachuun Kan Itti Fufe yoo Ta’uu Barataan kutaa 9ffaa barataan Oromoo #Asheetuu_Warquu_Morodaadhukaasaa loltoota wayyaanee irraa uumatarratti banameen Wareegame jira, kanneen mada’anis kan jiran yoo ta’u yeroof maqaan adda baafame kan nu hin qaqqabne ta’uu ni hubachiifna.
Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG roga Hundaan Jabaachuun Marsaan 6ffaa finiinaa jiraachuun cinatti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee kan gaaffii mirgaaf deebii kennuu hin dandeenye abdii kutannaa isa dhumaarra waan ga’ee waan jiruuf Waraanaa agaazii uummatarratti bobbaasuun dhukaasee Dargaggoota Oromoo ajjeesuun fi madeessuun, kaan ukkaamsee hidhatti darbuun yakka waraanaa uummata Sivilii irratti rawwachuu itti fufe jira. Ummatni Giincii fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Gaaffiilee armaan gadii dhaadannoo godhachuun warraaqsaa finiinsaan, Daandiin konkolaataa gara lixa Oromiyaatti geessuu fi Lixa Shaggar bakkoota Hedduutti cufamee Oleera.,
1. Hidhamtootni Oromoo Hundii haa hiikaman!!
2. Duulli duguuginsa Sanyii (Genocide) Loltoota Agaaziin ji’otaa 8f nurratti gaggeeffama jiru nurraa dhaabbachuu qaba!!
3. OPDO’n Aangoo gadi lakkisuun Oromiyaa ficiisiisuufi saamsisuu irraa dhaabbachuu qabdi!!
4. Ajjeechaa Seeraan Alaa Oromiyaa Bahaa Harargee fi Arsii akkasumas Oromiyaa kutaa garaagaraa keessatti itti fufinsaan gaggeeffamaa jiruuf OPDO fi Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF itti gaafatamoodha, seeraatti dhiyaachuu qabu!!
5. Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamu qaba!!
6. Ajjeechaan, hidhaa fi Doorsifni Waraanaa Agaazii fi poolisii federaalaa qabsoo mirga abbaa biyyummaa keenya irraa duubatti nu hin deebisu!!
7. Master pilaaniin Finfinnee fi Qe’eerraa uummata buqqisuufi mana jireenyaa uummataa irratti diiguun dhaabbachuu qaba, kanneen balaa kanaan gaaga’amaa jiraniif wayyaaneen itti gaafatamuu qaba!! Jechuun warraaqsa finiinsuun Daandiin konkolaataa gara lixa Oromiyaatti geessuu fi Lixa Shaggar bakkoota hedduutti cufamee oleera, Qeerroon dargaggootni hedduun Madaa’aniru, hedduun hidhaatti guuramaniiru.
Magaalaan Giincii Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa keessatti hangafummaa kan qabduu Sochiin warraaqsaa biyyoolessa Oromiyaa marsaa 6ffaaf utuu wal irraa hin citiin ji’otaa 8ffaaf itti fufinsaan warraaqsaa finiinsuun wareegama qaalii kanfaluun abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun bifa adda ta’een warraaqsaa FXG finiinsan.
Injifannoon uummata Oromoof!! Via Seenessaa Qeerroo
#OromoProtests
#HUBACHIISA: Qormaata Ingilifaa kutaa 12ffaa bahe jedhamee odeeffamu agarree qorannee jirra. Qormaanni bahe jedhamu kun kan sobaati. Kanaafuu barattoonni keenya qalbii takkaan qu’annaa keessan akka itti fuftan irra deebinee isin hubachiisuu feena. Via Naf-tanan Gaadullo
OMN:Oduu Ammaa nuu gahe/Breaking News/ Adol.08,2016
Bulchiinsi Oromiyaa Nyaatameera!
Hojiifan baadiyyaa Oromiyaa keessa ture. Waantootan arge keessaa waan lama qalbii na to’atan. Isaan kana isiniif qooduu jaalladhe.
Tokkoffaa- Bulchiinsi OPDO sadarkaa aanaa fi gandaa (woreda and kebele level admin) laamsha’eera ykn nyaatameera. Maal jennaan- kun dhiibaa qabsoon #OromoProtests kan bara 2015/2016 uumee dha jedhan. Warri bulchiisa jedhaman uummata keessa hin jiraatan. Magaaloota dhi’eenya irratti argaman keessa afuura balleefatanii taa’anii dhimma qe’ee isaanii karaa Facebook hordofu. Dhimma qaruuteewwan (activists) Oromoo maxxansan hordofaa oolu. (Osoo dubannuu tajaajilli Interneetii keessattiyyuu miidiyaan hawaasaa bakka hedduutti uggurameera. Haata’u malee namuu proxy server tti fayyadamee uggura sani cabsee dabree miidiyaa hawaasatti fayyadama. Angowonni mootummas sanuma fayyadamu ta’a.) Qondaltoonni mootummaa akka durii hawaasa guyyuu walitti qabanii “mootummaa demokraatawaa keenyaaf sagadaa! farra misoomaa fi nagaa balaalefadhaa! injifannoo dhaaba misomawaa keenyaan dhufe kabajaa” jedhanii dhaadachuun hin mul’atu!
Lammaffaa- paartiin aango qabatee jiru kun Oromiyaa keessatti daa’iman biratti illee osoo hin hafin jibbameera yk tolchee diinummaa hora’teera. Daa’iman reefu lafa ka’an illee haalaa addaa addaatiin diddaa isaanii mul’isu. Fkn Daa’imman gandoota rakkoo ongee (ykn beelaa) cimaadhaan rukutaman keessa jiraatan nyaata mootummaan mana barumsaatti isaaniif dhiyeesse lagatanii kan dhabbattoonni tola ooltotaa dhiyeessaniif sooratu. Maaliif akkas godhu jennaan- “mootummaan dhiiga obbolotaa keenyaa lolaasee beenyaa isaa (ykn hirmii) nu nyaachisuu barbaada” jedhan, jedhan. Jibbi gabrummaa, diddaan dhiittaa mirga namoomaa qee’ee Oromoo keessatti sadarkaa boodatti deebi’uu hin dandeenye (point of no return back) irra waan gahe fakkaata. Hayyee! Via Tolĕră Fiqirû Gamtă
Simbirtuu 07 07 2016
Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukunni
Damee Boruu irraa
Makmaaksaa Oromoo keessa haala har’a uummatni Oromoo keessa jiru kan calaqisiisu tokko makmaaksa waa’ee mukaa himamu dha. “Mukkunni yaa’ii walitti bahee qottoon nu fixxee Maal haa goonu?” jedhee wal gaafatee jedhama. “ Kan nu fixe qottoo miti jallaa keenya jedhe jaarsii” jedhan. Nuyis kunoo Wayaanee nu fixxee jennee waakkachaa jira. Garuu kan nu fixxaa jiru jallaa keenya warra garaa itti nyaatan malee sammuu itti yaadan hin qabne.
Sabni tokko bilisa tahee hiree mataa isaa ofiin murteefatee kan biyya dhaabbachuu danda’u yoo uummatni isaa harka qalabate kaayyoo bilisummaaf dhaabbate dha. Namni tokko akk a nama tokkotti fedhii adda ddaa qabachuu danda’a. Fedhii isaa kana guutachuuf dantaa uummata isaa ganee kan mataa hordofuudhaan dhiiga obbolaa isaan jiraachuuf fedhii kan qabu jira. Haalli kana fakkaatuu uummta qabsoo gochaa jiruu keessatti mul’achuun waan haaraa miti.
Kan Saba Oromoo kan haaraa godhuu gurmuudhaan ijaaramanii ifatti dantaa haalgaa tiksuuf dhaabbachuu dha. Uummatni Oromoo qabsoon isaa inni duraa warra dhalootan Oromoo tahanii yookan Oromoo ofiin jedhanii qabsoo uummata Oromoo gufachiisan of jalaaa qulqulleessuu dha. Warraa kan irratti karaa lama hojjechuu qabna. Inni duraa karaa danda’amu maraa akka badii uummata isaanii irratti hojjechaa jiran kana hubatanii uummataa isaanii wajjin hiriiro qabsoo galan dhiibaa irratti gochuu dha. Inni lammaffaa yoo didanii badii uummata isaanii irratti hojjetan kana itti fufuu filtan qabsoon uummata Oromoo dura isaan barbadeessuu qaba.
Midhaa guddaa kan ilaamaan Oromoo irraan gahaa jiru warra dhalootan Oromoo tahee, uummata Oromoo keessaa jiraachaa diinaaf odduu keenu dha. Uummatni Oromoo uummataa nagaa jaalatuu fi mirga dhala namaaf kabajaa guddaa qabu dha. Warra jallaa isa keessaa dhalate miti orma isa miidhaa jiru irratti iyyuu tarkaanfii murteessaa fudhachuun jaalala isaa akka hin taane ni agarra .
Haa tahu malee amalli aadaa Oromoo kun gaarii tahee utuu jiruu dadbabinsas akka qabus hubachuun rakkisaa natti fakkaatu. Yaroo diina dhiiga ijoollee kee dhangalaasaa jiru of irratti rukkutuu dhiisuun jabina miti. Nagaan karaa tokko qofa dhufuu hin danda’u. Nageenyi kan argamuu fi naganaa jiraachuu kan danda’amu yooa humna wal duraa dhaabbatuu lamaan fedhiin walitti dhufe qofa. Yoo kana hin taane nageenyi hawwii qofa tahee hafa.
Waan uummatni Oromoo nagaa jaallattuuf jecha warra isaa midhaa jiran irratti jarjartiin tarkaanfii fudhachuu dhiisuun akka namotni halagaa tahan Oromoo ajjeessuu fi waraanuun Mootummaa TPLF irraa gatii nyaachaa jiraan Oduu (SQ Waxxabajjii 29, 2016) kan dhageenye dha. Yoo nama Oromoo ajjeessan kuma Shantama , yoo waraanan kumaa fi dhiba shaan akka argatan namootni qabaman ragaa bahanii jiru jedhama. Haala kanaan Shaashimanee keessatti lubbuun Oromoota hedduu akka darbe dhageenyeera. Mootummaan offuma isaa utuu dhiba baayyeen ajjeessaa fi kuma baayyeen madeessaa jiru maaliif akka Oromoon haaduun waraanamu barbaada? jenneee wal gaafachuu qabna. Tokko : uummatni Oromoo uummata ollaa wajjin akka wal dhabu yaaluuf. Lama: uummatni Oromoo eenyu akka isa ajjeessu waan hin beekneef dhiphuu fi yaaddoon akka jiraatu gochuu. Sadii: uummata Oromoo nama tokko iyyuu ka’ee of irratti uummata loluu danda’u miti jedhanii tuffachuu dha.
Namni mana issaa keessa qulqulleessu hin dandeenye isa alas hin danda’u. Akkuma kana Sabni Oromoo bilisa bahuuf yoo fedhii qabaate duraan dursee warra isa fakkaatee dhiiga isaa dhangalaasaa jiru of keessaa qulqulleessuu qaba. Diinni duraa isa nu keessaa jiru. Utuu isa nu keessaa jiru hin injifatiin isa alaa injifachuun rakkisaa dha.
Sabni Oromoo akka waanjjoo garbummaa Impayeera Itopiyaa jalatti kufee akka dhidhiitamu gochuu fi erga kufee asiis akka mana hidhaa kana keessaa hin bane gochuu namoonni dhalootaan Oromoo tahan gahaa guddaa akka qaban kana duras kaaseera. Har’as uummata Oromoo dhigisaa fi dhiigsiisaa warri jiru maqaa Oromoon garaa isaanii guutachuu warra barbaadan qofa akka tahe ifa jira. Yoo OPDO amma jiru kun illee bade OPDO biraa of qopheessaa akka jiru illee dagatamuu hin qabu.
Uummatni keenya dhugaa jiru tokko utuu hin jaalatiin fudhachuu qaba. Kan humna hin qabne diina miti firuu hinjaalatu, hin kabaju. Yoo humna qabaannee duwwaa firra keenya miti diinni keenya iyyuu akka uummataatti nu sodaata, nu kabaja. Amma humna murteessaa tahe hin qabaanneetti uummatni Oromoo bara baraan gantoota ijoollee isaa tahaniin darbii gurguramuu irraa ooluu hin jiru.
Uummatni Oromoo duraan dursee dhalootaan Oromoo tahanii yookan maqaa Oromoo fudhatanii dantaa Saba Oromoo kan dhunfaa isaaniif dabarsaanii ooshatan qajeelchee adabuudhaan aboomuu qaba. Sabni uummata isaa hin aboomannee diina of irraa ittisuun hin jabaata. Warra isa fakkaatee , keessa jiraatee diinaaf hojjetutu hammeenyaa fi gaaga’ama madaala hin qabne irraan gaha. Kana godaansa qabsoo bilisummaa Saba Oromoof godhamu kana keessatti hubannee kan wal hubachiifne natti fakkaata. Bilisa bahuufis tahee, nagana bara baraan jiraachuuf jalaa keenya amma danda’ame qajeelchuu yoo dide cirree gatuu qabna. Bilisummaan xurree biraa hin qabu. Utuu keessaa diigaa jiranii humna halagaa alaa of irraa ittisuun ulfaataa dha.
Qabsoon bilisummaa Kaayyoo irratti hundaauu qabu. “Addis Ababa Master Plan” Oromoon bakka jiru maraa ka’ee sagalee tokkoon diina dura dhaabbatee akka diinni duubatti deebi’u gochuu danda’uun injifannaa guddaa dha. Akkuma plaanni kun hafee jira jedhameen baayyeen keenya gallee hiriba bareedaa rafaa jirra. Kaan keenya immoo wal irratti boba’uu dhaan hiriroo diina Saba Oromoo wajjin galuu filnneera.
Kan nama qaanessu,Mootummaan TPLF “ Addis Ababa Master Plan” akkuma yaadeti guutuutti hojii irra olshaa jira. Mana kumaataman lakkawamu naannoo Finfinnee irraa yaroo buldozariin galgalshuu biyya Oromoo kan ijaaraa jiru nutti fakkaataa? Oromoon biyyaa keessaa jiru har’as akkuma durii dhiiga isaa dhangalaasee bilisummaa isaaf falmachaa jira. Irra guddaan Oromoo ala jiruu (diaspora) waan dantaa isaa guutuuf filachaa jira, Impaayeera Itopiyaa deebisanii ijaaruu illee taatu. Biyyii biyyoon biyyaa kan isa itti du’aa jirutti. Warri maqaa uummata Oromoon daldalaa jiran yoo uummatni keenya dammaqinsaa gahaa qabaate bakka hin qabaatan. Hojiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo nu boonsuu irra darbee bilisummaa Saba Oromoo kan mirkanneessu tahuu isaaf karaa koo mamii hin qabu. Warri bilisummaa Saba Oromoo irratti amantii qabnu karaa dandaeenyu maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo wajjin daabbachuun dirqama keenya.
Injifannoo Uummata Oromoo!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
OBS: Qophii Addaa Ayyaana Iid-Mubaarak Kutaa 1ffaa fi 2ffaa
TVOMT: Sagantaa Agarsiisa Filmii Oromo July 23-2016 Toronto
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Adoolessa 14, 2016
On the war Crime committed against OLA members by Ethiopian army agents
OLF Statement
(Oromo Liberation Front) –After it was thoroughly defeated by the Oromo Liberation Army (OLA), the colonial army of the dictatorial regime of Ethiopia murdered members of the OLA by using poison in drinking water. This criminal and savage act is totally against a binding part of international law in the conduct of warfare. It is against the Geneva Protocol, a treaty that prohibits the use of poison in warfare.
The colonial army has continued to operate all over Oromia with the aim of holding back the fast advancing Oromo people’s liberation struggle. In the military engagement between the OLA and the Ethiopian colonial army on June 20-23, 2016 in south-eastern Oromia, the OLA completely defeated the Ethiopian army unit. The Ethiopian army unit, supported by “special force” was on search and destroy mission of the OLA in the Baalee region of Elkarree, Gooroo and Haroo Dibbee districts. The OLA totally foiled the mission when it killed 27 and wounded 18 of the enemy forces. In addition, the heroic OLA captured four enemy soldiers and large quantities of military hardware. Thus, the OLA annihilated the enemy forces and successfully foiled its mission to destroy the OLA.
The ongoing and recently intensified Oromo people’s peaceful struggle for liberation and the advancing activities of OLA has greatly worried the Ethiopia regime and it is on the verge of losing hope of survival. As a result, in its recent engagement with the OLA the regime’s rogue army took a disparate act that clearly violates and contradicts the international norm of warfare. After a recent encounter with the OLA and its total defeat, the enemy Army poisoned members of the OLA. In Qaachan district of Baalee zone, the enemy in a cowardly act poisoned the water well found in the locality of Gola Qararrii. As a result, five members of the OLA were martyred instantly after drinking water from the poisoned well.
In a similar situation, in 1981 the colonial army agents poisoned and killed a platoon of the OLA in western Oromia. Thus, it has become the culture of the Ethiopian colonial army to use inhumane and illegal means to fight the OLA. Such acts are a crime under any manner of encounter of opposing forces and it is against the peace and security of mankind and it constitutes a war crime.
The cowardly atrocities committed against the OLA members is a sign of desperation and hopelessness of the Ethiopian regime that considers poisoning, continued intimidation, killing, imprisonment and exiling of Oromo revolutionaries, will not dampen the Oromo people’s determination and commitment to heroically struggle for freedom and dignity. The OLF takes this latest action of the regime as an intensification of its war against the OLF and the Oromo people. The OLF will continue to defend itself and the liberation struggle and calls upon Oromo people to intensify its struggle of self-defense by any means necessary!
We also call on the international community to put pressure on the rogue regime in Ethiopia to respect the international norm of warfare and not to resort to barbarity, commit war crimes and to stop the military and financial support to the criminal regime.
Victory to the Oromo People!
Oromo Liberation Front
July, 2016
#OromoProtests, July 16, 2016
#ADOOLESSA 16/2016 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Mogoritti bakki qubsuma Waraana Agaazii Adoolessa 14, 2016 guutummaatti ibiddaan barbadaa’ee jira.
Waraanni Agaazii ji’oottan saddeetiif Mogor Magaalaa Reejjii keessa buufachuudhaan ummata ajjeesaa, dararaa fi hidhaatti guuraa ture. Waraana Agaazii duraan achi ture kaasanii gara biraatti geessudhaan, kanneen iddoo biraa turan gara Mogoritti fiduuf yommuu wal jijjiirraa taasisanitti Qeerroon naannichaa bakka qubsumaa kanarratti tarkaanfii ibiddaa fudhachuudhaan guutummaatti daaressee jira. Waraanni Agaazii iddoo biraatii dhufee gara Mogor yommuu qaqqabutti bakki qubsuma isaanii barbadeeffamuutti kan aaran ummata naannoo shororkeessaa jiru. Guyyuma walfakkaatu konkolaataa abbaa qabeenyaa warshaa simintoo DANGOTE irrattis tarkaanfii ibiddaa fudhatamuudhaan barbadaa’ee jira. Abbaan qabeenyaa warshaa DANGOTE harka mirgaa mootummaa wayyaanee ta’uudhaan mooraa warshichaa keessa waraana qubsiisee, nyaachisuudhaan ummata keenya ficcisiisaa akka jiru yeroo garaagaraatti gabaasuun keenya ni yaadatama. Ummatni fi Qeerroon Mogor mormii ji’oottan saddeetiif guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee waraana wayyaanee boqonnaa dhorkachaa jiraachuu irraan kan ka’e humni dabalataa yeroo gara yerootti gara sanatti fe’amaa jira. Suuraa fi odeeffannoo dabalataa akka qaqqabeen isiniif dhiyeessina! Via Husnia Ali
Oromo sports day London 2016 night event is taking place #OYA-UK
#Oromoprotests
Akkuma magaalaa Finfinnee, Adaamaas manneen 200 ol diiguuf wayyaaneen karoorfatte. Toofta hannaafi saamiinsa maqaa magaalaa haaroomsuufi tartiiba (plan) qabsiisuu jedhuun manneen hiyyeeyyii 200 ol diiguuf karoorfatte wayyaaneen. Duunee moo osoo jirruu? Via Saphaloo Kadiir
#Oromoprotests ,Guyyaa hardhaa guyyaa 16/7 /2016 G/H/Bahaa Aanaa Gurawaa magaalaa Gurawaa fi Dooguu keessatti mormii ummataa bifa hahaarayaan guyyaa arrraa dhoohee ooleen walqabatee yeroo ammaa kana magaalaan gurawaa muddama keessa kan jirtu yommuu tahu keessattuu kutan magaalaa kan ”Addis katamaa” muddama hamaa keessa kan jirtuu fii sochiin ummataa ammaaf dhoorkamee Patooliin humana tikaa baadhattee jirtu olii fi gad kan akka deemaa jirtu jirattotaan gabaasamaa jira.Hanga ammaa waan jiru sirritti beekuun kan hin dandayamne tahuus ibsamaa jira Via
Faashistootni TPLF waan mormii siyaasaa fi lola kamuu keessatti akkaan dhorkamaa fi heera mootumoota waltahannii keessatti yakka ool aanaan nama gaaffachiisuu hojjachuun ishii muranii TPLF kun murana faashistootaa itti gaafatamnii namoomaa itti hin dhagahamneen guutamuudha mirkanneessa. Waan ta’eefis, lageen, Horaa fi bishaan dhugaatti osoo hin dhugiin of irraa dhugaatiif toluu isaa mirkanneeffatuun dirqii ta’ee jira. Beekttootni Oromoo dhimma kanatti beekumsa qabanniis karaa danda’an hundaa bishaan dhugaatti ummata isaannii kana qulqulluu fi dhugaatiif toluu isaa jala deemuun ummata isaanniif bifa danda’annii fi isaaniif toluun beeksiisuun dirqama dhalootaa fi dirqama barnoota isaannii akka ta’ees ni hubatu. Mootummaan faashistoota TPLF dhimma kana irratti yeroo sadaffaaf yakka kana hojjachuu isaati. Darguun al tokko yakka kana hojjate. Loli Kaaba warra Habashaa gidduutti ta’ee hedduu dha. Hanga haraatti yakka bishaan summeesu kana wal irratti hin hojjanne. Oromoo irratti maaliif hojjatuuu gaafii jedhuuf deebbiin herreegu qabaadhuu illee ammaaf isinumaaf dhiisa.
#Oromoprotests
#Oromoprotests-Kun Dirree Oromyaa bahaa magaalaa Harar keessaatti ilmaan oromoo alaabaa #ABO bifa kanaan tolchaanii gurguraa jiran. Sochiin kun gatii wareeggamtoota keenyaatiin kan dhufe. Via Dhábasá W. Gemelal
The power of the people! Turnkey, July 16, 2016 early morning. The military coup attempt was quelled by the people.
Bule Hora University has also bestowed Honorary Doctorate on the famous former Abbaa Gadaa Aga Xenxeno. Abbaa Gadaa Aagaa Xanxanoo has been the central figure in the Gada revival movement that finally resulted in the formation Oromia Gadaa Council few years ago. He has travelled to all parts of Oromia, several African countries and the US promoting Gada. You might recall he was keynote speaker for oSA’s 2014 conference held in Washington DC and later visited several communities in US. A well deserved recognition for a brave and brilliant statesman. Congratulations Abbaa Gadaa Aagaa Xanxanoo and Thank you Bule Hora University!!
============
Yunivarsitiin Bulee Horaa Abbaa Gadaa beekamaa Aagaa xanxanootiif doktormummaa kabajaa kennee jira. Abbaa Gadaa Aaagaa Xanxanoo gaafa bulchiinsa isaanitif erga baallii dabarsanis sirni Gadaa deebi’aa Oromiyaa guututti akka dagagaguuf hojii hojjatamaa dureef adda durummaan hoggansa kennaa turan. Gadaa deebisanii jabeessuuf kutaalee Oromiyaa mara keessa naanna’uun, biyyoota Afrikaa biroo Via Jawar Mohammed
#OromoProtests– Kun dhaamsa hatattamaa Qeerroon dabarse! “Yeroo ammaa keessatti waantoti hedduu jijjiiramaa jira. Keesssoon Wayyaanee immoo hedduu jeeqamaa jira. Sababa kanaan humni Wayyaanee gochaa badanii balleessuu dalaguuf qopheeffamaa jiru gudddaa ta’uu bira geenyeerra. Kanaaf, karoora Wayyaanee kamuu tokkummaa fi kutannoon fashalsuuf namuu akka walbeekuu fi walhubatutti naannoo isaa eeguu fi waleeguu irratti hojjachuu qaba.
Qabsoon Oromoo waggootaaf finiinaa jiru gara galii isaatti dhiyaachaa jira. Ummati Oromoo keessaa fi alaan wal’aansoo murteessaa kanaaf biramachuuf of-qopheessee tarkaanfachuu qaba. Kan hidhannoo qabu hidhannoo qopheeffachuu, kan hin qabne, garuu kan danda’u immoo daddaffiin hidhannoo malchiisu bitachuu, bakka jirutti of eeguu fi waleeguun hojii keenay duraa ta’uu qaba.”
Gaabbii fi eegeen booda deemti!! Via Dhábasá W. Gemelal
#OromoProtests-Itoophiyaa keessatti miseensoti paarlaamaa Wayyaanee ummataan reebamaa jiru; Agaaziain akka mana jirenaya sianaii eeguuf ajajameera. Magaalaa Finfinnee naannoo Garjii keessatti miseensoti paarlaamaa Wayyaanee ummataan reebamaa jiru; namooti hin beekamneen immoo saamamaniiru.
Yeroo ammaa kanas manneen jireenyaa miseensota paarlamaa Wayyaanee Agaaziin eegamaa jira.
Seenaa keessatti miseensoti paarlaamaa “ummata filatamaniin” yeroo reebaman kan wayyaanee isaan jalqabaa ti.
=================================
የፓርላማ አባላትን ደኅንነት ፌዴራል ፖሊስ እንዲጠብቅ በጥብቅ ታዘዘ፡፡ በገርጂ አካባቢ የፓርላማ የጋራ መኖሪያ የሚኖሩ የፓርላማ አባላት በመደብደባቸውና በመዘረፋቸው የፓርላማ አባላት በሚኖሩባቸው አካባቢዎች ፌዴራል ፖሊስ ጥብቅ ጥበቃ እንዲያደርግ ማሳሰቢያ መሰጠቱም ታውቋል፡፡ Via Dhábasá W. Gemelal
#OromoProtests Yeroo ammaa kan uummata Oromootifi alaabaan oromoo/ alaabaan adda bilisummaa Oromoo ( ABO ) addunyaa irratti Namni beeynee hin jiru.. bilisummaa takkittii qofa nura hafee ! Yeroo dheertuuf lammiileen birraa kan nuu gaafachaa turanis ammaa ni beeku. Rabbii/waqa galani haa gahu!
Posted by Oromo TV on Sunday, March 20, 2016
SBO, July 17, 2016
Siinboonnee Dhaaboo Hiirphoo -Irreecha – Oromia 2016
Wabee Idriis fi Nabiyuu Amana (New Oromo Music)*** Yaa lagaa baalee***
Fayyisaa Tolasaa- Qeerroo Oromoo
Oromo Voice Radio, July 16, 2016
Xalayaa Banaa Hogganoota ABO, ADO, ABO Tokkoomee fi KWOf
(Boruu Barraaqaa, Dubbataa ABO duraanii irraa)
Obbo Daawud Ibsaa, hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo
Obbo Leencoo Lataa, hogganaa Adda Dimokraatawaa Oromoo
Obbo Abbaa Nagaa Jaarraa, hogganaa Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomee
Janaraal Kamaal Galchuu, hogganaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa
Nageenyi jaallummaa haa dursu. Itti aansuun dhimma xalayaa banaa kana isinii barreessuuf na dirqettin gabaabsee seena. Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo bara ummanni Oromoo dukkanaan liqimfame san keessatti dungoo abdii tahee dhalate. Dungoon abdii Oromoo sunis bubbee diinotaa kan isii dhamsuuf bahaa dhihaan, kaabaa kibbaan itti hafuursan meeqaatam dandamattee odoo iftuu har’a geesse. Kanaafuu warra dungoon sabboonummaa ABOdhaan qabsiifame sun ija baneefis tahee dhaloonni haaraan eega dungoon sun qabattee booda dhalatee keessatti of bare hundi maqaa ‘ABO’ jedhu kanaaf jaalalaa fi galata guddaa qaba. Dhaloota dantaa Oromoo fi Oromiyaa irratti halagaa kamiinuu waliin araara hin teenye haaraya argamsiisuu irratti gumaachi Adda Bilisummaa Oromoo hiriyaa hin qabu. Kanaaf jecha ABOn eega sadarkaan dammaqiinsa ummata Oromoo daalifee booda akka dhaaba siyaasaa kallacha qabsoo tahe tokkotti jaalatamuu, abdatamuu fi kabajamuu bira dabree, akka hafuura Oromummaatti fudhatamuun kan haalamuu miti. Kana keessatti ammoo hoggana irraa qabee hanga miseensa leexaatti kanneen surraa kana fakkaatu dhaabicha gonfuu keessatti qooda qabdan hundi galata seenaan hin daganne qabdu.
Haa tahu malee baroota as kaluu kana, surraan ABO ulfaataan sun akka ummanni Oromoo abdatutti sadarkaa isaa eegee qooda hoggansa qabsoo irraa eegamu gumaachuu hin dandeenye. Gaafa bara 2001 keessa ‘ABO Qaama Cehumsaa’ fi ‘ABO Shanee Gumii’ jedhamee bakka lamatti cabuu irraa qabee keessi isaa ititee hin beeku. Jaarmayoonni lama fi sanii ol maqaa dhaaba tokkichaa fi alaabaa tokkichaa wal harkatti qabuu eegaluun, abdii ummanni Oromoo dhaaba guddicha kana irratti qabu tokko jedhee madeessuu eegale. Sana duras taanaan bara 1978 irraa qabee dhaaba kana irraa murnoonni cabanii deemuun waanuma ture tahu illee, alaabaa tokkoo fi maqaa tokkicha wal harkatti qabanii wal afoo dhaabbachuun hanga bara 2001tti hin turre.
Sanii as bara 2008 fi 2012 waan tahes walumaanuu quba qabna. Dhaabonni afran xalayaan banaan tun isin laallattu illeen dhalachuun sababuma olitti yaadachiifame irraa ti. Keessattuu waldiddaa bara 2008 dhalate booda tahuun ifaa dha. Muuxannoo gaddisiisaa keessa dabarre kana hubanneerra yoo taheef dhugaa hin haalamne tokko agarra. Gargar cabuun al tokko dhalatu daranuu caccabiinsa dabalataaf karaa banaa deeme malee eenyu illee eenyuunuu akka injifatu hin dandeessifne. Fakkeenyaaf, Qaama Cehumsaa fi Shanee jedhamuun gargar cabiinsa bara 2001 dhalate haa laallu. Qaamni Cehumsaa bara san gurmuu qabsaayota gameeyyii kumootaan lakkaayaman jajjaboo qabatee addatti bahe. Lakkuma bubbuluun haphataa deemee bara 2014 keessa hangi xiqqaan qofti qaama Shanee Gumiitiin walitti araarame jedhame. Kumoota bara 2001 Qaama Cehumsaa waliin bahan keessaa meeqatu araara bara 2014 booda caasaa walootti deebi’e jennee yoo gaafanne lakkoofsa qubaa hin caalani. Har’a hogganoonni, qondaalonnii fi miseensonni gameeyyiin ABO waggaa 15 dura maqaan isaanii ummata biratti beekamuu ture araara bara 2014 tahe jedhamu san keessa jiru natti hin fakkaatu. Kasaaraan hayyootaa fi hogganoota warraaqoo kasaarre guddaan tokko isa kana.
Itti aansee bara 2008 ABOn Shanee Gumii gargar caphiinsa irra-rifaasisaa biraa mudate. Gargar caphiinsi bara kanatti tahe dhaabicha hanga hundeetti raase. Rakkoo bara kanatti dhalate wanni adda godhu qaamni gargar bahe lamaanuu (Shanees tahe Jijjiiramni) of keessatti caccabiinsa mata mataa isaanii keessumsiisuu isaaniiti. ABOn Jijjiiramaa bara 2008-2015 gidduutti bakka afur caalaatti gargar caccabuu mudate. Warra xalayaan banaan tun laaltu keessaa lama, jechuunis, Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoomee fi Kallachi Walabummaa Oromiyaa illeen kanuma keessaa akka dhalatan ifaa dha. Gariin miseensota qaama kanaa murna kamuu irraa abdii muratanii manatti galuunis dhugaa dha. Jara gargar deddeeme kana keessttis eenyu illee eenyuunuu hin injifanne. ABOn Shanees gama isaatiin bara 2012 keessa gargar cabiinsa dabalataan isa keessatti dhalateen hogganoota, qondaalotaa fi miseensota gameeyyii jajjaboo dhabe. Warra kanaa fi warra ABO Jijjiiramaa labsee ture garii irraa ADOtu dhalate. Gargar deeminsa kana keessattis eenyu illee eenyuunuu hin injifanne.
Gargar cabiinsi lakkoofnu kun hundinuu kasaaraa qabsoo Oromoo malee milkii homaatuu hin gumaachine. Bu’aan argame yoo jiraate, kasaaraa lubbuu namaa (loss of life), kasaaraa dhala namaa (loss of human resources), kasaaraa hamilee, kasaaraa dinagdee, kasaaraa waraanaa, kasaaraa siyaasaa, kasaaraa dippilomaasii fi kasaaraa yeroo ti. Kasaaraaleen kun cufti walitti ida’amanii surraa ABO isa sodaatamaa fi kabajamaa durii san akka malee dhoran. Yaaddoon duraan diinni dhaaba kana irratti qabaachaa ture gara tuffiitti akka jijjiiramu gumaachan. Maqaa ABO adda addaa himachuun kun halagoonni akka gammadanii nutti kolfanii fi sabni keenya ammoo akka gaddee boquu gad gombifatu godhe. Hayyonni Oromoo diinaaf summii tahan kumaatamni kan silaa gaaddisa ABO guddicha jalatti hiriiranii raajii hojjechuu danda’an, dhaaba kana irraa abdii dhabanii mana manatti akka galan dirqe. Kanneen matayyaadhaan qabsootti jiranis akka gumaachi isaanii walitti gumaawee injifannoo jabaa fi murteessaa hin galmeessine danqe.
Haa tahuutii har’as taanaan ummanni Oromoo hogganoota gargar caccabuu aadeffatan irraa komii guddoo haa qabaatu malee, maqaa ‘ABO’ jedhu irraa abdii hin muranne, yoomuu hin muratus. Biyya keessattis tahee biyyoota alaatti alaabaa fi maqaa ABO akka kudhaamaatti fannifachuun mallattoo sabboonummaa Oromoonni ittiin diddaa sirna cunqursaa ibsatanii dha. Ilmaan Oromoo biyya keessaa diinaan hudha wal qabaa jiran alaabaa dhaaba kanaa sodaa tokko malee guyyuu diina dura afarsuudhaan ‘Abbaan Biyyaa ABO dha’ jechuun itti himaa jirani. Sabboontonni Oromoo matayyaadhaanis tahee gareedhaan diina irratti hojjetanii wayta dhiibbaa uuman hundumaa ‘isin ABO dha’ jedhamanii diina biratti abaaramuunis beekamaa dha. Jagnoonni sabaa kun hundi garuu miseensa ABO isa har’a bakka meeqatti cabee jiru kanaa tahaniif miti. Murna ala kanatti gargar caccabetu wal qoqqooda malee saba keenya biyya jiruu fi halagaa biratti dhalli quuqama Oromummaa qabu cuftuu ABO dha.
Kana fakkeenya muraasaan ibsuun ni danda’ama. Baqqalaa Garbaa fi jaallan isaa hogganoota OFC malee miseensota ABO miti. Garuu Wayyaaneen akka ABOtti yakkitee hiite. Jawar Mohammed bara 2013 keessa akka mataa isaatti Al Jazeeraa irratti wayta dubbate sabboonaa Oromoo tokko malee miseensa ABO gargar caccabee kana hin turre. Garuu Habashoonni ‘ONEG’ jedhanii hanga har’aattuu itti duulan. Leencoo Baatii ADO bakka bu’ee torbaan muraasa dura achuma Al Jazeeraa irratti wayta dhihaate akka qaama ABO tahetti Geetaachoo Raddaatiin itti dutame. Kan biraa hafnaan nama lammaffaa Blue Party kan ture Yoonaataan T. Raggaasaa Oromoo waan taheef qofa qeeqa quuqama Oromummaa of keessaa qabu waan katabeef ‘ONEG’ jedhamee mana hidhaa jira. Habashoota deeggartoota isaa turan birattis maqaa kanaan jibbameera. Kanaafuu har’a jaalatamus jibbamus sabboonummaan Oromummaa bifa kamiiyyuu ABOummaa dha. ABOn hoggana ititaa fi murtaa lolee lolchiisu haa dhabu malee maqaan isaa har’as akkuma odaa isaa dagaagaa dha. Maqaan isaa akka dagaagee bara baraan jiraatu kan godhe ammoo yoo xiqqaate hojii qabsoo baroota dabran keessan hojjetamaniin dhaloota qubee diinaaf hin sarmine horachuu isaa ti. Kanaafuu dhaloonni qubee kamuu hanga quuqama Oromummaa qabaatetti ABO dha.
Haa tahu malee isin kanneen har’a ABO natu hogganaa jira malee sii miti waliin jettanii gaaddisa tokko jalatti hiriiruu dadhabdan dhugaa guddaa kana waan hubattan hin fakkaatu. Injifannoo qabsoo dabreen horatametti abbaa tahuuf haqa qabaattanillee, injifannoo haaraa ummanni wayta ammaa isin irraa eegu galmeessitanii qabsicha boqonnaa itti aanutti ceesisuuf hiriiras tahee gahummaa jaarmayummaa abdachiisaa irra hin jirtan. Dhaaba umrii ganna 40 olii qabu kana boqonnaa itti aanutti ceesisuun hafnaan, bakka waggaa 15 dura turetti deebisuunuu waan hin yaadamne isinitti tahe. Yeroo ammaa qabsoon Oromoo gommaa dhaloota haaraatiin ofumaan of dura konkolaataa jira malee, qooda hogganummaa isin wayta ammaa kana tarree duraatti baatanii gumaachaa jirtaniini jechuun ulfaataa dha. Dhaloota guddisa ABO tahetu seenaa hojjechaa jira. ABOn akka maqaatti har’as sodaatamaa dha. Jabaatus laafus ummata isaa biratti mararfatamaa dha. Maqaan kun matuma isaatti qabsichaaf jaboo gumaachaa jira tahuyyuu, hogganoonni isaa gargar caccaban garuu guddinaa fi sansakkaa maqichaatiin wal gituun gonkumaa hin danda’amneef.
Jaallan keenya kabajamoo !
Yeroon keessa jirru kun gara tokkoon yeroo itti sagaleen Oromoo kan yoomiiyyuu caalaa sodaatamaa deemaa jiruu dha. Gama kaaniin ammoo yeroo itti diinni ‘tokkummaa hin qabani; jaarmayaa ititaa hanga hin qabnetti ofumaaf wacu malee homaa nun godhani’ jechuun nu tuffatee biyya keenya irratti nu salphisaa jiruu dha. Sagaleen Oromoo akka sodaatamaa deemu kan godhe sabboonummaan Oromoo daraaree sadarkaa murteessaa irra gahuu isaa ti. Ummata miliyoonaan dammaqee ‘kana booda hin bitamnu’ jechuun sodaa moohate qabaachuu dandeenyeerra. Kun injifannoo guddaa dha. Dhaabni keenya ABOn dhufa Wayyaanee dura Oromoo of irraanfatee fi wal wallaaleen ati Oromoo dha jedhee Oromummaa barsiisuuf yeroo dheeraa akka wareege isin jalaa dhokataa miti. Wareegamni qabsoo gaafasii sun har’a asheetee firii godhatee jira waan taheef qabsaayota gumaacha bara sanii keessaa qooda qabdan maraaf galataa fi ulfina olaanan qaba.
Haa tahu malee har’a akka hogganaatti eessa jirra jedhaa wal gaafadhaa. Jaarmayaa jabaa miliyoonota dammaqan kana hiriirsee seenaa hojjechuuf irree gahaa qabu ijaaruutti hin jirtani. Haala amma jirru keessatti osoo diinni raajii wayiitiin aangoo irraa bu’e jedhamee, caasaa ititaa Oromiyaa ittiin toyattan harkaa hin qabdani. ABOn dur bara dukkanaa sanayyuu Oromoo maraaf daaw’itii tahuutti beekama ture. Kan dhalli Oromoo kutaa kamiiyyuu isa keessatti of argu ture. Har’a wayta silaa sabboonummaan daraaree Oromiyaa waliin gahe kanatti jaarmayaalee har’a akka ABOtti of waamaa jirtanis tahee kanneen addatti baatanii maqaa haaraya moggaafattan keessatti sun hin mul’atu. Gariin keessan akka naannootti wal qoqqooduu fi wal irraa qoollifachuudhaan gurmooftanii dhagaa walitti darbaa jirtan. Walumaa galatti haalli isin keessa jirtan qabsoo ummata keenyaa kan guyyaa guyyaatti lubbuu jagnoota meeqaa kitimaa deemaa jiru kana galiin gahuuf qooda hogganummaa quufsaa kennuu kan danda’aa jiruu miti. Sababni isaas :
- Murna itti mataa taatan qabattanii walitti dhuftanii qabsoo saba guddaa dammaqe kanaa hogganuu ni dandeessuu fi hin dandeessanii keessanuu mariyachuuf of kennaa hin jirtani
- Yeroo ummanni maaloo tokkoomaa nu gammachiisaa jedhee isin kadhatu miira an-caalinnaa (ego) mataa keessaniif dursa kennuu mannaa dantaa ummatichaaf gad of qabdanii tokkoomtanii waliin hojjechuuf garaa keessan irraa qophii agarsiisaa hin jirtani
- Mirqaana deemsi qabsoo ummata keenyaa argamsiiseen onnattanii yookiis dhiibamtanii ‘gamtaa qabsoo tolfanne’ jettanii abdii sabaaf kennuu irraa kan hafe, waadaa saba duratti seentan san eessaan akka geessan hanga ammaa ifaa miti.
- Odoma taheeyyuu ummanni keenya ABO tokkoomee surraa isaa guddicha kaleessaatti deebi’u arguu barbaada malee adda addummaa keessan qabattanii ‘gamtaa’, ‘tumsa’, ‘agoobara’ waan jedhamu qofatti quufee isin abdata jedhee an hin yaadu.
- Isin warra baatii lama dura ‘gamtaa’ wayii jaarranne jedhee labsate keessaa ADO irraa kan hafe, warri kaan kaayyoo walabummaa Oromiyaatti amantu eega tahee, wanni walitti araarmtanii jaarmayaa keessanis hin tokkoomsineef ifaa miti.
- Humna qabsichaa daranuu ol guddisuuf jecha, dhaloota haaraa haalaan qabsichaaf gumaachuutti jiru hunda waliin abbaa fi ilmaan taatanii waliin hojjechuu yookiis baallii hoggansa qabsoo walitti dabarsuuf of kenniinsi garii keessan irraa hin mul’atu. Gariin keessan dargaggoota Oromoo qaroo fageenya irraayis tahu qooda diinni itti hinaafu gumaachaa jiraniin boonuu fi ittiin dhaadachuu mannaa, akka masaanuutti yoo of irraa eeggattan taajjabaa jirra.
- Dhaloota haaraa Oromoo hamilee fi hawwii takkittii waliin qabu gidduutti walshakkii uumuudhaan garii maqaa ‘Qeerroo Bilisummaa’ jedhuun of jalatti iggittanii daandii qoodamiinsa keessanii akka dhaaluu fi sabboontota laalcha keessan qeeqan akka diinaatti hubachuun joolleen akka wal irratti duultu gochuuf wanni hojjechaa jirtan hegeree tokkummaa qabsaayota Oromoo irratti balaa ulfaataa farrisaa jira.
Kanaafuu yeroo murteessaa kana keessatti haala yaaddessaa jiru kana furuuf dhaamsa armaan gadiin qaba :
- Kanneen qaama ABO turtan, amma illee taatan fi maqaa ABOs tahee maqaa biraa moggaafattanii kaayyoo walfakkaataadhaan hiriirtanii argamtan cuftuu, miira an-caalinnaa keessan of duuba qabuun saba hoggansa gahaa malee sosso’ee bilisummaa isaaf lubbuu gumaachaa jiru kanaaf dursa kennaatii tokkummaa jaarmayaa uumuuf dhiibbaa ifaa walirratti godhaa.
- ABOn har’a Oromoo miliyoona 40 hogganee galii qabsoo isaatiin gahuu danda’u kan amma caccabee bakka meeqa bu’e kana tahuu hin danda’u. Kana dhiisaatii kan ganna 15 dura tokkummaadhaan beekamu saniyyuu daran gateettii bal’aa fi irree irra-jabaa kan horate tahuutu irraa eegama. Isin warri wal irraa deemtan kun walitti deebitanii tokkoomuu qofayyuu odoo hin taane, gatiittii irra bal’aa fi irree irra jabaa diina cabsu akkasii san horachuun dirqama akka tahe yeroodhaan hubadhaa wal hubachiisaa.
- Qabsoon saba kamiiyyuu dhaloota haaraa qaroo ol dhufaa jiru harka bal’isee yoo ofitti hin hammanne itti fufiinsa amansiisaa hin qabaatu. Kanaafuu hogganoonni ABO murna murnatti baatanii jirtan dhugaa kana hubachuudhaan dargaggoota keenya qaroo biyya keessattis tahee ala taa’anii seenaa diinniyyuu raajeffate hojjechaa jiraniif dinqisiifannoo, abdannoo fi mararfannoo abbummaa qabaadhaafii. Dargaggoota Oromoo har’a seenaa hojjechaa jiran qaqqaalii qabna. Gariin isaanii kan Tigrootaa fi Amaaronni illee ‘dhalli akkasii silaa nu keessaa argamee maal qaba’ jedhanii itti hinaafaa jiran faa dha. Isaan kun ilmaanuma keessani. Guddisuma keessani malee dhala alagaa isin balleessuuf dhufaa jiruu miti. Kanaafuu sodaa, shakkii fi hinaaffaa ilmaan guddisa keessanii kana irratti dogoggoraan horattan yoo qabaattan hatattamaan akka sirreeffattan, joollee tana keessaa kan dogoggora irratti argitan yoo jiraatanillee mooyxannoo kuuffattan keessaa isa jaaraa tahe dhaalchisuun gorsa abbummaatiin kunuunstanii baallii hoggansa qabsoo itti dabarsuuf akka of qopheessitanin dhaama.
- Waldhibdee dhunfaa yookiin wal jala yaa’uu dadhabuu walii keessan gidduutti qabdan dhukkubsachiisuuf jecha dhaloota haaraa garii ofitti hammattanii garii of irraa eeggachuu kana irraa akka jabeessitanii of qusattanin hawwa. Wal diddaan walii keessan gidduutti qabdan isinuma irratti haa raaw’atu. Balaa isiniin dhufee qabsoo Oromooyyuu gaaga’e kana dhaloota haaraaf dhaalchiftanii dargaggoo Oromoo kaayyoo fi hawwii takkittii waliin qaban gidduutti garaagarummaa kan uumtan yoo tahe gaafatamaa seenaa jalaa hin baatani.
Maayyii irratti waan tokkon jedha. An nama umriin kiyya ganna 40 seenee jiruu dha. Umriin koo umrii ABO ti. Kanaanis gammachuutu natti dhagahama. Dhalootni koo dhaloota abbootii kan ABO bu’uuressee hogganaa asiin gahee fi dhaloota qubee gidduutti akka riqichaatti kan argamuu dha. Hawwiin koo guddaan dhaloota kana lamaan kan akka abbaa fi ilmaatti wal dhagahuu fi baallii wal harkaa fuudhu arguu dha. Hawwii koo kana dhugoomsuuf jechas bara 2012- 2014tti osoman qaama hoggana ABO tahee Asmaraa jiruu yaaliin matayyaadhaan godhaa turen qaba. Hoggana olaanaa dhaaban waliin ture sanii fi dhaloota qubee qaroo hanga’ee mul’achaa jiru gidduutti hariiroo abbaa fi ilmummaa uumuuf hedduun tattaafadhe. Qaama walirraa qoollifatan kana lamaan gidduutti riqicha tahee wal qunnamsiisuu fi dhimma qabsichaa irratti akka itti waliin hojjetamuu qabu irratti maryachiisaan ture. Yaaliin koo abdii gaarii agarsiisaa deemullee maayyii irratti hin milkoofne. Qaaman waliin ture irraa akkan abdii kutadhu kan na godhe guddaanis isa kana yoon jedhe arraba nan quuqu. Xalayaa banaa kanaanis wantin hogganootatti dhaammachuu barbaadu guddaan, abbootiin onnee keessan banaa gootanii ilmaan teessan qaroo dandeettii abdachiisaa agarsiisaa jirtu hundumaa loogii tokko malee hammattanii ilaa fi ilaameedhaan akka waliin maryattanii dha.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Boruu Barraaqaa
Dubbataa ABO duraanii
Ibsa Ejjannoo Gurmuu Deeggarsa Kongiressii Federaalistii Oromoo Idil-addunyaa irraa kenname
Dhiyeenya kana Adoolessa 12, 2016 ykn Adoolessa 4, 2008 ALH gaafa ji’a saddeetessoo Warraaqsi Oromoo kan Oomiyaa handaara arfaniinuu raasa bahe itti eegalametti mormiin Goondar keessatti jalqabeera. Mormiin kun kan bu’uura godhate gaaffii eennummaa akka ta’e himameera. Gaaffiin kun uummanni naannoo Wolqaayit-Xegedee jiraatu nu Amaara malee Tigree moti jechuudhaan wolqabatee ta’uun beekkameera. Humnoonni mootummaa Woyyaanee gaaffii tana seeraan furuu dhiisanii ajjeechaa fi hidhaa raawwachuuf yo socho’an uummataan wolitta bu’uu isaaniitiin lubbuun nama 10 ol galaafatamuunille beekkameera. Haala kana gad-fageenyaan xiinxaluudhaan, haalli ollaa keenya keessatti deemu kamuu qabsoo keennarrattille dhiibbaa kan qabu waan ta’eef ibsa armaan gadii kennineerra.
- Gaaffii mirgaa kan uummanni kaasu kan eenyummaa ta’e kan biraa murtee uummataatiin deebisuu malee humnaan ukkamsuu yaaluu cimsinee mormina. Ajjeechaa Hawaasa Goondar irratti fudhatamaa jiru ni balaaleffanna.
- Hidhamtoonni siyaasaa kan gaaffii mirgaa gaafachuu isaanii qofaan, yaada ofii bilisaan waan ibsataniif qofa hidhaman marti haa hiikaman. Humnoonni ji’oota saddeettan darban keessa yakka ajjeechaa raawwatan gocha yakkaa isaaniitiif itti haa gaafataman.
- Mootummaan wayyanee ummattoota biyya Sanaa dabaree dabareen ajjeesaa fi dararaa garaagaraa irraan gahaa jira. Kanaafuu yeroo sabni tokko miidhamu inni ollaa taa’uu hin qabu. Keessattuu qabsoon uummata ollaa keennaatiin gaggeeffamaa jiru irree woyyaanee kan laaffisuu fi humna ishii kan bittimsu waan ta’eef qabsoo teennaaf tumsa malee gufuu moti. Qabsoon Uummanni biyyittii Sanaa Wayyaanerratti gaggeessu kan wal-tumsu malee kan wal-faallessu waan hin taaneef qindaawuu qaba. Uummani keennalleen haala kanaan akka hubatu feena.
- ”Uummanni Dammaqe, kan ijaaramee fi kan hidhate ni moo’a” dubbiin jettu tan Hayilee Fidaa tun yoomiyyuu ni hojjatti. Kanarratti hundaa’uudhaan dargagoonni Oromoo fi deeggartoonni qabsoo kanaa bakka jiran hundatti wali ijaaruuniifii gurmuudhaan qabsoo kana akka finiinsan gaafanna. Caasaa cimaa kan diinaan akka salphaatti hin diigamneen walcimsee deemamuu qaba.
Injifannoon Uummata Bal’aaf!
Gurmuu Deeggarsa Kongiressii Federaala Oromoo Idil-addunyaa
Adoolessa 16, 2016
Minneapolis, Minnesota
#OromoProtests, July 17, 2016
#OromoProtests Godina Harargee bahaa Gaara Mullataa Aanaa Gurawaa Magaalaa Dooguutti Qeerroon keenya galgala kana Adoolessa 17, 2016 hiriiira bahuudhaan mormii isaanii itti fufanii jiran. Qeerroon kunneen kaleessaas mormii geeggeessaa ooluun isaanii ni yaadatama. Alouta Continua !!!!!!!! Via Barento Mohammed
#OromoProtests Godina Harargee bahaa Aanaa Gurawaatti mormii galgala kana Magaalaa Dooguutti adeemsifamaa jiruun wal qabatee poolisoonni Magaalaa Gurawaa irraa garasitti fe’amaa waan jiraniif Qeerroon Dooguu of eeggannoo barbaachisaa akka godhan dhaamsa nuuf dabarsi Via Barento Mohammed
Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaa Araddaa Badhaasaa jedhamu keessatti dhukkuba koleeraa ka’een namoonni 10 du’uun barameera. Lubbbuun namoota du’anii kan caaluu akka dandayu dubbatamaa jira Ummanni tajaajila barbaachisu tokkollee akka hin argatunis gabaasni achirraa nu gaye ni addeessa. Via Barento Mohammed
#OromoProtests Dambi Doollootti mormiin ciminaan gaggeeffamaa jira.
#OMN:Oduu Adol.15,2016 Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Dambi Doollotti xumura qormaata biyyaalessaa kutaa kudha 12ffaa booda barattoonni mormii isaanii yoo geggeessaa turanitti, poolisoonni Federaalaa hidhaa fi reebichaan barattoota miidhuun himame.
Magaalaa Dambi Doolloo irraa barataan nuti dubbifne tokko akka jedhutti, barattoonni mana barumsa sadarkaa lammaaffaa magaalaa isaanii guyyaa kaleessaa xumura qormaata kutaa 12ffaa booda mormii geggeessaa oolan.
Barattoonni kun karaa magaalattii hedduu cufuun mormii jabaa finiinsaa kan oolan yoo ta’u, poolisoonni Federaalaa ammoo akkuma amala isaanii hidhaa fi reebicha hamaa barattoota kanarraan gahanii jiru.
Kanarraa ka’uun dargaggoonni hafan hedduun magaalaa keessaa baqatanii jiru jedheera.
Magaalaan isaanii wayta ammaa poolisoota Federaalaatiin guuttamtee jiraachuu nuuf himee, ammayyuu hidhaan itti fufee akka jiru ragaa bahee jira.
Daraggoonni hafan lamaa sadii ta’anii magaalaa keessa socho’uun hin danda’amne kan jedhu barataan kun, dararaan hammeenyaa biyyuma keennarratti nu muudataa jira.
Mormiin barattootaa kun maal ture gaaffii jedhuuf barataan kun yoo deebisu.
Akka barataan kun jedhutti poolisoonni Oromiyaa fi Federaalaa magaalaa Dambi Doolloo keessa naannayuun dargaggoota adamsaa jiran.
Jiraattoonnis mormii isaanii wayta dhageesisanitti poolisoota kanaan reebamaa jiraachuullee nuuf himee jira.
Mootummaa biyyattii bulchaa jiruun hidhaa fi reebichi kamuu mormii keennarraa duubatti nu hin deebisu jechuun barataan kun murannoo isaa ibsatee jira.
Akka inni jedhutti, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi abbaa qabeenyummaa Oromoo haga deebii hin argatinitti mormiin ummatichaa guutummaa biyyattii keessatti finiinee geggeeffamuu qaba jedhaa jira.
Usmaan Ukkumeetu dhiheesse. Via Gamtessa Oromo
Dhaamsa Qeerroo Harargee
Nuti gootonni Oromoo ilmaan Ituu qabsaa’onni Harargee hanga bilisummaatti qabsoo irratti wareegamne fiixan baasuf kutannee waan kaanef ummanni guutummaa Oromiyaa nu faana akka hiriirtanii mootummaa faashistii wayyaanee ummata keenya duguugaa jiru ofirraa hundeen akka buqqisnu dhaamsa isiniif goona. Torbee dhuftu irraa eegallee qabsoo cimaa gochuuf qophii xumurree waan jirruuf tokkummaan kaanee ni falmanna.
QEERROO
HARARGEE Via Oromiyaa Harmeekoo
11 per cent growth in Addis Ababa
Naannawa Benishaangulitti mormii mootummaa wayyaaneerratti deemaa jiruun walqabatee miseensota Kaabinee wayyaaneerratti Tarkaanfiin fudhatame; Naannawa Gaambeellaattis diddaan ummataa jabaataa jira.
(SBO/VOL – Adoolessa 16,2016) Naannawa Benishaangul Ona Goobaatti mormii ummataa mootummaa wayyaanee irratti deemaa jiruu fi tarkaanfii lukkeelee sirnichaa irratti fudhatamu itti fufee jira. Haaluma kanaan Ona Goobaa ganda Alutaatti tarkaanfii adabbii fudhatameen ergamtoonni wayyaanee miseensota Kaabinee Onichaa tahan 3 ajjeefamanii, kanneen biro 2 ammoo madeeffamanii jiru.
Oduudhuma walqabatee nu gaheen, naannawa Gaambeellaattis ummanni mootummaa wayyaanee jalatti hin bullu jechuun mormii gaggeessaa kan jiru yoo tahu, waraqaaleen ummata falmaaf kakaasanii fi wayyaanee balaaleffatanis facaafamaa jiru. Via Deebisaa Gadaa Maccaa
#OromoProtests Arsii Lixaa Adabbaa (Kutaa Balee Duraani)
Gootowwan Jajabboo Oromiyaan Magarsite Kessaa Kaneen Akka
*SHAANQOO GANAMOO CAMSAA Goota Lolaa Balee Bara 1933 -1935
*HAAJI ABDULAHII GANAMOO CAMSAA Goota Qabsoo Oromoo Dursa Bara 1960ta Kessaa JENERAAL WAAQO GUUTU Waliin Dhukaasani Kutaa Gadab Guutu Bilisaa Baasan Jallan Qaqaali Waliin
*ABUBAKAR GANAMOO CAAMSAA Goota Gaara Washaa Hanga Gadab Waabeetti Obbolessaa Isaa HAAJI ABDULAHII GANAMOO Waliin Diinaa Raase, Goota Lola Gundaa, Lolaa Alummaa Shifaa, Gaaraa Washaa Mataa Gubba Dhaabate Goota Nafxanyaa Lagatti Raree Gaafa Lolaa Laga Leencaa Farda Gubbaa Dhaabate Dhukaase Surrii Ajajaa Waraana Nafxanyaa Kan Facaase,
*HAAJI UMAR QEEBALOO
*DUULAA JIMJIMOO
*JAAL KALIIL JIMJIMOO
*JAAL MUHAMMED AMAN JIMJIMOO
*JAAL KADIIR BIIFTUU KIMOO
*JAAL AMAANOO SAANI GANAMOO CAMSAA Goota Gaafa Lola Harbaa Bara 1969 Lolaa Gaara Buchaaa Rayyaa Bakka Madhajjaa Jedhamutti wareegame
*JAAL HUSEEN ABUBAKKAR GANAMOO CAMSAA (Muldhataa Dirree) Goota Karaa Abeeran Isaa HAAJI ABDULAHII GANAMOO Egalee Hordofee Hanga Hogganna Waraana WBO Haqaa Kan Ture Hanga Amma Kan Du’eef Jiraan Hin Beekamin
*AHMED ABDULAHII GANAMOO CAMSAA Gootowwan Xiqqaa Fi Guddan Qabsoo Irraa Hin Hafin
*ALOO HUSEEN GANAMOO CAMSAA Goota Abeeraa Isaa Fi Durboota Isa Faana Hidhat Diinatti Qawwee Qaxisiisee
*JAAL YUSUF MAMUU DILBAROO Gootaa Bara Dargii Amerikaa Irraa Dhufee Lolaa Motummaan Dargii Tasa Bakka Isaani Waraana Waliin Jiranitti Dhukaasa Irratti Baneen Lolaa Sa’a Jahaa Booda Goota Wareegame,
*JAAL JAMAL ABDULQAADIR GANAMOO CAMSAA (Ifaa Ija Batirii Kan Akka Jamaal Abdulqadirii Jette Wellistuun Shabee Sheekaa Kan Walessiteef) Goota JAAL NADHII GAMMADAA Waliin Meshaa Hin Hiikannu Jedhe Bosonatti Deebi’e Hardhas Akkuma JAAL NADHII GAMMADAA Jiraa Fi Du’an Hin Beekamin
*JAAL YAAQUB ABDULQAADIR GANAMOO CAMSAA(YAQQEE) Goota Qaxalee Karaa Abeerota Fi Obboleyyan Isaa Hordofee Meshaa Hin Hiikannu Jedhe Bosonatti Deebi’e Hardhas Jiraa Fi Du’an Hin Beekamin,
*JAAL BULLOO QUUBSA Gootowwan Waraana HAAJI ABDULAHII GANAMOO Kessaa Tokko Kan Ta’an Gootowwan Seena Dhabataa Gaara Gundaa, Gaaraa Washaa, Laga Leencaa Fi Alummaa Shiifatti Galmeesisan Kessaa Adda Duree Fi Goota Qabsoo Irratti Wareegame,
*JAAL SAID COOTAA
*JAAL LEENCOO GURREE
*JAAL HUSEEN JILOO XAQAYSAA
*JAAL JAARSOO OGEE
*JAAL GUYYEE IRRESSAA
*JAAL KINFAA HAAJII HINDHESSAA, Goota Barooda Jilbiinfatu Mataa Dhahu Waraana Nafxanyaa
*JAAL GALATOO DHEEKAMA Leencaa Allummaa Shifaatti Diinaa Boolatti Raree, Gamessaa Waraana HAAJI ABDULAHII GANAMOO Kan Ture,
*JAAL HAAJII BASHIIR IBRAHIM
*JAAL QABATOO BAQATAA
*JAAL ADAM BAQATAA
*HAAJI GUYYEE DUULAA Gootaa Haftee HAAJI ABDULAHII GANAMOO Kan Umrii Isaa Guutu Oso Sabaaf Mormatu Wareegame, Gootowwan Karaa Fulduraa Maqaa Isaani Isiniif Ibsu Dacheen Isaani Irraa Margan ADABAADHA, Arsii Lixaa Oromiyaa Biyyaa Gootaa! Wareegamni Umanni Adabbaa Baroota Hedduu Kafalee Fi Kafalaa Jiru Gumaatni Dacheen Goota OROMOO HAAJI ABDULAHII GANAMOO Oromoo Fi Oromiyaaf Gumaachite Seena Dhabataa Yoomu Hin Irraanfatamneedha!
#Dargagonni Oromoo Arsii Lixaa Adabbaa Fi Guutu Oromiyaa Gumaa Dhiigaa Ummata Keenya kan Deebisu Nu Qofa Ta’uu Beektani Tokkummaan Qabsootti Xichuun Fedhi Osoo Hin Taane Dirqama Keenyadha!
#Qabsa‘aanNiKufaQabsoonIttiFufa!
#OromiyaanNiBilisoomtiNiWolaboomti! Via Mohammednur Guye
Guyyaa Ifaanoo/Masqala Oromoo
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Masqalli aadaa Oromoo ta’uu fi kiristaanummaan akka wal hin qabanne, ragaaleen qorannoo ni agarsiisu!.Haa ta’u malee,erga gaafa Ilmi Liiban Maccaa Habte Giyoorgis Diinagdee (Quseen) addeessaa Muree birbirsa Gooroo tti Masqala habashoota kabachiisee qabee,Masqalli aadaa Amaaraa fi Oromoo ta’uun bakka lamatti ba’e!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Egaa seenaa fi Masqalli aadaa Oromoo,Taaboreen aadaa Oromoo ta’uuf ragaaleefi afoolli Oromoo har’a ga’e ni agarsiisa!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Kanaaf Yaadota armaan oliin kana irratti akka marii’atnu isinii dhaama
* Inni jalqabaa waa’ee Masqala Oromoo Hanga beektu barreessi
* Oromoon Tuulamaa yeroo kam guba?
* Oromoon Sikkoo Mandoo yeroo kam Masqala Oromoo kana guba?
* Ilmaan Arfan Qalloo akkamitti beekuu?
* Oromoo Maccaa keessa aadaa masqala/Ifaanoo Oromoo jiru kana Taaboree Guduruu, Taaboree Leeqaa/Jimmaa akkamitti dhaha Oromoo Maccaa wajjin deema?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Ifaanoon/Masqalli Maccaa fi Tuulama biratti sirbaa fi gammachuu guddaan waan kabajamuuf, sirboota Masqalaa hangam yaadatta?
~~~~~~~~~~~~
Aadaan Oromoo Kun Sadarkaa biyyoolessaatti akka beekamuu fi kabajamuuf, dhiibbaa barbaachisu akka taasifnu, Oromoonni Matakkal Wambaraa aadaa kana hanga har’aa qabatanii waan jiraniif, ibsituu eenyummaa isaaniis taasifnee ilaaluu akka dandeenyu! Guyyaan kun akkaataa lakkoofsi garanfasaa dagatamaa jiruun wallaalamuuf waan jiruuf,#IfaanooMasqalaOromoo kana miidiyaan wayyaanee waan hin kabajneef jaarsolii Guulaa fi raagaan irratti hirmaachisuun #OMN akka uummata wajjin aadaa kana kabajee beeksisu tumsa barbaadamu akka waliin baanu! Via Deebisaa Gadaa Maccaa
Dhaamsa warra dish hojjaturraa dhufe
“telestar eurostar reciever irra hin jiru waan ta’eef warri reciever xiqqaa(eurostar) fayyadaman rakkachuu danda’u. Kanaaf saatalaayitii hotbird frequency 12544 fi symbol rate 02171 horizontal irratti argachuu akka danda’aniif post godhiif” Via Deebisaa Gadaa Maccaa
#breaking_news! G/H/lixaa magaalaa #baddeessaa keesatti fxg geggeeffamaa jiraachuu qeerroon naannichaa ibsaa jira!mee hordofnee deebina!
የጎንደሩ ሕዝባዊ እንቅስቃሴ ተከትሎ የተደናበረው የወያነ አገዛዝ የወልቃይት ተወላጆችን ከአዲስ አበባ እና ካርቱን እያፈሰ በማሰር ላይ መሆኑን ምንጮች ገልጸዋል::ጎንደር ከተማና በአጠቃላይ በአማራ ክልል ሕዝባዊውን አመጽ ተከትሎ በአደባባይ ሰዎች በብዛት ባይታዩም ውስጥ ውስጡን ግን ሰዎች መንቀሳቀስ እንዳቃታቸውና እየታሠሩ መሆኑን ለጉዳዩ ቅርበት ያላቸው የአከባቢው ነዋሪዎች ይገልጻሉ::
በተለያዩ ሰበቦች የአማራውን ሕዝብ ለማጥቃት ዝግጅት እያደረገ ያለው የወያነእ አገዛዝ በጎንደር የወልቃይት ማነት ጉዳይን የሚመሩ ግለሰቦችን ለመያዝ ሃይል የተቀላቀለበት እርምጃ ለመውሰድ ሲገሰግስ በሕዝብ ሃይል አደጋ ተጥሎበት ከጥቅም ውጪ መሆኑን በዚህ ሰውን የሚወጡ ዘገባዎች መስክረዋል::በዚህ ከፍተኛ እፍረት እና ድንጋጤ የገባው የወያኔው አገዛዝ በሌሎች ክልሎች በሚኖሩ አማሮች ላይ በተለይ የወልቃይት ተወላጆች ላይ የበቀል ዱላውን ለማሳረፍ በአዲስ አበባና በሱዳን ወና ከተማ ካርቱም አፈሳውን ተያይዞታል::በተለይ የወልቃይት ተወላጆች ይበዙበታል በሚባለው ገዳሪፍ እና ካርቱም ውስጥ የፈሰሱት የወያነ የደህንነት አባላት አፈናው አጠናክረው በመቀጠል ላይ ሲሆን የተለያዩ መሳሪያዎች እና ጥይቶችን በመግዛት ወደ ጎንደር ያስገባሉ የተባሉ የወልቃይት ተወላጆች መያዛቸውን ምንጮች ጠቁመዋል:: Via Minilik Salsawi – mereja.com
How to Unlock Viber and othe Blocked Applications in Any Country
Breaking: Dhaamsa Hatattaamaa Qeerroo Bilisummaa Oromo Irraa !!
OromoProtests– Kun dhaamsa hatattamaa Qeerroon dabarse! “Yeroo ammaa keessatti waantoti hedduu jijjiiramaa jira. Keesssoon Wayyaanee immoo hedduu jeeqamaa jira. Sababa kanaan humni Wayyaanee gochaa badanii balleessuu dalaguuf qopheeffamaa jiru gudddaa ta’uu bira geenyeerra. Kanaaf, karoora Wayyaanee kamuu tokkummaa fi kutannoon fashalsuuf namuu akka walbeekuu fi walhubatutti naannoo isaa eeguu fi waleeguu irratti hojjachuu qaba.
Qabsoon Oromoo waggootaaf finiinaa jiru gara galii isaatti dhiyaachaa jira. Ummati Oromoo keessaa fi alaan wal’aansoo murteessaa kanaaf biramachuuf of-qopheessee tarkaanfachuu qaba. Kan hidhannoo qabu hidhannoo qopheeffachuu, kan hin qabne, garuu kan danda’u immoo daddaffiin hidhannoo malchiisu bitachuu, bakka jirutti of eeguu fi waleeguun hojii keenay duraa ta’uu qaba.”
Gaabbii fi eegeen booda deemti!! Via Dhábasá W. Gemelal
Oromo TV: Dr. Merera Guddina Haala Yaroo ammaa dararaan ilmaan Oromoo irra gahaa jiru
RSWO – Adoolessa 17, 2016 (Raadiyoon Sagalee Walabummaa Oromiyaa Qilleensa Oromiyaa Irraa Uggurame)
Oromo Youth Association (Biqiltuu) Cultural Show in Washington, DC Metro
(Ayyaantuu) — What a tremendous blessing and pride to watch this splendid show of the Oromo youth in Washington, DC Metro Area on July 17, 2016 at Maryland University. I really enjoyed it and I am so happy to come to this show . I hope every attendee agrees with me and you will also concur with me when you watch it in whole. No one was willing to leave the hall when it ended at about 9:30 PM. Our fallen students did not die in vain. Oromummaa is on the irreversible revival. It is shining around the world with a fascinating variety of Oromo songs, dances and fashion shows! Please enjoy the video streamed by the youth themselves.
OYA DC (Biqiltuu) Oromo Culturla Night, Part I
OYA DC (Biqiltuu) Oromo Culturla Night, Part 2
Good bless OYA DC (Biqiltu)