Image may be NSFW.
Clik here to view.
Fincilli xumura garbummaa Bitootessa 11/2016 Yeroo ammaa kana magaalaa Naqatee keessatti mormii jabaatu godhamaa jira.
Mormiin kunis baratootaan kan itti fufe yemmuu ta,u yeroo ammaa kanas dhaadannoowwaan jajjaboon dhaga,amaa jira.Dhaadanoowwan kunis Oromiyaan humna waraanaan buluun haa dhaabbatu,Lubbuun lammii keenya darbeef ,dhiiga dhangala,eef mootummaan itti gaafatamuu qaba ,kan jedhuu fi Qabsaa,onni oromoo mana hidhaa jiran hatatamaan akka gad lakkifaman kan jedhu yeroo ta,u Yeroo ammaa kanas fincilli kun daran jabaachuun gara manneen barnootaa naannoo sanaatti haala nama hawatuun finiinaa jira Yeroo ammaa mana barnootaa kanneen akka Calallaaqi, Biiftuu Naqtee akkasumas mana barumsaa kibbaa wachaa mikaael fi Aaskii kaneen jedhaman keessatti jabaatee itti fufee jira.Mootummaan faashistii wayyaanees fincila kanaan kan riffannaa guddaa keessa seenuun uummata goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne eerraniiru.
Image may be NSFW.
Clik here to view.