Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Oromo Protests: Yaa Qeerroo

$
0
0

Yaa qeerroo, yaa qeerroo, dheeradhu umurii!!
Seenadha hojjattaa, akka abboota durii.
Seenadha hojjattaa, akka abboota durii.

Toftaafi tarsiimoo hunda isaa jijjiirtee,
Warra abdii kutellee hamilee isaa kaaftee,
Qabsoo sabboontotaa dhiigan haaromstee,
Si duukaa buunerraa, onneen murteessinee,
Oromummaa keenyatti sirriitti amannee,
Akkaa eenyuyyuu gad hin taane sirriitti yaadannee,
Wal jajjabeessinaa gaaraa fi dakaa kaanee!
Of bilisoomsinaa sirriitti lolannee!!

Yaa qeerroo, atuu kana beektaa,
Yaa qeerroo, waan hunda xiinxaltaa,
Riqicha nuu taatee, kan darbee fi kan dhufu walitti ceessiftaa,
Tokkummaan nu kaaftee kunoo, nu lolchiiftaa,
Yaa qeerroo, yaa qeerroo, kana atuu argitee,
Yartuun tokko tokkoo numa keessaa yaatee
Numa keessaa baatee,
Gunamtee nu gantee,
Badhaadhina keenyaa warra diinaaf laattee,
Ilmaan Abbaa Gadaa nu badadeessitee,
Dachee keenya irraa dhaantee nu hariitee,
Kan kadhannee hin beeknee kadhataa nu taasfitee,
Guyyaadhuma saafaa daa’ima harka duwwaa rasaasan reebsiftee,
Dubartii keenya ulfaa, ulfa faana ajjeechiftee,
Dhala ilmaan Oromoo nu duguuguf kaatee.
Bookee nutti taatee,
Dhiiga keenya xuuxxee,
Buusaa nu qabsiiftee,
Maatii keenya fixxee.

Dhugaan keenya kunoo, Waaqa bira gayee,
Booyicha haadha dhaltee hundumaa dhagayee,
Imimmaan ishii argee murtee isaa dabarsee,
Warra gantuu, gooftotuma isaaniitiin, akuma Goobanaatti, isaan salphisiisee,
Akka jalaa baatee, akka baasanii isaa darbatan taasisee.

Yaa qeerroo, Yaa qeerroo,
Yeroon keenya gayee sirriitti haa lolannuu,
Garbummaa bara hedduu kana caala hin baannuu,
Otoo biyya qabnuu keessaa hin baqannuu,
Jeennata keessatti gadadoomnee hin bulluu,
Bilisummaa keenyaf, warra hin kaanes kaasii,
Diinarratti haa duulluu!!
Yaa qeerroo, Yaa qeerroo,
Sinbirris ni waccii, indaanqon ni iyyitii,
Dukkanaayee hin hafuu,
Bakkalchis bayeeraa biiftun bayaati jirtii,
Oromoon tokkomnee akka kanniisattii,
Diinni gatantartee, kufuuf qophooftertii,
Maraanmartoon qabee ofirra nanaannoftii,
Waan qabattu dhabdee oomacha dafaqxii,
Akkanumatti lollaa, dubbatti hin deebinuu,
Alaabaa isa keenyaa biyyarra haa dhaabbannuu!!
Alaabaa isa keenyaa biyyarra haa dhaabbannuu!!
Aaloo ijoollee keenyaa lollee haa baafannuu,
Akka wal hin qoqqoodne,
Akka lammata eenyufuu hin gowwoomne,
Kakuu oromummaa Waaqayyo fuulduratti waliif haa kakannu!
Kakuu oromummaa Waaqayyo fuulduratti waliif haa kakannu!

Yaa qeerroo, yaa qeerroo, dheeradhu umurii!!
Seenadha hojjattaa, akka abboota durii.

Yaa qeerroo, yaa qeerroo, Yaa qeerroo, yaa qeerroo,
Guula qofa mitii Waaqnis si eebbisaa,
Lammiin sitti amana bilisummaa isaa.

Yaa qeerroo, yaa qeerroo, dheeradhu umurii!!
Seenadha hojjattaa, akka abboota durii.
Seenadha hojjattaa, akka abboota durii.
Waanjoo isa ulfaataa, aada lammii udhe hundaa nurraa furii!
Aada lammii udhe hundaa nurraa furi!
Aada seenaa udhe hundaa nurraa furi!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918