#OromoProtests Guyyaa 22/6/2008
=================
Godina Hararge lixaa Anaa odaa Bultuum Magalaa Baddessatti
Kabinen Baratota kenyatti Agazi yamudhan Bobbaa fi galaa dhorkaturte.
Mahmad sa,id itti Gafatama dhabaa kan te,e fi Ahmad Alii kan Itigafatama galiiture yero Amma angorra gad wan bu,ef Ango isaa guddifachuf jecha baratota kenya mana cabse fudhun rebichafi hidhaa itti fufe jiraa.
Mahmad sa,id fi Amaad Aliyyi Erga woyyane bakkan ga,uf jecha Baratota magalatti wan dararanif.
Edaa halkan kessa nanno sa,ati 8:00ti benzila qaruratti gutun Farra kabinee/Mana isani gubbatti darbaniru.iyyani nama ofitti yamun ummanni irra dhamse jira.
Kabinen kun lamen ilman oromo daraarurra yo ofqusatu bataan tarkan fi guddan akka isan eggatu Akka hubaatan.
Kabinen qaruran mata nama addus magaluma kana kessa jirti.
Arra boda baratonni tokko yo hidhame tarkanfin guddan akka isaan eggatu ha bekani.QERROO~~ABO rra.
Ebla 1 .4 2016 (oromiapress) woyyaanee fi Finfinnee
oduu amma madda woyyaaneetti dhihoorraa nugaheen mootummaan woyyaanee waa’ee finfinneerratti maryataa jira. Dh.D.U.Onis maricharratti hirmaateera. muumicha ministeeraa Hayilamaaram dabalatee Abbaay Tsaahayees marii keessa jira. yaadni dhiyaataa jirus ummanni oromoo itti xiyyeeffatee waa’ee finfinnee falmaa jira. finfinneen garuu kan oromiyaa qofa osoo hintaane kan guutuu etiyoophiyaati. kanaafuu sagalee ummata jiraataa magaalaa finfinneetiin murteessinee achirratti hundaa’uudhaan yoo jiraattonni magaalaa finfinnee akka magaalattiin oromiyaa jalatti bultu hinbarbaanne oromiyaa jalaa baatee ofiif akka ofbulchitu naannoo of dandahe goona. sana booda mormiin jiruuf oromoon bu’aa finfinneerra seeraan argachuu qaba jedhanii paartileen siyaasaa olola geggeessaa jiran jalaa salphaatti miliquu dandeenya yaada jedhamu kaasaa jiru.
dabalataanis paartiileen gariin afaaniin baasanii dubbachuu dhiisanus ummata gara etiyoophiyaarraa fottoqiinsa oromiyaatti waamaa jiru. kanaafis kan sababa tahe magaalaa keenya finfinnee fudhannee fottoqna jechuu isaaniiti. Oromiyaan guutuuf guutuutti finfinneerratti olaantummaa argannaan kun biyya keenyaaf rakkoo guddaadha. fuulduratti biyyi etiyoophiyaa jedhamtu kun gara oromiyaatti jijjiiramuuf deemti jechuun yaada kaasanus mormiin cimaan isaan mudatuun wolgahii isaanii kan iccitii kana beellama biraatiif akka hojii manaatti fudhatanii gargar yaahaniiru.
Ummanni Oromoo dammaqi! Ituu ati jirtii dachee keetiif qabeenya keerratti eenyullee siif hinmurteessu!
kan itti maryatamu maali?
kan mariyatu eenyu?
share godhaa wwoliif
#oduuammee !g/h/lixaa aanaa #bookee keesaatti sabboontotni oromoo bifa kanaan harkaa fi milaas hishamanii gidirfamaa jiru! suuraan kun mana hidhaa aanaa bookee keessatti namoonni mana xiqqaa tokko keessatti guuranii walboraafatanii walirra rafaa jiru jedhu qeerroon naanniichaa,sababa hidhamtootni mana guutee alattis hidhamaa jiraachuu ibsu!

Guyyaa haar’a namoota sagaadduuf gara masgiida deeman sababa Oromoo ta’aniif sakkatammuuti jiru. Mirgaa Amantii ille Oromoo dhorkaa jiru…
![]() |
![]() |
#OromoProtests
Ebla 1,2016
yeroo ammaa mana barumsaa sad 1ffa fi 2ffa Bishooftu mormiin bifa kanaan itti fufa jira
Ebla 1,2016 Yuunversiitii Wallaggaatti keessatti galgala galgala reebichi hamaanbbaratoota irratti ammaachaa jiraachuun beekame..Barattoonni danuuniis halkan eddaa humni federaalaa karaarra maaf deemtu jechuun baratoota nagaa nu jilbeenffachiisanii dhagaa caccabaarra jilbaan naannoo wallakkaa sa,attii nu deemsisanii nu reebaa turan jedhu baratoonni kun.Baratoonni heeduunis reebicha kanaan miidhamanii hoospitaala
Naqamtee keessa kan ciisan gara hin qaban.Hoospitaala kana seenuun baratoota kanaaf gargaarssa tokko tokko walitti buusnee goonaaf jennee yeroo yaannuttis hoospitaala kana keessatti mootummaan gabroonfataan Wayyaannee deeninnatii ramaduun baratoota kanatti namni tokko akka itti siqee hin haasofsiifne godhaa jiru.
#Bilisummaa_Walabummaan_Baranuma! #Oromooprotest
Bitootessa 31/2016 Godinaalee Oromiyaa gara dhihaa, Giddugaleessa Oromiyaa fi #Bahaa Oromiyaa keessatti warraaqsii biyyoolessa Oromiyaa FXG’ Daran jabaachuun itti fufinsaan gaggeeffama jira, Waraanni wayyaanee Tarkaanfii abdii kutannaa sirnichaa uummatarratti fudhachuun yakki #genocide Oromiyaa keessatti itti fufinsaan gaggeessa jira!
Aanota Godinoota Oromiyaa hunda keessatti Uummatni Oromoo diddaa Kanfaltii #Gibra_fi_Buusii mootummaa Wayyaaneef hin kaffallu sirna nama nyaataa Sanyummaan lafarra nu duguugaa jiru kana jalattis hin bullu, OPDOn maqaa keenyaan daldaluu hin qabdu, nus bakka hin buutu, bulchiinsa Soba wayyaanee OPDO wareegama caalu kanfallee of irraa dhabamsiisuun diina afaan qawween nu reebaa jiruu of irraa galchuun baranuma jechuun uummatni dhaamsa injifannoo fi jajabeessa waliif dabarsa jira.
#Oromooprotest
#bilisummaa_walabumman_Baranuma!!
Magaalaa Jimmaa Keessatti Sochii Qeerroon Mirga Abbaa Biyyummaasaaf Taasisaa Jiru Daran Babal’ate
Ebla 1,2016 – Guutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jira
Bulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
#ADWUIn Saamtuudha
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
#Abbaan biyyaa Oromoodha
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen
Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti
#OromoProtests-(01.04.2016, #DiddaaOromoo, Oromia) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyii irraa Goototi Oromoo 64 waraana Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n ukkanfaman; yeroo ammaa Mooraa Leenjii Waraanaa Wayyaanee kan Godina Jimmaatti argamuu Xoollayitti hidhamaniiru; isaan keessa kanneen maqaan adda baafamani
jiran.
1. Dargaggoo Kuubaa Takkalaa
2. Barataa Tarkuu Gusoo
3. Barataa Balaayi Baayisaa barataa kutaa 12ffaa
4. Balachoo Lachiisaa Hojjetaa
5. Barataa Sisayyi Lammeessa kutaa 10ffaa
6. Barataa Dheeressa Tarfaa barataa Kutaa 11ffaa
7. Dargaggoon Dirribii Mashoo daldalaa
8. Barataa Shifarra Dajanee kutaa 10ffaa
9. Barataa Dagguu Alamayyoo, barataa sadarkaa 1ffaa
10. Dargaggoo Geetuu Dammaqaa jiraataa Magaalaa Baallammii
11. Barataa Waasihuun Girmaa, barataa sadarkaa 1ffaa
12. Dargaggoo Mo’Iboon Goobanaa iraata magaalaa Baallammii
13. Barataa Rattaa Dhibbaa
14. Dargaggoo Tasammaa Taaddasaa , iraataa magaalaa Baallammii
15. Miratee Dhugumaa qotee Bulaa,
16. Alamayyoo Tarreessa Qotee Bulaa
17. Cimdeessaa , kan jedhamuu qotee bulaa
18. Guddina Dabalaa qotee bulaa
19. Nagarii Gammadaa qotee bulaa
20. Alammayyoo Cimdeessaa Barataa
21. Daskiisaa Injiguu
22. Barataa Abdiisaa Gaaddisaa kutaa 8ffaa
23. Barataa Qixaataa Goduu barataa kutaa 7ffaa
24. Barataa Balaay Fiqaaduu barataa kutaa 12ffaa
25. Barataa Hirphasaa MIrreessa barataa kutaa 12ffaa
26. Mallasaa Fiqaaduu daldalaa
27. Barataa Awwaajii balaay barataa kutaa 11ffaa
28. Barataa Baay’ataa Mirreessaa barataa kutaa 11ffaa
29. Dargaggoo Tasammaa Yaadasaa dabalatee ilmaan Oromoo 64 balleessa
tokko malee Waraana agaaziin ukkaanfamuun mooraa waraana Wayyaanii
Xoollayitti kanneen geeffama keessatti argamu.
Ebala 1,2016 Mootummaan Wayyaanee Yakka Barattoota Oromoo Irratti Hojjetu Itti Fufuun Yuniverstii Jimmaa Keessatti Seeraa Ala Hiriira Mormii Baatan Jechuun Ragaa Sobaa Waammatee Adabbii Maallaqa Guddaa fi Murtii Hidhaa Barattootatti Murteessaa Jiraatu iyyuu FXG Itti Fufee Jira..
#OromoProtests
Maxaanssan (Gaazeexa)website al-balad ja’amuun bekkamu biyya masrii kessatti hiriira baqataan Oromo Cairootti gad-gessaa jiran irraa gabaasaa bal’aa qophessanii gabaasaan.akkumma arraman gadditii afaan Arabatiin maxaanfamee jira.
Link: http://www2.el-balad.com/2103222
Watch: Yomif Kejelcha of Ethiopia Choose to be interviewed in Afaan Oromoo