SBO Ebla 3, 2016
(SBO/VOL – Ebla 02,2016) Miseensotaa fi Kaabinoota wayyaanee Godina Baha Shawaa keessatti barattoota fi ummata irraan miidhaa guddaa geessisan irratti tarkanfiin boombii fudhatame.
Bitootessa 31,2016 Godina Baha Shawaa magaalaa Bishooftuu ganda 01 keessatti kan argamu Hoteela Awaash jedhamu keessa qubachuun barattootaa fi ummata Oromoo irratti shira adda addaa xaxuun gidiraan akka isaan irra gahuuf kan hojjechaa turan kaabinootaa fi miseensota wayyaanee irratti tarkaanfii boombii fudhatameen haalaan gaaga’amaniiru.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame galgala keessa oggaa ta’u kaabinootni wayyaanee hoteela kana keessatti shira xaxaa turan 8 oggaa ta’an 7 hojiin ala ta’aniiru
Ebla 2,2016Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo irraa namooti ja’a hojiirra arii’amuuf qaamoti tikaa Wayyaanee akka qophii xumuran icciitiin ba’uusaa toora miidiyaa hawaasaatti faca’uunsaa ni yaadatama!
Haaluma kanaan tarkaanfiin mootummaa Garboomfattuu kana maal akka ta’u eegaa turre icciitichi harkaa ba’uun isaanuma qaamota Wayyaanee akka wal dhabsiises beekameera
Namoota sirnichi irratti xiyyeefatuun xalayaan arii’amuu isaan qaqqabuuf turesakka adabaatti/demotion/ bakka jiranirraa gadi bu’anitti jijjiiramuu odeessi nu ga’e akkanaan ifoomseera
1 Lammeessaa Daggafaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
2 Mootii Oliiqaa Waajjira Abbaa Taayitaa Daandii Irraa Gara Waldaa Hojii Gamtaatti
3 Asnaaqee Gabree Waajjira Geejjibaa irraa gara Waajjira fayyaatti
4 Milkeessaa Baqqalaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
5 Wandee Turaa Abbaa Taayitaa Jallisii irraa gara Herregaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Moxeetti
Ergamaniiru.
Isaan kun marti bakka miindaa argachaa turanirraa bakka gad aanaatti ramadamaniiti.
We Oromo people from all walks of life. We are witnessing the injustice in our own country and by #UNCHR as well. The criminal government of #Ethiopia have killed over 450 of our people just in last few months. Yet those who fled the injustice are facing rejection for the last 20 to 25 years. We demand the justice to serve our #Oromo People equally as the rest of refugees. UNHCREgypt is in position to solve our problems directly by addressing concerns to relevant government authorities and service providers.
Beeksisa hataataamaa qeerroomagaalaa Bishooftuu irraa darbe=================================Waliif dabarsaa share it
Akkuma beekamu fincilli xumura gabrummaa naannawaa bishooftuu ganda baadiyyaa Dirree keessatti jalqabe gara magaalatti ol seenuun Manneen barnootaa kan akka
1) Boolee sadarkaa tokkoffaa
2) Bishooftuu sadarkaa lammaffaa
3) m/B kattaa sadarkaa tokkoffaa
4) m/B modeelii sadarkaa lammaffaa
5) m/B Tokkummaa sadarkaa tokkoffaa tif dhaamsi bahe barataan kamiiyyuu akka garamana barumsaa hin deemne akeekkachiisni gama qeerroo Bishooftutiin darbeera. Dabalataanis manneen barnootaa naannawaa Bishooftutti argamanis qophiirra akka jiran gabaafameera.
Oromiyaan Tan Oromootii Concert biyya UAE, Dubai haala kanaan guyyaa kaleessaa gaggeeffamee oole
Jaalala uummati Oromoo biyya keessa jiru walii isaaf qabu baayyee na ajaa’iba. Eessaa dhufte? Eessatti dhalatteen hin jiru. Dhiiga Oromummaa si keessatti arginaan siif dhiiga. Seenaa Dr. Amiin Abbaa Bungul, Mohammed Ademo barreessee keessa koo na xuqe. Yoo biyya itti dhalatee guddate (Jimmaa) dhiisee gara Arsii (Adaabbaa) dhaqu nama tokko hinbeeku ture. Booda garuu onnee hawaasa naannoo sanaa keessatti bakka ol aanaa argate. Dr. Amiin awwaalcha harmee isaa dhaqee otuu Jimmaatii deebi’aa jiruuti kan Konkolaataan lubbuu isaa fudhatte sun galagalte. Haati warraa isaa (Ulfaa) ammallee haala yaaddessaa keessa jirti. Jaalala uummati keenya walii isaaf daangaa malee qabu kan akkan yaadu na taasise isa kana. Dr. Amiin boqotee guyyaa qubaan lakka’amu keessatti hawaasi magaalaa Adaabbaa walitti dhufee kan ijoolleen Dr. Amiin ittiin guddattu maallaqa callaa Birrii Miliyoona tokkoo ol walitti buuse. . . Aboo jaalalli isin waliif qabdan sun nu warra diaspora jirrus haa xuqu! Silaa siyaasa keenyaafis furmaati argameera!