Ahmed Abbaabulgu irraa
Jaalalli dhugaa kan Onnee irraa madditu, kan waakkannaa hin beekne, kan abshaalummaa fi malaan maltummaan hin mohatamne mi’eessituu jireenyaati. Jaalalli dhugaa kennuu male fudhachuu hin beektu. Humna nuffii hin qabne waan nama keessatti uumtuuf dadhabbiin hin durfamtu.
Jaalalli akaakuu heddu kan qabu yoo ta’u kan lammii ofiitii akkasumas dhala namaatii dhippattu heddu qaaliidha. Gootowwan ogummaa fi kallacha gara garaan dhala namaa tajaajiluu jecha of woreeganu worreen jaalalli jaraa ofittummaa mohattee darbite akka ta’e hubanna.
‘Jaallachuun rakasa, jaallatamuutu qaaliidha’ jecha jedhu tokko bara dheeraa dura akkan dhagahe yokaas akka dubbise yoon yaadadhu dhugaatti jaalala dhugaa argachuun dhimma salphaa fi kan namni hundi carraa itti argatu akka hin taanen hubadha.
Torban kana gaddi kibba bahaa Oromiyaa godinaalee Baalee fi Arsii lixaa keessatti uumame tokko hiikaa jaalalli dhugaa qabu namatti mullisa. Namni dhugaa dhaabbatee jaalala facaafate, jiraatu kabaja guddaa dhabamus quuqama darbee hin qabne dhiisee akka darbu mullisa.
Kanan dubbii kana kaaseef boqonnaa Dr. Amin Abbaagumbul ilaalchisee gadda natti dhagahame ibsuu fi jaalala inni lammii isaatii qabu hammam cimaa akka ture hubannaa koo dubbiftootaa qooduu akkasumas kabaja guddaa ummanni haala kanaan isa jaallatee sadarkaa guddaa isaa laate kana galata koo ibsuu fedheetani.
Dr. Aminin bara 1989 irraa eegale kanan beeku yoo ta’u wolitti dhiheenya cimaa kan horanne bara 1992 keessa ture. Kunis Instituti eegumsa fayyaa Jimmaatti si’a inni barataa woggaa shanaffa ture ta’uu isaati. Woxabajjii 92 booda si’a haalli siyaasaa wol xaxaan Oromiyaa keessatti deemaa ture sana yeroo heddu haala rakkisaa ummanni keenya keessa ture irratti xiyyeeffachuun heddu maryanna ture. Quuqama inni saba isaatii qabullee kanan hubadhe bara sana jechuun danda’a.
Sana booda bara 1994 barnoota isaa xumuree ramaddiif gara Finfinnee si’a dhufetti torban heddu wojjin dabarsine. Si’a gara Ministeera Eegumsa Fayyaatti deddeebi’aa ture sana naannoo Oromiyaatti ramadamee saba isaa tajaajiluuf hawwii guddaa qabaataa ture. Kunis yoo milkaahuuf gammachuu guddaan gara godina Baaleetti imale. Saba jaallatutti makatee kaayyoo ummata tajaajiluu gahee guddaan bahataa akka tures qunnamtii si’a adda addaa qabataa turre irraa nan hubadhan ture. Achumatti maatii horatee bara dheeraa kana turuun isaas iccitii jaalalaa isaa fi umma sana gidduutti uumame akka ta’e hubachuun nama hin rakkisu.
Bara tajaajilli ummataa (civil service) hir’ina naamusaatiin heddu komatamu, bara malaan maltummaa fi ofittummaan heddu hammaate kana keessa namni ogummaa isaatiin yeroo fi humna isaa utuu hin qusatin ummata tajaajilu, kan abbaa iyyeessaa ta’uun arjummaa guddaan lammii isaa bira dhaabbatu arguun heddu nama dhiba. Wobiin ummanni godinaalee Baalee fi Arsii lixaa imimmaan isaa buusaa bahaa jiru garuu arjummaan daangaa darbe akkanaas jiraachuu isaa ibsa.
Hojiin Dr. Amiin hojjatee darbe fakkeenya guddaa ta’uun namni tokko ogummaa fi sadarkaa kamittuu taanaan lammii isaatii yaaduu drbees hamma danda’u hundaan quuqamuu fi tajaajiluu darbees dhimmoota saba isaa miidhanu kam irrayyuu of qusachuu fi cubbuu irraa of eeguu akka qabu barnoota ta’a. Dr. Amin bara dheeraa saba isaa tajaajilee adunyaa kana irratti jaalala guddaa horatee darbe.
Dr. Amin nama si’ataa kan xaba jaallatu yoo ta’u nama kaayyoo fi hawwi guddaa qabu ture. Nama rakkoon saba isaa isa quuqus ture. Nama kabaja guddaa namaa qabus ture. Boqonnaa Dr. Amin yoon dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame. Rabbi guddaan lubbuu isaatii rahmata ha buusuun jedha. Haadha manaa isaallee fayyaa isii ha guutuuf. Ummata keenya kan gadda kanaan miidhameef jabinan hawwaaf.