Oromiyaan bilisoomte.
alaabaan Oromoo bifa kanaan yeroo ammaa Oromiyaa keessa bilisaan fannifamaa jira. Viivaa qeerroo biyyaa abdii saba Oromoo nuuf jiraadhaa.
Kan itti gammade like haa godhu
Big like hit like
#OromoProtests Sirkanan Ahmed, one of our most active social media campaigners, during yesterday’s solidarity rally in Calgary Canada. Like her page to get regular update about Oromo and Oromia related events.
HIN SODAATIIN SODAATAA!
——————————
Kan-
yaadni cufti qal’aa
Garaan qofti bal’aa
Kan hojiinsaa jal’aa
Dhiigaan gamoo ijaaree,
Kan seenaan abaare
Ka dacheen hidhii itti nyaatu
Dugda isaatti gumaa baatu
Gammadee…bohaaree,
Ergaa bilisummaan jiraatee
Ati maal sodaattaree?
kan dhugaaf lafaa kaate
………
Salphistee of hin ilaaliin,
akka cabaa bidiruu
Dhugaaf mankaararte malee,
Sirra gatiin hin jiruu!
Waan harkikee duwwateef,
haalli qalbii si bittimsa.
Garuu dhugaa soquunkee,
cimaa ta’uukee ibsa!
——
Ganama isaa malee,
galgala hin beeku namni.
Dursee seenaa tolfatee,
sammuu nagaan bula gamni.
Inni shiraan ol dhiita’ee,
namarra boonaa arreedu.
Dafee amanamuu baatus,
galgalli isaa hin bareedu!
—–
Inni xurii qabu galmeensaa
Haa ciniinsifatu maleessaa
erga haqni jiraatee si keessa
Sodaa maaliit si yaaddeessa?
Hireekeef dhimmi malee,
manakeef mataa taata.
Hattuu dallaan ittiin jige,
hin sodaatiin sodaataa!
Kanaa’ol Badhaadhaatiin Kanaol Bedadatiin
#OromoProtests– (12.03.2016, #EndSlavery, Oromia) This is Oromo Global Solidarity rally in Milan, Italy March 11, 2016.
===============================
#BilisummaaOromoo, (12.03.2016, #XumuraGarbummaa, Oromiyaa) Kun hiriira gamtaa Oromoo kan deeggarsa diddaa Oromoo biyya Italy magaalaa Milan keessatti kaleessa gaggeeffame.
#OromoProtests -(12.03.2016, #EndSlavery, Oromia) Residents of rural villages marching towards Dadar town, East Hararge March 12, 2016
============
Ummanni araddaalee baadiyyaa bifa kanaan gara magaalaa Dadar,( Harargee Bahaa) hiriiraaf yaa’aa jira
#OromoProtests Bitooteessa 12, 2016
*****************
Kabaja Waggaa lammaffaa hundeeffama OMN Kaayiroo Masri (Egypt) itti guyyaa arraa haala kanaan kabajamee oole
OMN 2nd Year Anniversary underway in Cairo, Egypt March 12, 2016
#BilisummaaOromoo-(12.03.2016, #XumuraGarbummaa, Oromiyaa) Oromiyaa Kibbaa Godina Gujii Aanaa Liiban ganda Simintoo keessatti saamichi lafaa abbootii qabeenyaa 38 ta’aniin saamamaa jira.Allaa Muuddin Araddaa jilaa “Dooyyoo” keessaa lafa heektara1050 fudhatee Elfooraa itti base. Abbootin qabeenyaa kun Oromoon tokko keessa kan hin jirre too ta’u tokkoon tokkoo isaanii yoo xiqqaate heektara 27 qabu. Uummanni aanaa Liiban gochaa kana balaaleffachuun Bosona kan seene. Godinuma kanaa Barattoonni mana Barnootaa Bulbul guutummaan guututti kan cufame yoo tau’u Barattoonni naannicha dhiisanii Gara Bosonaatti nama’anii jiru. Sababuma kanaan Barsiisaa Liiban Kanaa qabamee hidhamee jira. Aanicha keessa jaarsa fi jaartii malee namni kaan Bosona seenee jira.