#OromoProtests activists in Philadelphia force cancellation of a meeting called by TPLF embassy. The promise is kept! TPLF will not be allowed to hold any meeting in diaspora while killing our people back home. TPLF WILL NEVER TAKE A MOVE IN DIASPORA |
LUKKEE TPLF!! TPLF sodaa aangoo dhabuu irraa basaasota hedduu ABO (OLF) fakkeessee Oromiyaa keessa facaasee jira. Uummatni xiiqii dhaan FALA biroo dhabee bakkayyuu waan alaabaa OLF kaasee fi isa faarfatuuf miseensa ABO fakkeessanii facaasanii ittiin Oromoota DIDDAA agarsiisan adda baafatanii DIBATA TERRORISM JEDHUUN FUNAANANII MANA HIDHAATTI GUURUUF MALANII JIRU. Namoota hedduutu har’a diinaan ergamanii faca’anii “ABOtti isin dabarsina; ABOf maallaqa funaanna; kaadhimamtoota ABO soqaa jirra; ABOtti isin ijaarra; ….kkf” jedhanii ACTIVIST Oromoo kan ta’an basaasaa fi galmeessaa jiru!!
Haala kana keessatti, tokkoffaa, Oromootni kanneen FINCILA NAGAA geggeessaa jiran akkauma duraa GAAFFII HAQAA fi DIMOKRAASII kaasee hiriira nagaa isaa itti fufuun barbaachisaa dha. Yoo ABO deggertan ykn jaal’attan illee sana garaa keessatti qabattanii maqaa ABO ifatti kaasuu dhiiftanii gaaffii MIRGAA itti fufuu dha. NAMA BEEKTAN, QABSOO IRRATTI IBIDDA KEEYSATTI WALIIN QORATAMTAN MALEE EENYUUN ILLEE HIN AMANINAA!!
Lammaffaa, namoota qabsoo DIDDAA Oromoo kana keessatti hojii irratti wal beektan malee, namoota HAARAA hin beekne, hangam qabsaawaa fakkaatu illee, itti gadi of hin dhiisinaa; hiccitii hin hirinaafii. Warra akkas afaan ho’an garuu nutti HAARAA ta’an kana guddisanii tohachuu fi hariiroo isaanii jala adeemuun fana bu’uun warra beektanitti SAAXILUU dha.
Sadaffaa, namoota NAANNAWAA keessanitti isin hin beekne, MAQAA ABO (WBO) DHAAN ISIN BASAASAN, bifa haaraya qaban, jala buutanii adda erga baafattanii booda BASAASA ta’uun isaanii kan mirkanaawe BAKKA DHIMMI ISAA ILAALUTTI GABAAFTANII AKKA TARKAANFIIN IRRATTI FUDHATAMU GODHUU DHA.
Afuraffaa, Qeeyroon DIDDAA Oromoo kana qindeessuuf HICCITII dhaan ijaaramtanii jirtan, MAADH’EE keessan hiccitii isaa cimsuu fi NETWORK fi DAANDII QUUNNAMTII fi DHAAMSA DABARSAA keessan yeroo yerootti gamaaggamaatii haaraysaa deemaa. Bikka itti saaxilametti hatattamaan Maadh’ee fi geengoo isaa dafanii Network fi Daandii keessaa baasanii diiganii haareysanii caasaa birootti ijaaruun kan wal irraa hin citne ta’uu qaba.
Shanaffaa, Qeeyroon biyya keessaa DIDDAA bakka bakkaa qindeessu damee ODEEFFANNOO funaanuu (intelligence) bikkayyuutti tilfatee WAAN DIINNI SAGANTEEFFATTE, WAAN DIINNI HOJJECHUUF DEEMTU, HAALA MANA HIDHAA OROMOOTA ITTI GUURANII, DADHABINSA WARAANA DIINAA, EENYUMMAA BASAASOTA DIINAA, KKF, QORACHUU DHA. DURSANII SAGANTAA DIINAA BARUUN AKKA ITTI QOPHAAWANII FASHALSIISANIIF QOPHEESSA. KEESSATTUU TARKAANFII DIDDAA BABAL’ISUUDHAAN AKKA DIINNI SANAAN MUDDAMTEE QABAMTEE AARA HIN GALFANNEE FI BAYYAANNATTEE WAAN HAARAYAAN AS HIN BAANE, AMMOO AKKA ISIIN BADII CAALAATTI DALAGDEE OF XUREESSITU TAASISUU DHA.
Jahaffaa, Qindeessitootni Qeeyroo dhaamsa waliif dabarsitan yookaan waliif dhaamtan INTERNET irraan hin godhinaa. Karaa Internet gochuuf dirqii taanaan Mobile yookaan Computer yookaan Internet mana keessanii irraan hin dabarsinaa. Flash Memory irratti qopheessaatii bikka public irraa saffisaan waliif yookaan bikka caasaa ilaaluutti dabarsanii achii dafanii deemuu dha.
Torbaffaa, jaarmayaaleen ABO biyya keessatti diriiree jiru hanga danda’ametti clandestine ta’ee dhimma fincilaa DIDDAA (Peaceful Protest) ilaalu Qeeyroo sanaaf ijaarametti dhiisuu qaba. Dalagaan isaa dhoksaa dhaan meeshaa lolaa soquu fi Oromoota hidhachiisuu; daandii ijaaree dardaroota saaxilamanii diinaan barbaadamanii fi kaadhimamtoota gara bosona qabsootti daddabarsuu dha; akkasumas basaasota diinaa gaaga’ama ilmaan Oromoo irraan gahuun adda bahanii mul’atan qoratee quunnamtii WBO diriirfatee akka basaasotni funaanaman godhuu dha; dabalatas qaama dinagdee mootummaa fi qondaalota Tigree qoratanii laafina isaa adda baasanii quunnamtii jiruun WBO akka tarkaanfii irratti fudhatu gochisiisuu dha.
Ammaaf kanuman qaba.
Injifannoon Uummata Oromoof!! via