YAA SOOGIDDAA ! YOO OFII JETTEE …. YAA HALGAA ! YOO BORIIF JETTEE…
SEENAA Y.G(2005) kutaa 2ffaa / Lamadaa
Siyaasni Oromoo IJOO DUBBII gaanfa Afriikaa ta’aa jira. Humnoonni alaa wayyaanee irratti ejjannoon qaban, guyyaa irraa gara guyyaatti laafachaa fi jijjiiramaa jira.Guutummaatti haala bifa kamiininu umamutti dhimma ba’uuf qophaa’uu fi irratti hojjachuu nu barbaachisa. Akkamiin ? itti deebina. barreeffama kutaa 2ffaa har’aas, dhaamsa Qabsaa’oota Hngafa keessaa waan dubbateenin eegala. Bara 1992 jalqabarra. Maanguddoo tokkotu akkas jedhee wl g’ii irratti gaaffii gaafata .”ABOn akkamiin habashaa/wayyaanee kana amanee dhufee? mootummaallee waliin dhaabuu yaaddan ?” ka jedhu. Gabaabseen dhiheesse. Qabsaa’aan kun deebii hatattamaa kenneef. “ dhugaadhaa jara amanuun rakkisaadhaa. Garuu nuuti carraa argametti dhimma ba’uu dhufnee malee , akka isin jettan kanaa miti. Ummata kanaan wal baruu dhufnee. Balballii akka nutti hin cufamneef dhufnee. Haa ta’uutii, wayyaanee kana hagas maraa hin sodaatiinaa . wayyaaneen warra ofiin dhaabbattee miti. Isaaniinuu namatu tolchee. Amma, Tafkii Joniyyaatti guuttanii , akka hin baaneef afaansaa hiituu mitii ? wayyaaneenis akkasuma. Abbaan ishee ijaaree ykn walitti ishee hidhee gaafa hiikee, dubbiin dhumate. Jooniyyaa sana yoo afaan hiiktan Tafkii san qabachuu dandeessu ? dubbiin akkasii. Garu yeroo fudhata ta’aa. haa ta’uutii fixachuun isaanii harka namaa jiraa. Namni sun Afaan Jooniyyaa hidhamee san akka dirqamaan hiikuu ka taasisuu ammoo Qabsoo Oromooti. Maaliif ? jennaan, siyaasatu akkasii ” jedhan.
Ani haasaa kana waggaa 26f hordofaan jira. Waggaa 5 asitti waan argaa jiru garuu tarii haasaan ykn fakkeenyi waggaa 26 duraa sun dhufaa jiraan jedha. Addatti 2015 irraa kaasee humni Oromoo hidhaa sana hiikee , wayyaanee salphisuu fi Bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf mallattoo hedduu argaa jirraa haa jabaannu . dubbii kana anis hiikee akka namaaf hubatamutti dhiheessuu dhiisuun mala. Garuu yeroon yoo hiikee wayyaa jennee bulfanna. Kutaa 1ffaatti keessatti :
- OPDO FI BI’AADEEN KONFIRANSII GAGGEESSAN IRRATTI :
- NAANNOO SOMAALEE ILAALCHISAA : yaadoota wal hubannoof tolan kaa’uu yaaleera. Kutaa 3ffaa keessatti :
- YEROO KMIRRAYYU CLAA OPDOn SHIRA WAYYAANEE MILKEESSUUF DHAABBACHUU ISHEE:
Akkuma kanaan dura dubbannee, wayyaaneen kaayyoo shiraan guutamee 4 milkeessuuf yeroo fudhattee irratti hojjachaa turuu ishee waan nu dhugeessuu qabana. Toftaalee Arfan shiraan guutaman maalii ? Toftaan kun wayyaanoonni irraa fagaatanii warra OPDOn tan raawwatamuu ture. Ka baatiilee 5n branii haa ilaallu.
- Dabballoota arraba qabanii fi haasaa ABOn ummata ittiin hawwatuu danda’an qaraasiisuun, Ummata Oromoo akka booji’an taasiisuu. Kanas milkeessuuf wayyaanellee mana hidhaatti akka naquu danda’an fakkeessuu irra ga’aniiru. Kiraa sassaabdootaa fi humna Tikaa wayyaanee jedhanii hidhaatti naquurra ga’aniiru. Kun garuu shira ture. Miidhaa fi hidhaa irra ga’uu warri bobbaasee beeka. Warri bobba;ee garuu hin beekan. Maaliif ? innis hojii biraaf itti fayyadamuu obsaa. Guutummaatti garee lammaafaa Ummati akka amanuu taasisuu fi Daandiin Bilisummaa OPDO keessaan jiraachuu Ummata fudhachiisuuf yaalurra ga’aniiru. Kun bifa hedduun itti fufa
- Shirri wayyaanee ka biraa ABO Ummata Oromoo biratti fudhatama dhabsiisuu fi Ummati Oromoo ABO irraa abdii akka dhabu ykn kutatu taasisuudhaa. OPDOn waan jijjiramtee fakkeessaa, ykn shirri kun yoo fudhatama argatee ABO achumaan jibbisiisuuf diraamaa karaa Miseensoota dhaabaa mana hidhaa keessaa ba’anii holola hojjachiisaa turaniiru. Kana malees, Alaabaa ABO Ummati akka hin qabannee dirqisiisuuf kan Abbaa Gadaa qofaa qabadhaa jechuurra ga’aniiru. Kana qofaa miti, hiriira qeerroo Alaabaan faayameen, Alaabaa sana qofaaf, hiriira kana diinatu qopheessee jedhaniiru. Isa boodammoo deebi’anii, Qeerroo miliyoona 6n diina yoo jennee eenyuun bulchuuf deemnaa ? jedhan. ABOn wayyaaneen wal ta’ee ijoollee ficcisiiseee jechaa, gama biraan Alaabaan ABO mana Tigirootaa keesstti akka qabamu taasisaniiru. Kun waanuma akka tasaa umamee miti. Gorsitoota wayyaanee duuba aqabaachuu argisiisa.
- Shirri sadaffaa irratti arginuu adeemsa lama of keessaa qaba. Shira karaa Polisii Oromiyaa hojjatamu. Polisiin Oromiyaa addatti Obbo Lammaa Magarsaan sanqallee dhaqinii warri eebbisan sun, Guutummaatti Qeerrootti hidhachuun kaayyoo isaanii ture. Shirri walii galaa yoo milkaa’ee, Polisiin Oromiyaa qeerroo qabatee hafa. Yoo milkaa’uu didee garuu , yeroo qeerroon walitti hidhatanitti, sochii qeerroo, adeemsa isaanii, madda isaanii, eenyurraa akka ajajaman, caasaa isaanii hundaa qoratanii wayyaaneef dabarsanii kennanii tu’annaa jala oolchuudhaa. Kunis sadarkaa qaba. Mootoonni hundi akkuma godhan warra ijoo ta’an ajjeesuu, warra itti aanan hidhuu fi biyyaa yaasuudhaa. Kana bal’inaan irratti hojjataniiru. Ittis jiru. Polisiin Oromiyaa Polisii Fedaraalaa fi humna ittisaa tu’annaa jala olchuun, hanga Ummati OPDO fudhatu qofaaf herreegame. Wayyaaneen sagantaa kana waggaa 2 ol irratti hojjattee. Humni Nageenyaa amma labsamee kun xumura shira isaanii ture. Garuu waan milkaa’an hin fakkaatan.
- Garee Arfaffaan , humna waan Biyya keessaa deemuu kana Biyyoota alaa keessatti facaasuu fi holola adda addaa hojjataniidhaa. Wixinee wayyanee fi OPDO bara 2010 ALI tti baafatan irratti, humni Biyya alaatti ramadamee bifoota adda addaan ijaaraman.
A. garee miidiyaa fi intarneeta hordofu fi tu’atu,
B.Garee olola miidiyaa adda addaa irratti hojjatu.
C.Garee Akitivistootaa Ummata hawwatan
D.Garee caasaa Qeerroo fi ABO biyya keessaa hordofee gabaasu
E.Garee hawaasa Oromoo Biyya akaa diiguu fi Biyyatti galchuu.
F.Gareen Waan kana hundaa tu’atuu fi Biyyatti gabaasuu . Wnni tarrifnuu kun gonkumaa hololaa miti. Dhugaadhaa. Shirri kun jiraachuu kan mirkaneessuu , gochoota Biyya alaatti arginuu fi Biyya keessa OPDOn oofmu tokko ta’uu isaatii . Hiriirri ture kan diinaa ta’uu Biyya keessaa fi alatti tokko ta’aniiru. ABO xureessuu keessatti Biyya keessaa fi alatti tokko ta’aniiru. Alaabaa qabachuu fi dhiisuu irratti OPDO qixa dubbataniiru. Ijoolleen calluma jettee oofamtii wal qixa dubbataniiruu. Miidiyaa irratti guyyaa guyyaan hololli akitivistootaan gaggeffamuu ijoollee OPDO nuuti beeknuun Biyya keessaa akka irra deebi’amuu ta’aniiru. Lammaan faa’aa jijjiirama akka fidanitti akka lallaban taasifameeraa.ABO guyyaa tokko waan gaarii isaa kan hin dubbatiin, OPDO faarsuun kan arginellee hedduudhaa. Kanneen waanuma arganiin hamileen isaanii lafa dhiphiftuu OPDOn seenaa hojjchuufii jechuun qaanii tokko malee dubbataniiru. OPDOn jijjiiramtee jedhanii alaa yennaa lallaban, Lammaanfaa OPDOn gaanfa Afriikaa irratti dhaaba miseensa hedduu qabuun tokkoofaadhaa jedhanii dubbachuun tokkuma ture. OMN kan duraa irra caalaatti akka ukkaamamee baduu taasifamee OBN carraa bal’aa akka argatu taasifameera. Kkf hedduudhaa.
OSOO HIN EEGALIIN WAAN XUMURAMEE :
Shiroota wayyaanee keessaa akka 5ffaa ta’uu ka danda’uu fi osoo hin milkaa’iin ka hafee, humna ABO bakka bu’uu Biyya alaatti dhaabanii sochii amma jiru kanatti ol galchuu ture. Bara 2015 kaasee kana milkeessuuf hojiilee hedduutu hojjatame. Junaddiin faa’aa kana milkeessanii haadha warraa mana hidhaa baafachuuf amma danda’an yaalan. Humna 2008 maqaa micciiramaan ba’ee sana lubbuu itti horanii , gocha Lammaaffaa kana jabeessuun yaada isaanii ture. Garuu waan hundi isaa Atilaantaatti raawwatame. OMN irrattis itti fufeera. Yeroo gabaabaa booda waan Biyya alaa shira kana milkeessuuf deemamuu fashalee jarri yeroo walitti galagalan argina. Haqi Oromoo Waa hedduu nu argisiisee jira.
WAYYAANEEN DHIBEE KEESSA ISHEEF DAWAA BARBAADDACHUU:
Dhimma poolisiin wal qabsiifnee ka kaafnee irratti , Ilmaan Tigiraayii sababaa adda addaan Oromiyaa keessatti akka qabaman taasisuu ilaachisee, shira lamatu ture. Inni tokko Tigireeyyuu hidhan jedhanii Ummata biratti OPODn amanamummaa qargachuu, karaa Tigiraayi ammo Ummata Tigiraayiin ittiin ofitti qabuuf itti fayyadamuu yaalaniiru.
Eagaa akka walii galaatti kan amma ammaatti raawwatamu kun maalirraatii ? yoo jettan akka kiyyatti wayyaaneen kana booda shira yeroo dheeraa irratti ni bobbaatii jedhee hin amanuu. Wayyaaneen sochii Oromoo irraa waan akka dansaatti hubattee qabdii. Gama kamiinuu Oromoo akka hin gawwamsine hubatteetti. Gonkumaa sochii jiru tu’achuu akka hin dandeeny barteetti. Akka siyaasaattis, wayyaaneen kana booda halgoota ishee mitii lammii isheerraayyuu amantaan qabduu dhumataa adeema. Kunis waa lamaan mirkanaa’aa.
- Qabsoon Ummata Oromoo gonkumaa kan duuba hin deebinee ta’uu kanarra itti argisiisuun ta’aa. kunis akka HWAHATITTI mitii akka sabaattu isaan qoodaa deema. Dantaan isaan qoodaa deema. Qabeenyaaf yaadda’uun isaan yersaa deema. Lubbuu mararfachuu fi jireenya mi’eeffachuun isaan laamsheessaa deema. Wal amanuun dhabamaa deema. Wal shakkuun isaan ajjeesaa deema. Abdii kutannaan isaan awwaalaa deema.
- Kan wayyaanee jibbuu baayyachaa deemuun isaan yaaddeessa. Balaa har’aa borii eeguun isaan nuffisiisaa deema. Wal ganuun isaan qaanfachiisaa deema. Laafinni isaanii isaanuma doorsisaa deema. Waan isaan mataan isaanii ofirratti uumaa deemanirraa burkutaa’aa deeman. Jooniyyaan sun qabsoo kenyaan hiikkata. Kutaa 3ffaa itti fufa.
HORAA BULAA !!!!
Kutaa 1 – YAA SOOGIDDAA ! YOO OFII JETTEE …. YAA HALGAA ! YOO BORIIF JETTEE…
The post YAA SOOGIDDAA ! YOO OFII JETTEE …. YAA HALGAA ! YOO BORIIF JETTEE… appeared first on .