Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Seenaa Qorachuun irraa Barachuu fi Qaramuuf

$
0
0

Seenaa Qorachuun irraa Barachuu fi Qaramuuf

Damee Boruu irraa

Qabsoon Bilisumaa Uummata Oromoo bara dheeraaf godhamaa jiru kana keessatti wareegama  amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasnee as geenye. Basaas jirra. Har’a aduun Bilisummaa uummata keenyaaf yaroo dhiibatee bahuuf jedhu,  Oromoota tahan warra uummata keenya gara dhukkanaatti deebisuuf dhiibaa jiru teenyee ilaaluun baayyee nama  yaadessa.

TPLF uummatni Oromoo funyoo murmatti kaa’ee gara owwaala isheetti harkisaa  jira. Uummatni Oromoo TPLF barbadeessee of irraa buqqisuuf waa’ila tokko illee hin barbaadu.Oggumaa, beeekumsaa, gootummaa  fi humna gahaa qaba . Waan orma biraatti hirkatee walabummaa isaa dabarsee namaa keennuuf sababni tokko illee hin jiru. Of irratti ammantee qabaatee abbaa biyyuummaa isaa erga mirkanneefatee booda nagaan olloota isaa wajjin jiraachuuf marii barbaachisu gochuun haqaa isaa ti.

Akka Impaayeeri Itopiyaa caccabdee kiyyoon garbummaa hin badne eeguun uummata Oromoo waan eegamuu qabu miti. Impaayeera Itopiyaa sana diigee mirga isaa, fedha isaa fi abba biyyummaa ragaasifachuun waan hunda dura dhufuu qaba. Isa booda jalalaa fi walii galteen  karaa ilaa fi ilaamee biyyaa haaraa ijaaramu keessaa yoo qooda fudhachuun barbaachisaa tahee argamee haqa isaa ti. Warri Impaayeera Itopiyaa akka hin jignee itti gaafatama uummata Oromoo godhee iyyaa jiru uummata Oromoof oogee miti. Warra kallatiin uummata Oromoo burjaajjeesse kiyyoo garbaummaa jalatti hanbisuu barbaadhu qofa.

Impaayerri Itopiyaa kan ijaaramte dhiiga ilaamaa Oromoon akka tahe seenaa dagachuu hin qabnu.  Yaroo hammeenya  Minilik uummata Oromoo irratti rawwate dhageenya harka lamaan mataa qabannee iyyina. Utuu Goobanaa Daaccii of harkaa hin qabannee Minilk biyya Oromoo hunda cabsuu miti Tulamaan qofa iyyuu ijifachuuf ayyaana hin argatu. Goobana nama laafa miti. Nama afaaniin  qofaa nama sobaa oolu illee miti. Nama waraanaan hunda caccabsuu danda’u ture. Waan samuun isaa bitamaa taheef malee Minilkiin guyyaa tokkotti cabsuuf dandeetti qaba.

Uummata Oromoo garbummaaf dabarsee kan saaxilee Goobnaa dha yoo jenne dubbii o’isuu hin tahu. Sababni Oromoonni bara sana Minilkiin gargaaruu filatan Mootiin Habashaa biraa  Tewoodros jedhamuu Oromootaa naannaa isaa jiran irratti hammeenya hiriyyaa hin qabanne waan rawwaateef jedhama. Haa tahu malee, diina tokko cabsannii kan biraa mataa irratti ol of baasuun faayidaa tokko iyyuu hin qabu. Haxxummaa fi malaamaluttumaa Habashootaa dhagachuun gaaga’ama gudda saba keenya irraan gahee jira.

Sana as Mootni Habashaa wal jalaa booda akkaata itti aangootti ol bahanii fi jajjaboota Oromoo ergamtoota godhachuun tooftaa isa duraa taheef jira. Qusee Dinagdee (Fitiwaraari Habite Giyorgis) malee Mootummaan Haayile Selaassee hokolee dhaabbachuuf ayyana hin argatu ture.

Bara Dargii beektota Oromoo Mengisuu Hailemariyaamiin  Soshalizimii barsiisa turan  haa dagannu. General Gebre Kirustos Boolii ajajaa lolaa( Chief of operation) , General Meriidi Nugusee ajajaa waraa (Chief of Staff) yaroo turan warri Amhaaraa biyya fudhatu jedhanii waan sodaataniif waliitti isaan diruuf oduu sobaa jidduu isaanii oofaa turan. Isaan garuu waa’ee biyya qabachuu yaaduu miti abootan wal tumutti seenan. Sana booda Mangistuun warra naamsa hin qabne jedhee partii isaa keessaa aar’ee dhuma irratti lamaan isaanii iyyuu ajjeessee aangoo isaa tiksachuu dandaeera. Utuu aangoo qabachuuf hawwii qabaatanii halkan tokkotti fudhachuu waan hunda of harkaa qabu turan.

Seenaa isa darbee dhiifnee waan har’a uummatni keenya keessa jiru haa ilaallu. TPLF OPDO warrra qaaman booji’ame duwwaa utuu hin taane warra onnee fi sammuun isaanii boji’amee ijaartee uummata Oromoo ittiin gabroomsuuf meeshaa tolfattee dhufte akka tahe eenyu jalaa iyyuu dhokkataa miti. Oromoo cabsuun kan danda’amu Oromoon duwwaa tahuu Habashoonni  bareechanii  beeku. Tooftaan kanaan TPLF umurii ishee guutuu  uummata Oromoo ajjeessuu fi  qabeenya Oromiyaa saamuu kan daneessee. OPDO malee uummatni Oromoo fincaan isaanuu TPLF Oromiyaqa keessaa haxxa’ee balleessuuf humna gahaa qaba.

Warri  amma har’a dhiiga ilaamaan Oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasisa, ilmaan Oromoo dararaaf dararsiisaa, ajjeessaa fi aajjeesisaa, samaa fi saamsiisaa, qe’ee isaa irraa buqqisaa fi buqqsiisaa turetu nama haaraa of godhanii uummata Oromootti dhiyaachuu yaroo kufanii ka’an argaa jirra. Har’a isaatu nama haaraa tahe utuu hin taane uummata Oromootu garbummaan na gahee jedhee tokko tahee ol ka’e. Kanaafuu akka gaarrerraa bifa jijjirachaa uummata keenya gowwomsuuf yaallii amma kana hin jedhamne gochuu malee filmaata biraa hin qaban.

Fuula dhadhaa dibatanii afaan dama godhaanii uummata gowwoosuuf jeekaraa jiru. Isaanii illee akkuma warra isaan bitatee uummata keenya tufachaa fi ija gadi aantummaan ilaalaa jiru. Utuu Oromoof kabjaa kan qaban tahee waan amman kana gochaa jiran dhaabbachuu qabu ture. “Maaloo suutaa deemaa,” “Suuta jedhaa akka TPLF waraanan biyya hin qabanne” , “ barachuu dhiisuun gowwoma dha”, “ nagaa booreesuu hin qabnu” ,”Tasgabiin waan OPDOn godhu jala deemuun bu’aa ni qabna” warri jedhu ergamtoota diina warra Qabsoo Bilisummaa uummata Oromoo gofachiisuu bobba’ee jiru akka tahe adda baafne hubachuu gummaacha qabsoo uummata keenyaaf goonu keessaa isa duraa ti. ABO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo waan kaayyoo irratti ijaaramaniif haxxummaa fi shirrii diinni keenya ofaa jiru isaan gufachiisa  jedhee hin mamu. Garuu uummata bal’aa burjaajjessuu fi dogongorsuun isaanii ni mala.

Hattuun sangaa soogda dura qabaa amma bakka qalmaa isaan  gahuu fudhatee deema.  Sangaan soogda itti mi’aa’uu malee maaliif akka soogda kana jalqaban sammuu naanneessee ilaaluuf hin qabu.Yaroo xeepha itti xaxxanii kufiisuuf jedhan duwwaa wixxifachuu jalqaba. Yaroo sana morma isaa haaduuf laachuu malee waan ofii gochuu danda’u hin jiru. Akkuma kana Hoogantoonni OPDO ilmaan Oromoo qalmaaf qophheessaa jiru. Hoogantonni  OPDO amma TPLF of qartee, of ijaartee tooftaa haaraan as baatuu uummata Orommoo afaan isaa dubbatanii waan isaaf of ooge fakkeessanii qabsoo isaa  dadhabsiisuuf yaala jiru.

TPLF bifa haaraan of ijaartee gaafa as baatee uummata keenya aboomii ishee haaraa jala galfatu dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’uuf deemu yoo lubbuun jiradhe arguu fi dhaga’uu irraa Waaqayyoo akka gurra koo dhuchuu fi ija jaamsun filadha.” Qeernsa eegee hin qaban yoo qaban gad hin dhiisan”, jedha Oromoon. Qabsoo bilisummaa murannoo guutuun fixxaan baafnu malee nageenyaa fi jireenyi ilmaan Oromoof jiraachuuf hin deemu.

OPDO fi ergamtoonni ishee uummata keenya dhiba kummataman qe’ee isaa irraa buqqaa’e waraanni Agaazii bakka marati ajjeessaa fi mana hidhaatti gurraa jiru duruu waa’ee isaanii irranfatanii jiru. Waraanni Liyu poolisii guyyaa guyyaan  uummata keenya  har’as  qabeenyaa uummata keenyaa saamaa fi dhiiga isaa dhangalaasaa jira. Waraanni Agaazii ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu keessattii ajjeessaa fi mana hidhaatti guraa jira.  Meeree egaa nageenyi uummatni Oromoo  OPDO irraa eegachuu qabu? Eessaa jira?  Waraana Agaazii mana barumsaa keessa qubatee ilmaan keenyaa utuu dorsisaa jiruu sammuu maaliinijoolleen keenya barumsa barachuu danda’u?

Yoo seenaa saba keenya isa darbe qorannee, irraa barannee , of qarree gara fuula duraa hin tarkaanfannuu tahe injifaannoon keenya mamii taha. Uummatni Oromoo diina  halgaa caalaa dhalootan Oromoo tahanii warra saba isaanii ganan of irraa eegachuu qaba.OPDO jala deemuun akkuma sangaa soogda utuu araabuu bakka itti qalmuuf deemuu gahee haaduun kokke keenyatti yaroo kaa’amu qofa arguuf teenya. OPDOn meeshaa diinni uummata Oromoo ittiin garboossuuf tolfate. Gara fula duraas meesha godhatee ittiin uummata keenya kiyyoo garbummaa jalatti tiksuuf deemu akka tahe bareechinee hubachuu qabna. OPDOn afaan keenya haa dubbatu malee meeshaa diina ti. Ummatni Oromoo homaa tokko keessaan qaba jedhee kan himatu ykn falmatu hin qabu. Kun dhuma dubbii tahuu qaba.

Injifannoo Uummata Oromoof!

                        Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

The post Seenaa Qorachuun irraa Barachuu fi Qaramuuf appeared first on .


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918