Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

EBLA 15: Ayyaana Guyyaa Goototaa

$
0
0

Hubannaa Sabaatiin | Oromedia

Sintu kufe malee, kaayyoon silaa hinkufnee,

Nutu bakkaan gahaa, faajjii kufe kaafnee!”

Gaalee walaloo faaruu gootummaa kanarraa ergaa jajjabduu afur hubachuun nidanda’ama. Tokkoffaa, qabsoo bilisummaa Oromoof goototi kufan akka jiran kan ragaa bahuudha. Lammaffaa, goototi wareegamtooti kunneen qabsoo kana irratti kufanis, kaayyoon isaan kufaniif garuu abadan akka hinkufne nu yaadachiisa. Akkasumas, kaayyoon goototi Oromoo kufaniif, kaayyoo bilisummaa waan ta’eef dhaloota kutatoofi sabboonoo kaayyoo san bakkaan gahan kumaatama akka qabus kan akeeku ergaa sadeessoo of keessaa qaba. Faajjiin goototi keenya qabatanii kufan immoo dhaloota haqaafi mirga dhaloota isaanii falmataniin akka galii isaa dhaqqabu ergaa abdachiisus of keessaa qaba.

Icctiin ayyaana guyyaa goototaan duuba jirus, gootota qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mirgaafi haqa saba isaaniif wareegaman yaadachuu qofaa otuu hinta’iin, kaayyoo goototi kutatoofi qaroo sun kufaniif galmaan gahuuf guyyaa itti irbuu bilisummaa haaromsataniidha. Seenaan guyyaa goototaas seenaa wareegamtootaa darbe qofaa kan tarreessuu miti; seenaa dhalooti haaraa irbuu bilisummaa irratti fudhataniidha; seenaa dhalooti haaraa irbuu bilisummaa eeggachuun biyyaafi saba isaanii garbummaa keessaa itti baasuu akka qaban itti dhaammataniidha; seenaa dhalooti haaraa, Gaammee, hojjatanii ittiin garbummaa fonqolchan kan irratti waliif dabarsaniidha. Qabsoon dhaloota haaraa of jalaa hinqabne, umurii dheeraa hinqabaatu; qabsoon dhaloota haaraa, Gaammee, hinmagarfannes, biyya birmadummaa qabu, saba bilisummaan jiraatu hinqabaatu. Dhimbiibbaan barruu kanaas, yaadannoon guyyaa goototaa qabsaa’ota waa’ee mirgaafi dirqama isaanii beekan geessifate, yoomuu gufatee akka hinhafe kan hubachiisuudha. Dubbayyuu qabsaa’ota keenyaa irraas kan hubannu, qabsoo dhugaa fi haqaa kamuu keessatti qabsaa’oti akka kufan, qabsoon garuu hanga dhaloota mirgaafi haqa isaani of kennanii falmatan qabutti abadan kufuu akka hindandeenyee dha.

Guyyaan har’aa kun Guyyaa Gootota Oromooti; guyyaa kana gootota keenya mirga saba keenyaaf kufan mara itti yaadanna; gootota keenya yaadachuufi faarfachuun duubas seenaa guyyaa kanaa dhaloota keenyatti himuunis jaatanii keenya birooti. Dhalooti keenya har’aa kan bara baraan walgahanii guyyaa goototaa kabajachaa jiran, kana malees, dirqama lammummaa baafachuuf waan goototi isaanii dalaganii darban beekuun gahee isaanii bahachuuf guyyaa itti of qopheessaniidha. Guyyaa gootota keenyaa kanas daandii goototi keenya kaleessa baasan qabannee deemaa akka jiru mirkaneeffachuufi irbuu keenya illee achumaan haaronfachuuf yeroo itti walgeenyuudha.

Guyyaan Gootota Oromoo dhaaba keenya ABO keessatti ayyaaneffatamuu erga eegalee seenaa waggoota 30 itti dhiyaatee jiru qaba. Seenaa ABO keessaa akka hubannutti, Guyyoota waggaa tokko keessa jiran keessaa Ebli 15, Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee waan moggaafameefi waan ayyaanefatamuu eegaleef qaba. Ebla 15, bara 1980 keessaa ture hogganoonni ABO, Dura Taa’aa fi I/Aanaa dabalatee osoo dirqama QBOf amna irra jiranii kan wareegaman. Gootowwan hogganootni ABO wareegamuu duwwaa osoo hin taane dhiiga isaaniitiin tokkummaa ummata Oromoof xurree taraaranii kan kufan guyyaa kana ture. Ilmaan Oromoo hedduunis xurree gootota keenya saaqan irra bu’udhaan bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf wareegama hedduu kaffalan; har’a illee dhalootni haaraan galfata gootota keenyaa bakkaan gahuu irratti wareegamaa jiru. Walumaa galatti Ebli 15, Guyyaa Gootota Oromoo ilmaan Oromoo kaleessaafi dheengadda, har’as dabalatee bilisummaa saba isaaniif jecha falmaa diinaa irratti lubbuu isaanii kan jijjiirraa hin qabne itti wareegan kan ittiin yaadannu dha.

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama baasuu eegale. Wareegama baasuu erga jalqabee waggaa dhibbaa ol taheera. Bilisummaa isaaf  jechu ummatni Oromoo har’a illee wareegama qaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun kan hin oolle dha. Gootota ilmaan Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif jecha gatii lubbuu baasan yaadachuunis kan ilma Oromoo mara irraa eegamu dha. Kanaafiis ABO Ebla 15 Guyyaa Goototaa jechuun murteessee erga kabajamuu jalqabee kunoo waggaa 30tti dhiyaate. Kun akka itti murteeffamee  gad fagennaan wal hubachiisuun wareegama lubbuu as dhiyoo baasne kanaa fi har’a FDG irratti baasaa jirru yaadachuuf nu gargaara.  Gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda addatti kufan galmee seenaa irra jiru. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Wareegama baasuun keenya osoo hin dhumatin maaliif guyyaa goototaa jennee Ebla 15 kabajanna yaadi jedhu illee namatti buluu danda’a. Seenaa armaan gadii hubachuun sababaa ebla itti kabajnuuf nu hubachiisa. Addi Bilisummaa Oromoo Ebli 15 Guyyaa Goototaa akka tahu sababa malee hin murteessine. Bara 1978 walakkeessa   irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf  duula wal irraa hin citne itti bobbaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan.

Injifannoo karaa waraanaan argames karaa jaarmayaan itti fufuuf hogganooti ABO Arsii, Baalee fi Harargee keessa jiran baatii Bitootessa keessa walitti dhufan. Hogganooti ABO biyya alaa turanis mootummaa Somaliyaa irratti hojjachuun waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu bara 1980 keessa godhanii turan. Haala mijjataa kanatti dhimma bahamee hogganooti biyya keessaa fi ala jiran qaamaan wal arganii dhimmaa jaarmayaa dhaaba irratti murtii irra gahuun akka barbaachisu hubatame. Akka kanatti hogganoota yeroos dirree turan keessaa jilli tokko kan Dura Taa’aa fi I/A/Dura Taa’aan keessatti argaman akka Moqaadishoo deeman murtaawe. Akka kanatti jaallan namni kudhan: Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii), Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Jaal  Abbaa Xiiqii  (Abboomaa Mitikku), Jaal Dori Bari (Yigazu Banti), Jaal Falmataa /Umar/Caccabsaa, Jaal Faafam Dooyyoo, Jaal Irra’anaa Qacalee (Obbo Dhinsaa), Jaal Dhadacha Boroo, Jaal Daddacha Muldhataa, Jaal Marii Galaan  gara Somaliyaatti socho’an.

Jaallan kunneen amna isaanii itti fufuudhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka kana humni waraana Somaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ shiftaatu ture. Jaallan kun osoo hin beekin harka waraana shiftaa bu’an. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse. Uffata irraa baafatee paantii duwwatti hambise. Harka duubatti hidhee reebee miidhaa guddaa irraan gahe. Osoo isin hin ajjeesin warri kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri islamaa taatan gama biraatti bahaa jedheen. Jaallan hogganoota dhaabaa garuu nuti Oromoo, amantiifi gosaan adda hinbaanu jedhanii didan. Shiftooti Soomaalii jaallan hogganoota keenya Ebla 15, 1980tti rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. Tokkummaan ummata Oromoo amantiifi gosaan kan adda hinbaane tahuus dhiigni jaallan keenya mirkaneessan.

ABO sababa kana irraa ka’uu dhaan Elba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaasee. Guyyaan kun haga har’aatti kabajamaa jira. Jaallan guyyaa kanatti qabsoo bilisummaa Oromoof osoo amna irra jiranii wareegama qaalii baasan yaadachuuf guyyaan Ebla 15 kun filame. Wagga waggaan miseensoti, deggertooti, ABO fi ummatni Oromoo biyya keessaa fi alatti kaayyoo gootowwan keenya irratti kufan yaadachuuf, waadaa isaanii haaromsuuf wal gahu.  Yaadannoon akkasii bara baraan kan itti fufuu taha. Galfata gootowwaan keenya nutti dhiisanii kufan bakkaan gahuun dirqama lammii Oromoo hundaati. Har’a QBO keenya sadarkaa abdachiisaa tokko irra gahee jira. Ummatni keenya FDG jalqabee finiinsaa jira. Guyya guyyaa dhaan qabsaawoti Oromoo humna weerartuu osoo falmanii dirreetti, baddaatti, gammoojjiitti, magaalaa fi baadiyyaa keessatti wareegamaa jiru. Jagnootiin barattootaa fi dargaggooti Oromoo diina hudhanii qabuun lubbuu isaanii geeddaraa hin qabne wareegaa jiru. Goototi keenya otoo bilisummaaf qabsoo godhanii wareegaman, wareegamaa jiran yaadachuun, dinqisiifachuu, dhaadhessuu fi seenaa isaanii walbarsiisaa yaadachuun ofii isaafu seenaa dha. Kanaaf,  Ebla 15 bara 2009 kana bifaafi akkaataa addaan yaadachuu qabna. Gootowwan keenya kaleessas tahe baroota dheeraan dura wareegaman yaadachuu duwwaa osoo hin taane jaallan keenya fincila diddaa gabrummaa irratti wareegamanii fi  sabboontota Oromoo har’a mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti saba isaaniif jecha gidiraa argaa jiran yeroo yaadannu dha. Guyyaa Ebla 15 duwwaa eeguu osoo hin taanee Baatii Eblaa kana guutumaatti Baatii Gootootaa jennee moggaasuun yaadachuu qabna. Jaallan keenya hidhaman mana hidhaatti gaafachuu, maatii warra hidhamee dubbisuun gargaaruu, fi kkf baatii kana akka dabarsinu dhaamna.

Gootowwan keenya kan bilisummaaf jecha wareegaman kana guyyaa tokko duwwaa yaadannee kan dhiifnu osoo hin taane, bara baraan seenaan kan isaan yaadataa jiraatuu dha. Gootonni ilmaan Oromoo borullee bilisummaa saba isaani mirkaneessuuf wareegaman tarree gootota kanaatti seenanii yaadatamu. Guyyaa Gootota Oromoo kana akka lamatti yaadanna. Abbootii, hawwan, obboleewwanii fi jaallewwan walumaa galatti gootota keenya qabsoo bilisummaa irratti wareegaman dhabuu keenyatti nigaddina. Kanaaf gaddaan yaadanna. Gama biraatiin ammoo lubbuu isaanii itti wareeganii saba Oromoo seenaan isaa dhokatee, eenyummaan isaa wallaalamee, aadaa fi afaan isaa qarqara dhabamuu gahee ture ol kaasani Oromoo saba beekamaa, gaaffiin mirgaa inni gaafataa jiru kan bira dabruun hin danda’amne waan taasisaniif isaaniin bonna; dhaadanna; mataa ol qabannee deemna. Kanaaf guyyaa kana gammachuun yaadanna. Guyyaa kana yeroo yaadannu akeekni gootota keenya itti kitimaa ta’an har’a maal keessa jira jennee wal gaafachuun karaa dha. Har’a ummatni Oromoo haala akkamii keessa jira? diinni isaa hoo maal godhaa jira? Gaaffilee akkanaa kaafnee xiinxala gabaabaa godhuun xurree gootota keenya lubbuu isaaniitiin saaqan tiksuu fi jabeessuu irratti nu gargaara. Gucci qabsoo bilisummaa gootowwan keenya qabsiisan har’a yoom illee caalaatti golee Oromiyaa hunda waliin gahee ifee mul’ataa jira. Kaayyoon gootota keenya osoo bakkaan gahuuf carraaqanii irratti wareegaman har’a ummata Oromoo miliyoonatti lakkawamuutti dabree diina raasee sodaachisaa jira. Qabsaawaatu du’a malee qabsoon hinduutu dhaadannoon jedhu har’a qabatamaatti ummata Oromoo biratti hojiin mirkanaawee jira.

Ayyaana Gootota Oromoo bara kanaa bifa haaraafi sirna ho’aa dhaan ayyaaneffanna.Yerookamillee caalaatti faajjii goototi keenya nutti dabarsanii kufan olkaafnee galin gahuuf sochii cimaa gochuun yeroo barbaachisaa ta’e keessatti argamna. Diinni keenya qabsoo keenya gufachiisuuf karaa maraan yeroo nutti duulaa jiru keessatti waan argamnuuf immoo diina keenyaaf akka hinjilbeeffanne irra deebinee agarsiisuun yeroo itti nu eeggataa jiru keessatti argamna. Ummatni Oromoo golee Oromiyaa mara irraa ka’ee gabrummaan nuu gahe jechuudhan tokkummaan harka wal qabatee finicla diddaa gabrummaa finiinsuu eegales daran jabaatee itti fufuu qaba. Gootota barattoota Oromoo, dargaggoota, hojjatootaa fi qonnan bulaan Oromoo harka duwwaa diina irratti finciluun gaaffii mirgaa fi siyaasaa dhiheessaa jiran. Ummatni Oromoo mootummaa Wayyaaneetiin ammaan booda nu bulchuu hin dandeessu jedhee ifatti itti himee bilisummaaf wareegama barbaachisu kaffalaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo har’a sadarkaa guddaa fi amansiisaa irra gahee jira. Gucci goototi keenya qabsiisanii nutti dabarsan hindhaamne; daran belbelee Oromiyaa guutummaa keessatti ifaa jira malee. Kanaaf, Guyyaa Gootota Oromoo bara kanaa haala hoo’aa fi addaatiin kabajanna kan jennuf.

Har’a ayyaana guyyaa gootota Oromoo yeroo yaadannu, seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo isa bara fagoofi dhiyoo illee waliin yaadachuufi walyaadachiisuun dirqama keenya ta’a. Ummatni Oromoo erga waanjoo gabrummaa jallatti kufee eegalee, bittaa diinaa tole jedhee hinfudhanne. Bifa hinqindoofneen iyyuu haa ta’u malee, ummatni Oromoo yeroo adda addaatti bifa fi haala adda addaan qabsaawaa tureera. Bara 1928 fi 1948, fakkeenyaaf, ummatni Oromoo Raayyaa fi Aseeboo hacuuccaa mootummaa Haayilesillaaseen murmuun lola godhaniin loltuu sirnichaa injifachuun naannoo isaanii bilisoomfatanii turan. Booda garuu, Haayilesillaaseen, gargaarsa humna qilleensaa Ingilizii, yeroo san Eden keessa turetti gargaaramee humna isaanii cabsuun lafa bilisoomee ture guutummaatti deebisee gabroonfate. Bara 1936 Oromoon Oromiyaa Lixaa, (Wallaggaa, Illuu fi Jimmaa) wal-ta’anii konfedereshana ijaarrachuun mootummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf, karaa mootummaa Ingilizii waldaa mootummoota addunyaatti iyyannoo galfatan. Bara 1941-42 Oromoonni naannoo Oromiyaa gidduu, fi Oromiyaa Bahaa gabrummaa Habashaa jalaa walaba ta’anii jiraachuuf iyyata mootummaa Ingilizii bara sana biyyattii bulchuuf aangoo qabutti iyyatanii turan.

Bara 1946 Oromoonni naannoo Carcar, Dirree Waleensuu bakka jedhamutti lola waraana Hayilasillaasee irratti bananiin nafxanyoota hedduu fixanii waggaa lamaaf bilisummaan jiraatan. Waggaa lama booda, waraanni Habashaa meeshaa baraatiin loluun humna ummata kanaa cabse. Hoogganoota waraana yeroo sanaa kan har’a galmeen seenaa faarsaa jiru, keessaa kan akka Mummad Jiloo fi Mummaad Jawwee fakkeenya ta’uu danda’u. Bara 1963, ummanni Oromo Oromiyaa kibba lixaa mootummaa Haayilessillaasee irratti fincilanii, lola godhaniin, yeroo muraasaaf ummata naannoo sanaa mootummaa Habashaa jalaa bilisoomsee ture. Humna kana rukutuuf humni Ingilizii, Isiraa’el fi humni qilleensaa Ameerikaa badii guddaa ummata Oromoo irraan gahee ture.

Barri 1964, bara Waldaan Maccaa fi Tuulamaa itti dhalate ture. Waldaan kun waldaa misoomaa fi wal-gargaarsaa kan Oromoo haa jedhamu malee, ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka baruu fi eeggatu gochuun, qabsoon wal-harcaasaan bakka bakkaa akka wal-qabatu fi ummata kutaa adda addaa walitti fiduun gaafiin bilisummaa Oromoo bifa qindaawaan akka geggeeffamu gochuuf guddaa gargaare. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waggaa lama keessatti miseensota miliyoona lamaa oli horatee ture. Bara 1967tti, Waldaan kun akka hin sossoone seeraan dhorkamee, hooggantooti isaa 19 hidhaman. Isaan keessaa 4 mana hidhaa turanii bara 1975 mootummaa fashisittii Dargiin ajjeefaman. Bara 1963/4 Waldaa “Afran Qalloo” jedhamutu baha Oromiyaa, Dirree Dawaatti dhalate, Akeekni waldaa kanaa Afaan fi Aadaa Oromoo kan qarqara badiisaa gahe tiksuu fi dhaloota dhufutti dabarsuu ture. Kana irratti dabalee, Ummatni Oromoo, keessattuu dardarrii fi shamarran kara wallistootaa akka wal-baran gargaaree ture. Waldaan kun, waldaa Maccaa fi Tuulamaa waliin quba wal-qaba ture.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9, bara 2005 jalqabe haga guyyaa har’aatti hin dhaabbanne. Diinni fincila kana dhaamsuuf tarkaanfii gara jabeenyaa kan ummata jimlaatti hidhuu, mana gubuu, qabeenya saamuu, reebee hiraarsuu fi ajjeesuu fudhatu illee ummata Oromoo akeeka ka’eef irraa of duuba deebisuu hin dandeenye. Ummatni Oromoo gootummaa isaa hojii dhaan mirkaneessaa jira. Wareegamni akeeka keenya irraa of duuba nu hin deebisu jechuun FDG itti fufee jira. Ummatni Oromoo kan dhiiga gootowwan isaa irra tarkaanfatee manatti deebi’ee taa’u miti. Ummatni Oromoo kan hidhaa fi reebichi waan jedhe irraa of duuba deebisu miti. Ummatni Oromoo ummata jagna fi murataaa tahuu FDG geggeessaa jiruun guyyuu mirkaneessaa jira. Qabsoo bilisummaa geggeessaa jirun ummatni Oromoo diina sodaachisee raasaa jira. FDGn baatii afurii oliif deemaa jiru mootummaa Wayyaanee rifachiisee waan qabatuu fi dhabu isa wallaalchisaa jira. Ummata Oromoo keessaa fi alatti kabajaa gonfachiiseera.Warri duraan gaaffii ummata Oromoo hin beekne akka beekan dirqisiiseera. Ummatni Oromoo sochii godhaa jirun humna tahuu isaa mirkaneessaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa kana irra gahuun isaa lafeen gootowwan keenyaa cabe, dhiigni isaanii lola’e bilaashatti akka hin hafne, bilisummaa magarsaa jiraachuun isaa qabsaawota har’aatiif abdii guddaa dha.

Guyyaa Gootota Oromoo yeroo yaadannu kanas, akkuma baroota darbanii, waan ammallee dhaloota keenya eeggachaa jiru walyaadachiisuun malchiisaadha. Gabrummaan jaarraa tokkoo ol saba keenya irratti fe’amee gidirsaa ture, har’a illee akkamalee hammaatee saba keenya qe’eefi ardaa isaa keessatti hiraarsaa jira. Diinni yeroo irraa gara yerootti humnaafi tooftaa ittiin saba keenya miidhu qaroomfachaafi jabeeffachaa jira. Diinni keenya afaaniin waan saba keenyaaf yaadu fakkaatee lallabuu isaa itti haafuf malee, rooroofi hiraarsaa saba keenya irra gahaa jiru dhiibee bahuufi saaxilamuun isaa immoo hin oolle. Kanaaf, dhalooti keenya tulluu garbummaa saba keenya irratti fe’amee gidirsaa jiru jisuuf dirqama fardiin bahachuu isaan irra jiraatu akka qaban guyyaa yaadannoo gootota keenyaa kana dirqama dhaloota keenya dura jiru osoo wal hin yaadachiisin bira dabruun hintahu.

Qabsoon bilisummaa finiinee sadarkaa amansiisaa irra gahe galii isaa akka gahuuf maal godhuu akka qabnu wal yaadachiisuun barbaachisaadha. Qabsoon hidhannoo fi siyaasaa bifa qindaaween jabaatee itti fufuu qaba. Kanaaf, ammo ummatni Oromoo waan isa irraa eegamu, akkuma godhaa ture daran bal’isee itti fufuu qaba. Fincilli diddaa gabrummaa jalqabee jiru osoo adda hin dhaabbannee haga diinni Oromiyaa keessaa bahutti jabaatee itti fufuu qaba. Diina biyya keenya cabsee nu ajjeessaafi hidhaan nu dararaa jiru of irraa kaasuuf waan qabnu hundaan loluu qabna. Lola kana keessaa tokko qabeenya keenyaan kan lolluu dha. Diinni keenyuma nyaatee irree horatee nu midhaa jira. Qabeenya keenya gurguree rasaasa ittin nu ajjeesu bitata. Kanaaf diina qabeenya keenya dhorkachuun haalollu. Lammiiwwan Oromoo kanneen dantaa mataa keessaniif jecha sirna cunqursaa bira dhaabbachuun ummata keessan miidhaa jirtan gochaa itti bobbaatanii jirtan irraa dhaabbadhaa jenna. Mootummaan har’a ummata Oromoo miidhaa jiru kufaatiin isaa fagoo mitii hubadhaa. Kanaaf, haga ammatti yakka ummata irratti raawwattaniif dhiifama gaafadhaa dafaa gara mooraa qabsootti deebi’aa jenna.

Ilmaan Oromoo humna waraanaa, tikaa, polisii fi milishaa Wayyaanee keessa jirtan diinaaf ulee taatanii qabsoo bilisummaa saba keessanii dura hin dhaabbatinaa. Afaan qawwee keessanii gara diinaatti deebisaa. Mootummaa kufee guyyaa awwaala isaa eeggataa jiruu cinaa hin hiriirinaa. Ummatni Oromoo qabsoo bilisummaa finiinsaa jiru shaffisaan galiin gahuuf fira qabsoo horachuu fi diina xiqqeeffachuun irraa eegama. Kanaaf, firoota qabsoo kan yeroofi tarsimoo adda baafachuun mooraa diinaa haphisuun, mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuun yeroon isaa amma jenna. Barattoota, dargaggootaa fi shammaran Oromoo, akkuma amma adda duree buutani FDG geggeessuun seenaa galmeessaa jirtanitti duranaafis itti fufuun isin irraa eegama. Gumaa gootowwan keenyaa kan baafnu kaayyoo isaan irratti kufan bakkaan gahuu waan taheef QBO daran jabaatee akka itti fufuu godhuu keessatti qooda isin irraa eegamu akka caalaati baatan gaafanna. Sabootni cunqurfamoofi humnootni dimokraasii fi kabajamuu mirga ummatootaaf dhaabbatan hundis qabsoo bilisummaa ummata Oromoo cinaa akka dhaabbatan yeroo kanatti waliif dhaamuun kan isaan irraa eegamu ta’a.

Haga qabsaa’otaafi sabboontota dhugaa gumaa gootota Oromoo bilisummaan deebisuuf of kennanii hojjatan jiranitti, akeekni gootota keenyaa galii isaa hinhanqatu; kaayyoon goototi qabatanii kufanis, bakka isaan kufan sanatti hinhafu. Diinni kan ajjeese gootota keenyya kaayyoo isaaniif lubbuu isaanii hinqusanne malee kaawoo saba keenyaa miti; kaawoon saba keenyaa bifa kamiinuu karaatti hinhafu. Dhaadannoon guyyaa yaadannoo gootota keenyaas akkuma kalee sanitti, oggayyuu sagalee olaanaan nidambaleeffama; saalfii tokko malees ittiin boonamaa jiraata. Faaruun dhaamsa jaallan wareegamtootaas akkuma kalee sanatti waltajjii gootummaa Oromoo mara irratti dhalootaa dhalootatti miira olaanaan faarfamuunis kan itti fufu ta’a. Dhaammannoofi waammannoo gootota keenyaa gaalee walaloo faaruu gootota Oromoo armaan gadii keessaa kanneen hubatanis kanneen irbuu isaanii haaromsatanii imala bilisummaa dheeraaf of kennan ta’u. Sabboontoti keenyas akkuma kalee sanatti FAARUU GOOTOTA OROMOO oggayyuu irra deddeebi’anii kutannoofi murannoon faarfachaa, falmaa Bilisummaa tulluu garbummaa jigsuuf duula Buttaa finiinaa jiru faandhahuunis abadan hindhaabbatu. Kaayyoon qabsoon bilisummaa Oromoo lafeefi dhiiga gootota Oromoon ijaarames, yoomiyyuu galii isaa akka hinhanqanne kan mirkaneessus dhaloota gootummaan dhaammannoo gootota keenyaa kana bakkaan gahan kumaatamaan geessifachuu isaati.

“….Jaallan keenya tarree turre daandii dhiigaan tattaraarre

Akka hin diigamne eega daandii lafee keenyaan jaarre

Akka waliin jechaa turre nu hojiidhaan fasarre

Faana bu`aa nu hordofaa odoo yeroon hindabarre (2)…”

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918