Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

#OromoProtests, May 30, 2016

$
0
0

‪#‎OromoProtests‬ Caamsaa 30, 2016
Barattoonni Wallaggaa Lixaa, Gimbii haqamuu qoruumsaatiif dhiichisaan gammachuu isaanii ibsachaa turan….
Students celebrating victory in Gimbi, West Walaga earlier toda
13335876_1069973013097514_1028004272762733914_n


#‎oromoprotests‬ oromiya baha goodin haragee baha guyyaa hara,a Aana Dobbaati Loola Akkaan Hamaatu Itti Oole Looltotni Tplf Heddutu Dhume Knf Magaalan Dobbaa Fi Naannoo Sanitti Agazin Yeroo Dhahamu Dhoysaan Fe,ama Namni Oso Hin Argin Hanga Mada,ee Fi Du,ee Boruun isiinf Qulqullessan Namarra hamma amma ammo namota 3 mana yaala jirachuu barame
Breaking news
Wayane cut off social media like facebook, Whatsapp, Imo, messengers & others in most parts of Oromia following leakage of univarsity intrance exam by Oromo protesters.
Mootummaan wayyaanee guyyaa har’aa qormaanni kutaa 12ffaa qabsaa’ota Oromoon bahuun kan maraatte wayyaanen kutaalee Oromiyaa heddurraa Imo, whatsapp, messenger facebook fi kanneen biroo uggurtee jirti.
Iddoo miidiyaaldn kuni ugguramanitti psiphon fa’a fayyadamaa.
Wayyaanen abdii kuttee waan qabduu fi gad dhiistu dhabdee jirti.
Qabsoon keenya cimee itti fufa.

‪#‎oromoprotests‬ Caamsaa 30,2016) Caamsaa 30/2016 ‪#‎Oduu_Ammee‬ Godina Shawaa Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Garba Gurraachaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa Oromiyaa keessatti utuu guyyaa tokkoof Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadamee malee uummataa biyyattis fayyaduuf mitii dursa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoof Deebiin kennamuu qaba jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti Goototni Uummtni Oromoo gabra gurraachaa Barattoota isaaniif dirmachuun dhaadannoo Warraaqsaa FXG sagalee guddaan Salaalee keessa dhageessifama jira.
Sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa Garba Gurraachaa sochoosaa jiruun walqabatee Mootummaan abbaa irree Waraana guddaa Godina Salaalee irra qubsiise jiru Uummata mirga isaaf falmachaa jiru irraatti dhukaasa gaasii Summaa’aa boombii ija keessa imimmaan nama naquu dhoosuun uummata gooluu irratti argama.
Yeroo amma kanaa warraaqsaa ummataa dhaadannoo guddaa fi sagaalee dhukaasaa guddaatu Godina Salaalee Garba Gurraachaa irraa dhagaa’ama jira. Goototni barattootni Oromoo kutaa 12ffaa 4’ human waraana Agaaziin qabamuun ittumaa Uummata Oromoo Aanichaa warraaqsaaf akka dirmatan godhaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe addeesee jira. Gabaasaa guutuun walitti deebina!
Injifannoon uummata Oromoof

13315617_1087379108002594_2861260330014344134_n


‪#‎OromoProtests‬
Magaalaa Shaashamanneetti poolisoonni barattoota haqamuu qormaataatiif gammadanii dhiichisan qabee miidhaa jira.

13321927_1069784259783056_5953992453193076178_n


Har’a Caamsaa 30,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti mormiin jabaa gootota Qeerroo fi ummata Oromoon ka’ee jira. Sababaa qormaata biyyoolessaa mootummaan Wayyaanee addaan kuteen wal qabatee yeroo ammaa kana mormiin deemaa jiraachu Qeerroon gabaase.

13346963_1036269669789985_7306316745096630851_n


‪#‎OromoProtests‬
“ijoollee suurrii isaanii as irratti mul’atuu qeerroo Dillaa univarsiitii too ta’an; Makaalawii keessattii ji’oota afuurif daraaramaa turan. Har’as mana murtii olaana Dillatti yeroo arfaafaf dhiyaatanii himaata tokko maalee har’as beelamaa waxaabajjii lamatti beelamuun isaanii argiinee jirraa. Sababnii ijoollee kana dubbaatti hambiisaniif; akka yaada keenyatti yeroo ijoollee Moo ra gad dhiisan ragaa soba irratti basiisuuf fakkaata. kanaaf iyyaa iyyaa nuf dabarsaa jennaa qeerroon yuunivarsitii dillaa

13346496_1069779183116897_117507566746149147_n


Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame
Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru


13327538_590895631078177_7038135708841978906_n


‪#‎OromoProtests‬ Caamsaa 30, 2016 Barattoonni Yuniversiitii Haramaayaa har’as kutaa hin seenne. Dhaamsi achi irraa argame kana armaan gadii kana fakkaata.
“Wanti nama kofalchiisu tokko immoo mul’ateera. Woraanni uffata baafatee kilaashii dhiisee dabtara qabatee barataa fakkaatee joollee baruumsa dhoowwan adda baafachuu yaade. Garuu dirree irra teennee itti kolfaa turre. Dabtaraa fi kilaashiin gara gara !!! guyyaan xumura har’aa fi boru yoo kutaa hin seentan ta’e dallaa dhiistanii baatu, nam tokko osoo hin hafin waggaa tokko adabamtu jechuun bulchiinsonni universitichaa nu sodaachisa jiru. Duras deebii maal nuu deebisuu miti kan nuti isaanirraa eegnu maal nu adabuu yoo ta’e malee. Barataa 18,000 dirree irratti gad yaasee yoo ari’e balbala18,000 akka ufitti banu hin beekne natti fakkaata.”


Barana Facebook kilaashii Oromoo tahee jira. Dhugaa moo soba?

13327376_10208505474228667_5789455587365910607_n


‪#‎OromoProtests‬-(30.05.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromia) Diddaa fi mormiin Oromoo kun godina Boranaa magaalaa Yaa’aa Bal’oo keessatti itti fufee ooleera. Diddaa fi mormii kana irratti barattooti sagalee isaanii sodaa tokko mlaee dhageessisaaniiru.

13339622_10208450880221271_6537329427262469514_n


Caamsaa 30/2016 Oduu Ammee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coomman Magaalaa Fincaa’aa Keessatti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Finca’aa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa utuu Guyyaa tokko Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadame jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa fincaa’aa keessa dhaga’amaa jira. Waraanni mootummaa wayyaanee Magaalaa Finca’aa Irra qubatee jiru hidhannoo guutuun barattootaa fi uummata dura dhaabbatee jira.uummatni gamaa gamasiin barattoota ilmaan isaaf iyya guddaa kaasee dimannaa guddaa gochaa jira. Gabaasaa guutuun walitti deebina!!
injifannoon uummata Oromoof!

13343015_679989835472582_8529289883144108847_n


Har’a Caamsaa 30,2016 Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barnootaa Aliiboo Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

13245398_1036285499788402_1004694888241384240_n


‪#‎ioromoprotests‬ Caamsaa 30,2016) Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame
Caamsaa 30,2016 Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXGn haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira.
Sochii warraaqsaa eegalame hanga fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen jedhu gurmuu barattootaa gidduudhaa dhaga’amaa jira.
Haala Sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan.
Akkuma Qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo Gobiin lafa dhiitaa jiru


‪#‎Oromoprotests‬
Haqamuu qormaataa barattoonni M/B Calanqoo yoo gammachuun ibsatan Harargee Bahaa

13339674_1069773833117432_8776978736315221122_n

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.