Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Magaazinni Kuufama Meeshaa Wayyaanotaa Goorootti Argamu Guutummatti Barbadaaye

$
0
0

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Caamsaa 31, 2016

tarkaanfii-mdg-1
Ummanni onneen isaa gabrummaan madaaye mirga isaa falmachuu fi qabeenya ofiif qabsaawuun gonkumaa hin dhaabbatu. Haala kanaan guyyaa Wayyaanonni ayyaana Gimbot 20 jechuun magaalaa Finfinee keessatti qophiitti jiran irratti humni hin beekamiin tokko qabeenya Investera Tigray kan ta’e magaazina kuufama meeshaa Wayyaanootaa guddaa naannoo Finfinnee lafa Gooroo jedhamutti kan argamu irratti tarkaanfii fudhatameen magaazinichi guutummaatti barbadaayee jira.

tarkaanfii-mdg-2

Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.

Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.

Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira. Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.

Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.