Damee Boruu irraa
Yaroo tokko tokkoo diina ofii enyummaa isaa adda baasanii hubachuu fi sagalee siyaasaa sirrii taheen waamuun barbaachisaa ni taha. Impaeerri Itopiyyaa kan ijaaramee fi kan ittiin bulaa ture akka Mootummaa Amaharaa taheetti fudhatamaa ture. Har’as akka Motummaa Amharaatti warri waamaa jiru akka jiran ni jirra. Garuu haalli ture utuu gadi fageessamee xinxalamee ammam dhugaa tahee mul’ata? Mootummaan Impayeera Itopiyaa kan ijaare nafxanyoota.
Akkuma Sanyiin Boor Awuropaa irraa dhufanii AFrikaa Kibbaa irra qubatan Nafxanyoonis Sanyii Amharaa irraa citanii golga biyya Oromoo irra qubatan. Sana dura Mootonni Habashaa biyya Oromoos tahe kan naannoo Oromiyaa jiran cabsanii bituuf ayyaana hin arganne. Kanaafuu Mootummaan isaanii Mootummaa Habashaan beekamaa ture.
Mootummaan Aparteid fi kan nafxanya haala wal isaan fakkeessuu fi adda issan godhu mee gargar baafnee haa ilaallu:
- Seenaa koloneefataa keessatti yaroo tokko itti uummataa nagaan jiraatu biyya isa irratti cabsanii aangoo ijaarachuudhaan lafaa fi qabeenya biyya humnan kan dhufaa isaanii godhatan
- Lachuu sanyii isaanii irraa citanii uummata hin injifatan keessa qubatanii biyya qabatan kana kan dhuunfaa isaan godhachuuf seeraa fi heera baafatan.
- Lachuu seenaa , aadaa fi afaan biyya keessa qubatanii akka baduuu fi tufatamu gochuun hammeenya wal fakkaatu raawwatanii jiru.
- Afaan isaanii afaan hojii Mootummaa fi afaan ittiin baratan gochuudhaan afaan uummani bal’aan dubbatu akka hojii irra hin oollee fi hin guddanne godhaniiru.
- Ummatni akka of hin injaarre, akka haqa isaa karaa nagaa hin gaafanne , mirga dhalootaan qabu sarbaniiru.
Apartheid fi Nafxanyaa haalli adda isaan godhu:
- Warri Motummaa Apartheid ijaarate Sanyi nama adii biyyaa Awuropaa irraa dhaqee biyya Afrikaa Kibaa uummata gurraacha tahe keessaa qubate. Warr Motummaa Nafxanyaa ijaarate sanyii Amharaa irra cite uummta bifaan akkuma isaa gurraacha tahe uummata Oromooaa keessa qubate.
- Warri Addiin maayilii hedduu uummataa isaanii irraa fagaatan kan dhufan yoo tahu nafxanyoonni garuu naannoo Oromiyaa sanyii jiraatu keessaa dhufan. Haalli kun nafxanyaa fi Amhaarri bakka tokkotti akka cafaqaman gochaa jira.
- Warri Apartheid ijaare ogummaa waan fidanii dhufanii biyyi Afrikaa Kibbaa akka dinagdee fi teknologiin guddatuu yaroo godhan, warri nafxanyaa ogummaan haawasa qaban waan baayyee kan uummata Oromoo caalaa boodatti hafaa taheef guddinaa biyyaa Oromoo takaalee qabu danda’eera. Sirni Gadaa kan biyya lafaafuu fakkeenya tahu akka uummatni Oromoo jiruu fi jireenya ittiin hin gageefanne dhorkamuu badii guddaa dha.
- Mootummaan Apartheid gurraachi akka magaala adii eehama malee hin seene gochuudhaan of irraa ittise. Warri nafxanyaa qofaa isaanii biyya Oromoo yaroo dheeraaf qabatanii turuu akka hin dandeenye waan hubataniif gita abbaa lafaa namoota biyyaa wajjin ijaarachuudhaan humna jabeefachuu yaalaniiru.
- Mootummaan Apartheid adii fi gurraachi akka waliin hin baratne, waliin hin hojjetnee fi wal fuudhu hin eehamu. Warri nafxanyaa garuu uummata keessa qubatan wajjin fudhaa fi heeramaan humna siyaasaa ijaarachuu fi badhaasa aangoon kittillayyoota horachuun tooftaa isaanii guddaa ture. Kanafuu Ilmaan Oromoo warri gitaa abba lafaa keessaa dhufan sirni nafxanyaa sun akka deebi’uuf akka hawwii guddaan eegachaa jiran ni agarra.
Afaan hojii Mootummaa Nafxanyaa kun afaan Amhaaraa tahuun Mootummaan Impayeera Itopiyaa bitaa ture hunduu akka mootummaa Amaaraatti akka hubatamu godhee jira.Garuu nafxanyoota irra kan hafe Uummatni Amhara bal’an Mootummaa Nafxanyaa kana irraa bu’aan guddaa argte ni jiraa?. Bifa kamiinu Uummata Oromoo saamuu,cunqursuu fi hiraarsuu maqaa Mootummaa Itopiyaa jedhuun Amhaarri biyyoo Oromoo keessa qubatee gahaa guddaa qaba. Haa tahu malee warri biyya Oromoo keessa qubatan kun bakka bu’aa uummata bal’a Amhaara miti. Warri kun namootni dhalootan Oromoo tahanii Mootummaa Nafxanyaa kan wajjin hirira galaanii uummata Oromoo saamaa fi cunqursaa turan irraa adda kan isaan godhu hin jiru.Haalli qabatamaa ture kana jalisaanii uummataa cunqursamaa Amaaraa nagaan biyya isaa keessa jiraatuu fi uummata cunqursamaa Impayeera Itopiyaa keessa jiraatu maraa jidduu wal diddaan kan jiru fakkeessanii fedhii siyaasaa dantaa mataa isaanii gutachuuf warri kufanii ka’an jiraachuun nama raajuu hin qabu.
Afaan isaa afaan Motummaa tahuu fi saykologii ol aantummaa akka qabatu tahuu irraa kan hafe uummataa bal’aa Amaahraa bu’aan Mootummaa nafxanyaa irra argate natti hin mul’atu. Isaanis akkuma saboota biraa cunqurfamanii, samamanii, hiyyoomanii jiraachaa turan. Yoo uummata qotee bulaa biyya Gojamii fi Gonder keessa jiraatuu fi uummata qotee bulaa biyya Ormoo keessa jiraatu wal bira qabnee ilaalle dhugaan isaa nuu fudhatamuu danda’a. Mootummaa nafxanyaa keessatti kan qabeenyaa fi humna uummata Oromoon bashannanee jirate nafxanyootaa fi Oromota kittillayyootaa isaanii tahani. Biyyaa alaa bahuufis tahee ijoollee isaanii barsifachuuf warri ayyaanna guddaa qabaachaa ture isaan qofa. Warri biyyaa alaa kana keessatti maqaa Sab-boonnumaa Itopiyaan bo’aa jiran warra ilmaan nafxanyaa fi lukkee isaa akka tahee wal nama hin gaafachiisu. Yaroo waranaa TPLF ijoollee Oromoo rasasan akkaa’ee dhiigni isaanii akka bishaanii lolaasaa jiru dhala namaa miti, sareetu du’ee illee hin jedhan.
Kan baayyee nama ajjaa’ibu garuu yoo Mootummaan TPLF kufe galanii biyya Oromoo bulchuuf Mootummaa ala kanatti ijaarachaa jiru. Biyya alaa kana keessatti kan baayyee of ijaaruuf tattaafatuu isaani. Sababni guddaan mi’aa fi dheebuu aangoo hunda caalaa warri qabu isaan waan tahaniif natti fakkaataa. Har’a illee qabsoon uummatni Oromoo waggaa dheeraaf ofaa ture as gahu akkuma durii isaanii tufachaa jiru. Sii achi deebi’anii Oromoo bulchuun isaanii anaaf abjuu dha. Abjuu isaanii harkatti qabuun yaroo ofii balleessuu natti fakkaata. Oromoo keessa illee Amhaarri ala kanatti Mootummaa Ijaarate maal goonu? jedhanii warri hojii manaa biraa nuuf kennuuf yaadan jiru.
Akka Oromootti hojiin guuddaan nu eegatu Fincila Xumura Garbummaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo ofaa jiru wajjin hiriiroo galle waan qabnu maraan gargaarruu dha. Waan hundaa duraa Motummaa TPLF of irraa gatuun gaaffii hin qabu. Karaa koof humni Mootummaa TPLF of irra darbu yoo jiraatee ilmaan nafxanyoota xiyaaran dhufanii biyyaa Oromoo bulchaan kana uummatni Oromoo illii baatee dirree xiyaaraa Boleetti isaan simata jedhee hin yaadus hin yaadus. Rakkoon guddaan qabnu waa’ee humnaa utuu hin taane waa’ee siyaasaa ti. Uummatni Amharaa akkuma Uummata Oromoo TPLF wajjin waldhaansoo wal qabaa jira. Yaroon inni Gojamii fi Gondor irraa ka’ee lafa Oromoo qabachuu waraana uummata keenya irratti banne hin jiru. Nafxanyootaa fi ijoolleen isaanii warri mi’aa fi dharraa aangoo wixxifachaa jiruu fi Uummata bal’aa Amhaara sagalee tokkoon Amhaara jennee waamuun siyaasaa qajeelaa naatti hin fakkaatu.
Nafxanyoonni uummataa Amhaaraa bakka bu’uu hin danda’an. Amma biyya bitaa turaniitti of tajaajiluu irraa darbanii, uummata Amhaaraaf karaa, mana barumsaa fi mana qorchaa hin ijaareef. Karaa kamiin iyyuu jireenya uummataa kanaaf godhan kana kan jedhamu ragaa arguun rakkisaa dha.
Mootummaan TPLF Mootota Habashaa irraa kan adda godhuu TPLF akeekni ijaaramteef biyyaTigrayi cunqursaa Impayeerii Itopiyaa jalaa bilisa baasuu sagantaa qabachuu dha. Haa tahu malee TPLF bakka bu’aa uummata Tigayii jechuunu rakkisaa dha amma uummataa tigrayyiin hin filamiinetti. Biyy Tigrayi bilisa baasu irra Impayeera Itopiyaa qabchuuf erga humna argatanii kaayyoon isaanii biyyaa Itopiyyaa jedhamu saamuu irratti bu’ureefame.
Akkuma kaayyoo isaanii ganamaatti biyyaa Tigrayi keessatti karaa baasuu, mana barumsaa fi qorichaa ijaaruu, waarshaa diriirsuuf, bakka xiyyaarri qubbatu mijjeessuun akka uummata Tigrayyiif tolu godhaanii jiru jedhama .Kan ittiin ijaaran garuu biyyoota Impayeerii Itopiyaa keessa jiranii irraa saamanii ti. Saamchi kun Oromiyaas ni dabalata. Erga biyya Tigrayiif amma kana dabarsaniif jiraatanii maaliif namni isaaii har’as kadhanaa irratti boba’ee jira ? gaaffii jedhuuf deebiin argadhe kadhanaan aadaa isaaniitti kan jedhu dha.. Karaa biraa yoo Itopiyaa keessatti mo’aman Tigrayitti deebi’aanii mootummaa dhaabbachuuf akkeeka lammaaffaa qabu kan jedhu yaada dhugaa of keessaa qabu fakkaata. Karaa biraa Mootummaan TPLF mootummaa faashitii, mootummaa lubbuu namaaf dantaa tokkollee hin qabne mootummaa oftoo akka tahe ifa jira.
Mootummaan ni darba. Uummatni garuu bara baraan ni jiraata. Uummatni Tigrayii warra maqaa isaan daldalaa jiru wanbadoota TPLF irraa yaroon ka’ee adda yoo of hin baafne uummata cunqurfamaa Impayeera Itopiyaa keessa jiran maraa wajjin jiraachuu rakkina guddaa keessa seenuuf deema. Uummata isaanii dammaqisuu fi karaa nagaa qabsiisuun silaa warra beektota Tigrayi ofiin jedhani irraa kan eegamu ture. Yoo isaanis akkuma TPLF kana of tullumaan bokokanii jiru tahe waan goonu hin qabnu. Waan yaroo fi seenaan boru fidu ilaaluuf teenya.
Injifannoo Uummata Oromoo!
Oromiyaan ni Bilisoomti!