Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

OMN: Oduu garagaraa, Adoolessa 5

$
0
0

Harmeen Obbo Dajanee Xaafaa akka Ilma isaanii hingaafanne dhorkaman

Haadha Dajanee Xaafaa

Haadha Dajanee Xaafaa

(OMN) –Waraqaa Eenyummaa Sooramaan Mana Adabaa Seenanii Ilama Isaanii dubbisuu kan dhorkaman nama Umuriin ganna 85 Haati Obbo Dajanee Xaafaa Abbaan Murtii akka Isaan Waraqaa Eenyummaa qabaniin seenanii dubbisaniif ajaja dabarsus// Manni Adabaa Fudhachuu Diduun himame.

Haati Warraa Obbo Dajanee Xaafaa// Biyya ajaji Manni Murtii hin kabajamne Keessatti Maaliif akka Hidhamtoota gara Mana Murtiitti deddeebisaniif nuuf hin galuu jedhan.

Tibba Darbe abukaattoon Himatamtootaa dhittaa Mirga namoomaa Mana Hidhaa Qilinxoo keesatti Maamiloottan Isaanirra ga’aa jiru barreeffamaan erga Mana Murtiitti dhiheessaniin booda, Manni Murtii akka bulchinsi Mana adabaa deebii itti laatuuf kaleessatti beellamee ture.

Torbanuma darbe – Obbo Dajanee Xaafaa Himatamtoota galmee tokko jalatti himataman bakka bu’uun rakkoo Mana dukkanaa sana keessati isaanirra ga’aa jiru erga abbaa Murtiif himanii booda, Harmeen koo namni ganna 85 Mana Hidhaa seentee na dubbisuu hin dandeenyee, Karaa fagoo deemtee na ilaaluu dhuftee otuu na hin argin deemuun baayyee na gaddisiiseeraa jechuun abbaa Murti duratti himatani turan. Akkasumas Maatiin keenya dhaddacha seenanii Adeemsa Seeraa hordofuufillee isaani hayyamamaa hin jiru jechuun Mana Murti sanas ta’e, Bulchinsa Mana adabaa himatanii turan. Beellamni kaleessa tures, Manni adabaa sun akka isa kanaaf deebii laatuuf ture kan beellamame.

Bulchiinsi Mana Adabaa Qilinxoo Kaleessa isa kanatti deebii laatee Jira akka Aadde Assallafach Mulaatuu Jedhanitti. Mana Adabaa Qilinxoo keessa manni Dukkanaa hin jiruu. Dhiittaan Mirgaa isaan irratti raawataa jirus hin jiru jechuun barreeffamaan bulchinsi Mana Adabaa sub Obbo Abrahaan Mana Murtiif deebii deebisanii jedhan aadde Assallafach Mulaatuu. Manni Murtii akka Haati obbo Dajanee Xaafaa Waraqaa Eenyummaa Soorama ittin fudhataniin seenanii Ilma isaanii dubbisaniif ajaja dabarsee, bulchinsi Mana adabaa sunis ajaja sana erga fudhantaniin booda Har’a garuu Ilma koon arga jedhanii gammachuun Yoo walii wajjin Mana adabaa Deemnu Seerri nuun nu ajaju hin jiru jedhanii ol seensisuu didanii jedhu.

Dajaneen erga Hidhamee baatii Torba. Baatii kana guutuu keessatti si’a tokko Qofa Maa’ikelaawiitti dhaqanii ijaan arganii jedhu aadde Assallafach. Umuriin Isaanii deemeera. Ganna 85. Manni Murtiis kan ajaja dabarse fageenya isaan irraa dhufaniif Umurii isaani ilaalcha keessa galcheetu akka Aadde Assallafach Mulaatuu nuu himanitti. Hata’uutii garuu, Manni Adabaa ajaja Mana Murtiitiin geggeeffamaa akka hin jirre qofaa osoo hintaane, manuma Murtii sanayyuu kan achi ol ajaju Mana Adabaa sana hanga nutti fakkaatutti Itiyoophiyaa keessa ol aantummaan seeraa bakka dhabeeraa jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa keessa seerri jira haa jedhu Malee Paartii aangoorra jiru sana Seerri bulchu hin jiruu jedhu aadda Assallafach. Achuma mana Adabaa sana keessatti Murtoo barbaadan itti murteessuu otuu danda’anii Maalif akka Hidhamtoota kana Mana Murtiitti deddeebisaa jiraniyyuu nuuf ifa mitii jedhu.

Murtiin Abbaa seeraa waan biraa dha. Gocha nuti Mana Adabaa Yoo geenyu arginu ammoo kan biraadha. Yoo balbala Mana Adabaa sana geenyu akka namaatti kan nu hin ilaalanii jedhan.
Nama gaaffii gaafannu hinqabnu.

Akka isaan jedhanitti qaamni walaba ta’e biyyatti keessa otuu jiraatee haala qabiyyee Mana Hidhaa sanaa seenanii daawwachuu danda’u. Garuu Hin jiru. Ol aantummaan Seeraa Jiraatee bakki itti himatanis hin jiru. Namooti kun harka isaanii keessa jiru waan ta’eef dararaa barbaadan irraan ga’anii mana Murtii duratti haaluu jedhu aadde Asallafach.

Akka Isaan Jedhanitti – Abaan Murtiiyyuu – Abbaa Alangaa Mootummaas ta’e, bulchinsa Mana adabaa Sana Sodaarraan kan ka’e ija jabaatee ol jedhee Ija keesa isaan hin ilaalu. Abbootiin murtii suniyyuu hidhaa keessa waan jiraniif isaaniinuu bilisummaa feesisaa jedhan.

Abdii Fiixeetiin.


Magaalaa Ambootti Polisoonni Fedaaraalaa wal ajjeesan

amboo
(OMN) — Wal-dhabdee humnoota waraanaa mootummaa Itoophiyaa Yuuniversiitii Amboo kaampaasii Awaaroo giddutti mudateen namoonni lama ajjeefamuu fi dubartiin tokko gar-malee midhamuun himame.
Rakkoon wal-dhabde kuni dhimmaa qoomoo irratti kan fulleefate tahuus maddeen keenya OMNtti himaniru.

Yuuniversiitii Amboo kaampaasii Awaarootti, humnoota waraanaa mootummaa Itoophiyaa gidduutti wal-dhabdee uumameen, loltoota sadiitti ajjeefame jechu dhaggeenye dhimmicha addaa baafachuuf carraaqqii taasisneen, ajajoonni lama akka ajjeefaman fi dubartiin tokkoos gar-malee miidhamte sadarkaa sodaachisarra akka jirtu keessaa beektonni dubbatan.

Wal-dhabde kuni, dhimma qoomoo irratti kan xiyyeefatee garaagarummaa yaada fi ilaalcha gidduu isaaniitti, yeroo garaagaraa arginu irra hubachu dandenyeera kan jedhaniis, jiraata naannoo sana keessaa nama nuyi dubbisne dha.

Namni kuni itti fufuun, haalli nageenya godina shawaa lixaa keessaas tahe guutummaa Oromiyaa keessaa jiru haalan hamaacha deema jira, qaamni maqaa mootummaan aangoo irraa jiruus, sabaa tufachuu fi dhagahu dhiisuu isaanii irra kan kahe, sabaa guddaa biyyitti kan tahan, sabaa Oromoo ogummaan amansiisu irra reebicha, hidhaa fi ajjeecha filannoo godhatee jira, kuni immoo jaarraa 21ffaa keessatti iddoo kan qabu miti jechuun dubbatu.

Dhuma irrattis namni kuni, wal-dhabdee loltoota kanneen giddutti mudaate babbal’achu ni mala jedhen yaada jedhu, maaliif isaa jedhufis loltoota kanneen giddutti olaantummaan kan keennameef jiru sabaa Tigrootatti, isaani immoo sabaa fi sab-lammiilee achi keessaa jiran tufachuu fi haaccucuu baay’isu, kuni immoo gaarii miti, dhimma gocha ajjeecha amma raawwatame kunis, tuffii isaanii ilmaan Oromoo irratti raawwatani irraa akka maddees dubbatani jiru.

Itichaa Guddataatiin.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918