#OromoProtests-Hiriira Guddaa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru keessatti…
- Magaalaan Naqamtee dirree lolaa fakkaachaa jirti. Dhukaasaa fi mormii keessa oolte. Hanga ammaatti waraanni federaalaa 4 ajjeesee, danuun madaahanii baay’een hidhamaniiru. Dhukaasni gama lamaan dhuka’aa jira jedhu maddeen ijaan argan. Magaalli mormii guddaa fi waraana meeshaa hidhatee konkolaataan kaatuun muddama keessa jirti.
- Gimbii fi Mandiitti hiriira godhamerratti qeerroon 2 rasaasa waraanaan wareegamani
- Gullisoo, Calliyaa fi Aayiraatti uummatni hedduminaan bahee alaabaa ABO ifattii fannifatee, waraana ofirraa baase. Karaan citee waraannii itti siiquu hin dandeenye.
- Dukamii fi Arsiitti namootnii hiriira guddaa bahamerratti wareegamaniiru
- Ambotti waraatni dhukaasa banee namootni yoo xiqqaate 3 madahanii, namoota hidhaa fi amanarra deemanii doorsisaa jiru
- Awaday, Haramayaa fi Qobbootti mormii fi dhukaasa guddaatu ture. Awadaay dirree lolaa fakkaatteetti. Haramayaatti barsiisotni yuniversity hidhamaniiru. Hararitti waraanni uummata bittinse.
- Adoolaatti waraanni namni akka hiriira baane dhorke, shaakkisoonimmoo hiriira mormiin guutte.
- Walisoo, Gudar fi Xuqur Incinnii har’a dhukaasa qawwee fi hiriira diddaa keessummeessaa jiru
- . Burraayyuu fi Finfinneettis hiriirri godhameera. Reebbichaan ture
Oromo protest in ginchi town
Federal Police Brutality in Addis Ababa, Ethiopia during #OromoProtests Today 8/6. Social Media Access Is Currently Being Blocked By Government During Nationwide Protests
FXG Godina Arsii Magaalaa Qoree Keessatti Guyyaa Har’aa Deemaa Jiru.
Ethiopia: Protests in more than 200 cities in Oromia region
#OromoProtests Lagahar, Finfinne mormiin kan fakkaata
#OromoProtests-Mormii Oromoo guyyaa har’aa Arsii lixa Magaalaa Asaasaa keessatti gaggeeffame irratti Agaaziin Oromoota hedduutti dhukaasa bantee maddeessite. Isaan kunneen kannneen madaawan keessaa ti. Via Dhábasá W. Gemelal
#OromoProtests– Mormii Hagayyaa 6 bara 2016 kan magaalaa Holotaa irratti ummati sagalee tokkoon mootumama Wayyaanee balaaleffate. Mormii mootummicha irraa qabus akka ifatti mul’atuu fi beekamu taasisaa jiru.
===========
This is the Grand #OromoProtests in Holota, central Oromia.