Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Ibsa Ejjenno Miseensoota ABO: Kora Gamtaa Adda Bilisummaa Oromoo Amerikaa Kaabaa

$
0
0

(ABO) — Korri miseensoota ABO Amerikaa Kaabaa, Hagayya 3 fi 4 galma University Minnesota magaala Minneapolis keessatti gaggeffame milkiin xumurame. Nuti miseensotni ABO USA fi Kanaadaa kanneen yeroo murteessaa ta’e kana keessatti Kora kana irratti argamne Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon geggeffamuu boqonnaa dhumaa fi injifannoo maayyiin ga’uuf dhimmota haalaan fardii ta’an (siyaasaa, jaarmayaa, diinagee, diplomaasi fi hawaasummaa) irratti ball’inaan marihanne. Akkasummaas yeroo murteessa qabsoon Bilisummaa Oromoo irragahee jiruu fi walumaa galatti sochii ummata Oromoo milkeessuu fi ABO jabbeessuun wan filmaata bira hin qabne ta’uu hubanee Adda Bilisummaa Oromoo yeroo kamuu caalaa jabbeessuuf murteeffanne jira. Ibsa ejjannoo murtii dabarfannee:

  1. Addi BilisummaaOromoo gaachaanaa fi qabeenya ummata Oromoo ta’uun waan mamii hinqabne ta’u amannee Jaarmaaya keenya yoo kamuu caalatti jabeessuuf caasaa jaarmayaa, siyaasaa, dinagdee fi diplomasii waan barbaachisu hundaan jabeessuuf murteeffanne.
  2. Qeerroon Bilisummaa Oromoo ABOn bu’reffamee falmaa bifa harraa gaggeessaa jirtu fi bu’aa argamsiisee ta’uu hubatnee, dhaloota Qabsoon Bilisummaa Ummata Oromoo hore abdii fi egeree keenya waan ta’aniif warraqsa dhallotni kun Ummta Oromoo waliin finiinsa jiru hanga injifatnnootti akka hin dhaabbatneef waan barbaachisu hunda dhiheessuuf murteeffatne.
  3. Sochi Fincila Xumura Gabrumma Ummatni Oromoo finiinsaa jiru milkeessuuf deggersa barbaachiisu hunda kennuuf waadaa keenya haroomsine.
  4. Wareegama ilmaan Oromoo sirna gabroomfata mootummaa wayyaanee hundeen buqqisuuf lubbuu isaanii itti kafalaa jiran kana galmaan ga’uun gumaa wareegamtoota keenyaa injifatnoon baasuuf murteeffanne.
  5. Saamicha lafaan walqabatee Ummata ballairraa mana diiguun waan mootummaan wayyaanee maqaa investmentii fi misoomaa golgaa godhatte qondaalotaa fi waahillan hiraa jirtu hatattamaan akka dhaabdu akeekkachiisna.
  6. WBOn gaachana QabsooBilisummaaOromoo fi abdii Ummata Oromoo ta’uun mirkana waan ta’eef WBO daran irroomsuuf gumaata bifa hundaan babarbaachisu dachaan dhiheessuuf waada galle.
  7. Weerara waraanaa mootummaan Wayyaanee Oromiyaa guutummattil loltoota ishee bobbaasuun, bulchiinsa caasaa waraana diriirste jabbeessinee balaaleffataa waraanni wayyaanee hatattamaan Oromia gad-lakkisee akkaba’u akeekkachiisna.
  8. Motummaan Itoophiyaa kan wayyaanotaan durfamu, ummata nagaa ajjeessuu, hiraarsu fi ummata Oromoo mirgaa isaa seeraan falmatu shororkeessumman yakkee dararaa jiru gochaa sirna dhablee fi gara jabinaa kana irraa hatattamaan akka dhaabbatu akeekachisna.
  9. Hidhaa fi Ajeechaan yeroo ammaa bifa argamee hin beekneen mootummaa Wayyaaneetiin Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akkadhaabbatu akeekkachiisna.
  10. Qabsoo Bilisummaa shaffisisuuf tumsa ABOn Jaarmiyaale Ummatoota ollaa kanneen galii mirga hiree murteeffannaa Ummatoota cunqurfamoo maratti amanan waliin tolfate akka milkaa’uuf qooda barbaachisaa ta’e hunda gumaachuuf murteeffatne.
  11. Jaarmiyaleen Siyaasa Oromoo kanneen Bilisummaa fi Walabummaa Ummata Oromoo irratti galii wal-fakkaataa qabaannee wal taane martinuu qabsoo waliin qindeeffachuun dhimma Bilisummaa Ummata Keenya ilaalaalu irratti firaa fi halagaa biratti afaan tokko dubbatuu akka dandeenyutti akka waliif tumsine fixa bahinsa wal-hubatnoo irra geenyee shaffisan hujjiirra oolchnu dhaamsa obbolummaa isiniif dabarsina.
  12. Hidhamtooti siyaasa Oromoo fi kanneen biraa mana hidhaa wayyaanee keessatti sobaan yakkamani dararamaa jiran hundi haal-dure tokko maleen akka gad-dhiifaman akeekkachisna.
  13. Lammiileen Oromoo Caasaa waraana motummaa wayyaanee, HumnaPolisi fi Tikaa akkasummas waajjiraalee mootummaa biyyooleessaa fi naanno Oromiya keessa jirtan martinuu hariirro mootumaa umriiisaa fixate kana waliin qabdan hatattamaan dhaabuun warraaqsaa Qeerroon fi Hawwaasni Oromoo ballaan finiinsaa jiru biradaabbattani hidhatnoo keessanWayyaanee fi kittillayyoota ishee irratti naanneffattani itti gaafatama seenaa jalaa baatan waamicha qabsaa’otaa isiniif dabarsina.
  14. Qophii Hiriira naga biyyoolessaa QEERROOn Bilisummaa qindeesse irratti Haawaasni Oromoo Kaabaa Kibba, baha-dhihaa guutummatti hirmaatuun seena akka hojjettan waamicha isiniif dabarsina.
  15. Hawaasni Oromoo bakka jirtan maraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon geggeffaamaa jiru daran jabeessuuf irree fi gaachana Ummata keenyaa isata’e WBO cimsuun murteessawaanta’eef qabeenyaa fi beekumsa keessan akka gumaachitan waamicha lammummaa isiniif dhaamna.
  16. Ilmaan Oromoo sab bi dararaa shororka guyya guyyaan Mootummaa Wayyaane irraanga’aa jirtuf jecha biyyumma abbaa isaanii keessatti nagana bahani galuu dhadhabuun baqatani da’oo argaachuu fbiyya hormaatti utuu imalaa jirani balaa dooniitiin dhumaniif gadda keenya ibsaacha, dhumaatii suukanessaa kanaaf ittigaafatamaan mootumma Wayyaane ta’uu hubatne sirna kana hundeen buqqisuuf Ummatni keenyaa tokkummaan akkasosso’u waamicha dabarsina.
  17. Mootummootnian agaa’oon, Jaarmiyalee fi hawaasni adunyaa kanneen bifa Siyaasaa, Diplomasi fi Dinagdeen mootummaa nama nyaataa Wayyanee bira dhaabbattan martinu deggersi isin gootan yeroo kamu caalaa suduudaan dhummati Ummata Oromootii fidaaa waan jiruf deggersa bifakaminuu gootan hatattamaan akka dhaabdan gad-jabeessinee hubachiisna.

InjifatnooUmmataOromoof!
GadaanGadaaXumuraGabrummaati!

Kora Gamta ABO Amerikaa Kaaba
Hagayya 4, 2016
Minneapolis, Minnesota


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918