Quantcast
Channel: Oromia
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Hiriira Mormii Guddicha Guutummaa Oromiyaa Keessatti Hagayya 6 Bara 2016 Adeemsifameen Dhumaatii Lammiilee Oromoo Mudate ilaalchisee

$
0
0

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

For Amharic Version Click HERE

Sirni bittaa alagaa dhiiga Ummata Oromoo lolaasuun bu’uureffame, mootummaa wayyaaneetiin waggootii 25f itti fufsiifamee har’allee haala gara-jabina suukanneessaan guutameen lubbuu ilmaan Oromoo dheebuu bilisummaaf hiriira nagaa bahanii dhibbaa ol galaafatee jira. Mootummaan wayyaanee hiriira mormii qaama sochii Warraaqsa Xumura Gabrummaa ta’e ilmaan Oromoo Hagayya 6 bara 2016 guutummaa Oromiyaa keessatti gaggeessan irratti tarkaanfii faashistummaa humnoota isaatiin raaw’ateen dhumaatii akkaan gaddisiisaa geessisee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo lubbuu lammiilee Oromoo ka’imman dabalatee dabre kanaa fi dhiiga lammii dhibbootaan lakkaawamanii dhangala’e kanaaf gadda itti dhagahamu maatii kanneen lubbuun dabree fi ummata Oromoo hundaaf ibsata.

Fixiinsi jumlaa Kaabaa-Kibba, Bahaa-Dhiha akkasuma handhuura Oromiyaa/Finfinneetti guyyaa saafaadhaan ilmaan Oromoo gaaffii bilisummaa gaafatan irratti raawwatame, mootummaa wayyaanee tarree sirnoota faashistii lammiilee humnaan gabroomfatan jumlaan lafarraa duguuguun addunyaa duratti balaaleffatamanii ifaan galchee jira.

Hammeenyi dorgomaa hin qabne kun, Saba Oromoo laalaa fi hadhaa gabrummaa irraa yeroo kamiyyuu caalaa tokkoomee hawwii bilisummaa isaa dhugoomfachuuf qoma isaa rasaasa humnoota diinaaf kennee falmaa finiinsaa jiru kan dhaabu hin taane; tahuus hin malle.

Ummanni Oromoo qabsoo magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa hunda keessatti dhiiga itti dhangalaasuu fi lubbuu itti wareeguudhaan bu’uura qabsiise kanatti Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatiin xumura guchuuf ammoo bifaa fi tooftaa barbaachisaa tahe maraan dhimma bahuun qabsicha finiinsuun mirga isaa ti.

Mootummaa daandii nagaa fi dimokraasiitti hin amannee fi maqaa dimokiraasii dawoo godhatee baruma-baraan lubbuu ilmaan biyyaa galaafataa Oromoo irratti gabrummaa sirneessuuf waraana isaa taankii fi madaafaan bobbaasee dhibboota ajjeesaa, kumoota madeessaa fi Kumoota kudhanootaan hidhaa jiru dhabamsiisuuf hireen ummata Oromoof hafte takkittiin, wareegama qabsoon gaafattu mara baasanii dura dhaabbachuun irree ummataan of irraa qaarisuu tahuu tahiinsi har’aa ifatti agarsiisee jira. Irreen Ummataa ammoo Taankii fi Xayyaara akka bilash godhu ykn. gatii dhabsiisu seenaan biyya Turkey-tti dhihoo kana dalagame ragaa dhihoo ho’aa dha.

Addi Bilisummaa Oromoo dhumaatii suukaneessaa fi balaa ulfaataa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo dheebuu bilisummaaf biyya abbaa isaanii irratti karaa nagaa hiriira bahan irraan gaheen gaddi gadi fagoon kan itti dhagahame tahuu irra deebiin ibsa. Kanuma waliin ajjeechaa humnoonni wayyaanee Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti fi naannolee biyyattii adda addaattis dhaqqabsiisan ABOn ni balaaleffata.

Ummanni Oromoo cancala gabrummaa gita-bittoota Itoophiyaa of irraa kaasuuf qabsoo of irratti irkannoo gaggeesseen injifannoo mul’ataa fi abdachiisaa argataa dhufuu hundatu quba qaba. Ummatootni biyyattii hiree fakkaataa mudatanis yakka Oromoo irratti raawwatamaa jiru
mormuu fi qabsoo Ummanni Oromoo gaggeessaa jiru cinaa hiriiruudhaan yeroon mootummaa wayyaanee dhabamsiisuuf ejjennoo ifaadhaan sossohuun irraa eegamu ka maayii amma ta’uus yaadachiifna.

Mootummoonni fi jaarmayoonni addunyaa addattis Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaan Afrikaa mootummaa wayyaanee dhumaatii suukaneessaa lammiilee irraan gahaa jiru balaaleffatuudhaan, ummataaf ittisa barbaachisu akka taasisan ABOn gadi jabeessee gaafata.

Ummanni Oromoo, miseensotni ABO fi sab-boontonni Oromoo, hundaan olitti ammoo fedhii fi hawwiin Oromoo humna kamiinuu ukkaamamuu akka hin dandeenye wareegamaan addunyaaf agarsiisuun qabsicha fuul-duratti furgaasaa kan jirtan dargaggoo-shamarran Oromoo (Qeerroo – Qarreen), tokkummaa Oromummaa, mallattoo fedhii fi hawwii Oromo kan taate alaabaa ABO fannifatuun, moyxannoo fi murannoo qabsoo dabalatee injifannoolee hanga har’aatti gatii lubbuu itti baasuun gonfatame tikfachaa, duula sirna faashistii obbolaa fi lammii isaanii galaafataa jiruun odoo hin rifannee fi mataa gadi hin qabanne gabrummaatti xumura gochuuf xiiqii fi murannoo irra caaluun sosso’uun filmaata isa maayii yeroon itti hin kennamne ta’uu yaadachiisna.

ABOn carraa kanatti dhimma bahuun akkuma kanaan dura gochaa bahee fi ittis jiru, qabsoon mirga abbaa biyyummaa fi fincilli gabrummaatti xumura gochuu akeekkatee gaggeeffamaa jiru shaffisaan galii isaa akka gahuuf waan barbaachisaa tahe hundaa kan raawwatu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.

Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 6, 2016


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1918

Trending Articles


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.


UPDATE SC IDOL: TWO BECOME ONE


KASAMBAHAY BILL IN THE HOUSE


Girasoles para colorear


Presence Quotes – Positive Quotes


EASY COME, EASY GO


Love with Heart Breaking Quotes


Re:Mutton Pies (lleechef)


Ka longiing longsem kaba skhem bad kaba khlain ka pynlong kein ia ka...


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


FORTUITOUS EVENT


Pokemon para colorear


Sapos para colorear


Smile Quotes


Letting Go Quotes


Love Song lyrics that marks your Heart


RE: Mutton Pies (frankie241)


Hato lada ym dei namar ka jingpyrshah jong U JJM Nichols Roy (Bah Joy) ngin...


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes