Camadaa Hundee irraa
Guddinni siyaasa oromoo fi falmiin bilisummaa isaaf taasisu bu’aa bahii eddu keessa darbee yeroo ammaa sadarkkaa bifa kamiinuu duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira. kun injifannoo hunda caaluu dha. ilmaan oromiyaa kaabaa kibbaa, baahaa lixaa tokkummaan falmii bilisummaa isaanii, yeroo finiinsan shororkaan mooraa diinaa keessatti uumee jiruu fi abbaan biyyummaa fi bilisummaan oromoo kan hin afne ta’uu dhugoomsee jira. kanatti ilma oromoo ta’ee kan hin gamme yoo diina ta’e malee hin jiru. kanaaf kabajaa fi ulfinni bara baraa jaallan wareegamanii qabsoo ilmaan oromoo sadarkaan kanaan gahaniif haa ta’u.
Barruu kiyya kana keessatti dhimma yeroo ammaa diina isa ilmaan oromiyaa lafa irraa fixaa jiru dhiisanii kan kootu caalaa fi ana malee kan biraa qabsoo kana keessaa qooda hin qabaatu ykn qooda qabaachuun akka yakkaatti ilaalamee, olola jaanjummaa oofaa jiran irratti waa jechuufan. Qabsoo oromoo, gareen ykn jaarmiyaan tokkichi duwwaan kan itti gaafatamu ykn itti waamamu miti. Qooda ilmaan oromiyaa fi jaarmiyaa oromoo bifa hawaasummaanis ta’ee bifa jaarmiyaa siyaasaan ijaaraman qooda keessaa qabanii dha. kanaaf kan abbaa qoroo itti tahu ykn itti waamamu hin jiru. qabsoon oromoo dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufee dha.
Gara dubbii ijoo kiyyaatti yeroon deebi’u #oromoprotest ykn diddaa garbummaa bifa jedhuun baatii sagaliif finfilli deemaa ture sadarkaa addunyaatti fakkeenya qabsoo ilmaan cunqursfamaaf ta’ee jira. kanatti hundi keenya boonuu qabna. Keessumaa dhalooti qubee sochii kana hoogganuu fi qooda olaanaa bahuu isaatiin gara boqonnaa haaraatti cehee jira.
Kun kanaan otoo jiruu yeroo jalqabaaf hiriira nagaa ykn fincila diddaa garbummaa guutummaa oromiyaatti hooggansa dhaloota qubeen #oromoprotest maqaa jedhamuun waamame, golee oromiyaa hunda keessatti ilmaan oromoo sagalee tokkoon diina akka falmatan taasisee jira. kana keessatti gaheen dargagootaa hooggansa kennuu fi caasaa caasessuu keessatti qaban murteessaa ture.
Yeroo ammaa kana maaliif otoo nuti jirruu maqaa dargaggoota itti waamama bifa jedhuun jaarmiyaaleen siyaasaa tokko tokko yeroo qurruma sochii kanaaf qaban muldhisan arguun qaanii dha.
Duulli bifa ifa ta’een hooggantoota qabsoo bifa harawaan karaa dargaggoon gaggeefamaa jiru irratti baname diina tumsuun ala fayidaa tokko iyyuu hin qabu. duulli Jawaar Mohammadii fi dargaggoota ilmaan oromiyaa fincila kana hooganaa jiran irratti baname, anaaf eddu raajii natti ta’ee jira. ani nama dhuunfaa ykn Jawaariif falmuuf otoo hin taane ka’umsa dubbii kanaatu ammam namootiin tokko tokko duubatti akka deebi’aa jiran muldhisa. bifa maqaa jaarmiyaatiin gareen jiran sochii ilmaan oromoo akka maalaqa kiisha isaaniitti ilaaluuf yeroo namatti dutan arguun ammoo eddu nama raja. Sochii dargaggootaa hooggansa dorgootan ykn dhaloota qubeen gaggeefamutti gammaduun ala, maaliif masaanuu akka itti ta’an naaf hin galle. Kanaafan namni fuula gubataa, abiddatti nama arkisa oromoon jedhutti gargaarame. Jawaarii fi qindeessitoota #oromoprotest maaliif duulama? Maaliif amma ibsa ijjannoo irratti baasu? Maaliif karaa caasaa isaanii hiriira nagaa guutummaa oromiyaa keessatti waamame akka milkiin hin qabaanne karaa caasaa isaanii dhaamsa dabarsu? maaliif ammoo waanta isaani hin waamnee fi mormaa turan gaafa ummati waamicha hooggansa dargaggootaa kana dhagahee bahu deebi’anii maaliif akka waan ofiif harka keessaa qabaniitti irraa dubatu? Kun raajii dha. dhalooti qubee hooggansa qabsoof kennuun silaa itti gamaduu qabna. Duubbiitu namni kufaatii hin nuffine , kan biraas akka kufu hawwa jedhan sana taate. Jawaar Mohammad waanti inni godhe yoo jiraate seenaa oromoo keessatti innii fi dargaggootii akka isaa yaada harawaa qabachuun media waltawaa fi ilmaan oromoo hunda walitti qabuu danda’u gadi dhaabee jira. kun ilmaan oromoof injifannoo guddaa dha. akkuma jecha isaa keessatti “qilleensa Oromiyaa bilisoomsuu qabna” jedhe sana qilleensa oromiyaa kan duri diinni duwwaan keessa burraaqu bilisoomsee jira. ilmaan oromiyaa kaabaa kibbaa bahaa lixaa walitti hidhee jira. nama ija banatee ilaaluuf injifannoo oromoo ti. Nama ykn garee akka masaanuutti ilaaluuf ammoo kufaatii dha. hiriira nagaa oromiyaa keessatti gaafa 6/8/2016 taasifame keessattis dhoksaa malee ifatti waamicha taasisee jira. maal gochuu akka qabus ifatti ummatatti himee jira. yeroo jalqabaaf waamicha waloon oromoon kan sagalee tokkoon diina dura dhaabbate hooggansaa fi qophii dargaggoon dhaloota qubee taasisaniin tahuu isaa mamiin hin jiru. kanaaf kanatti gammaduun ala maaliif duula qopheessitoota #oromoprotest irratti banuun barbaachise? Kan wayyaaneen irratti bante gahaa natti fakkaata. Baruma baraan dhaloota qabsoo oromoo hoogganuuf mataa olqabatan irratti duuluun amilee cabsaa jiraachuun seenaa tahuu qaba. aadaan “misingaan dura geese, tokko girrisaaf tokko furrisaaf” jedhamu sana hordofuun dhaabbachuu qaba. kanaaf jaarmiyaan siyaasaa ofiin jechaa nama dhuunfaa fi hooggantoota sochii fincila oromoo irratti ibsa ijjannoo fi duula karaa dabballee fi paltalk banaa jirtan dhaabbadhaa jechuun fedha. Yoo dandeessan itti makamaa. Yoo dadhabdan gufuu qabsoo ta’uu fi dhaloota qubee amilee cabsuu irraa of qusadhaan dhaamsa kiyyaa dha.
Warri kaleessas qabsoo kana gaggeessaa turan itti galateefatamuu qabu. garuu kana irra darbamee dhaloota harawaatti gufuu tahuu hin qaban. Dhalooti qubee akka ani yaadutti akka yaadan tasa hin barbaadu. Bilisummaan akka dhaloota qubeetti akka yaadanan barbaada. Sammuun bilisaan ummata bilisa akka gadi dhaaban gochuutu dirqama kiyya. Akkan ofii yaadutti akka yaadan yoon godhe ammuma ofii yaadan akka yaadan taasisa. Aadaan kun hundeen cabuu qaba. dhalooti kaleessaa gahee isa irraa eegamu bahee jira. dhalooti qubee dirqama mataa isaa qaba. kanaaf dhalooti kaleessaa, dhaloota qubee eebbisuun hooggansa itti kennuun dirqama seenaa ti. Jecha Jereraali Waaqoo Guutuu as irratti qalbeeffachuun eddu gaarii dha. “dandeenyu ofii of bilisoomsina , dadhabnu ilmaan itti guddifanna” jecha jedhutu yeroo ammaa hojiirra oolaa jira. kanaaf dhaloota haarawaatti gufuu ta’uu tasa hin barbaachisu. Jaarmiyaan oromoo kamuu ilma oromoo mirga isaaf famtu keessatti gahee olaanaa qaban kamuu akka qaroo isaatti fudhachuu qaba. akka masaanuu fi maaliif ana malee nama biraa ilaalaniitti yaaduun kun dadhabbina siyaasaa ti.