Leelloo Sabaa irraa
Hagayya 6, bara 2016 irraa eegaleee, Fincilla Xumura Gabrummaa, Qeerroo Bilisummaatiin hoogganamee, guutuu Oromiyaa keessatti, bifa addaan,akka abidda saafaa boba’aa jiru keessatti, Oromoo meesha maleeyyiin rasaasa mootummaa gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaatiin ajjeeffaman hanga har’aatti 283 gahuu isaa maddeen: Jaarmota mirga dhala namaa, hospitalota fi poolisaa irraa dhagahamaa jira. Fincila kana keessatti kanneen wareega baasan, harki 92.8: shamarran, dargaggoo fi daa’imman egeree fi abdii borii Oromiyaa ta’anii dha. Maatiilee Oromiyaa ilmaan isaanii rasaasa Tigreetiin: qeyee isaanii keessatti, balbala mana isaanii duratti, abbaa fi haadha isaanii biratti Hagayya 6, bara 2016 irraa eegalee dhaban keessaa tokko, haadha Musxafaa oggaa taatu, rasaasa Ixoophiyaatiin mucaa dhabde kanaaf kan: rifatte, kan sodaatte, kan hamileen cabe osoo hin taane, wareegama mucaan isii Musxafaa jedhamu bilisummaa Oromiyaaf kaffale ittiin boonuu fi ittiin dhaadatuun isii, kanneen: aarii, fedhii, hawwii, dandeettii fi muratnoo ummata Oromoof tuffii qaban hunda kan ajaa’ibe oggaa ta’u, gootummaa fi muratnoo isiin agarsiiftetti kan ittiin booname qofa osoo hin taane, “haadha goota deesse” jedhamtee ummata Oromoo hunda biratti akka faarfamtuu fi kabajamtu taasisee maatiilee Oromoo rasaasa wayyaaneetiin ilmaan isaanii dhaban hunda kan jajjabeesse ture.
Dubartiin Oromoo kun, mucaa deessee fi guddifte kana, wanneen inni barbaadu fi akeeka inni wareegameef waan beektuuf, “Dhiigi mucaa kiyya dhangala’ee hin hafu. Oromiyaan ni bilisoomti !” jettee sagalee guddaa fi aariidhaan ummata Oromoo taaziyaaf gara isii dhufe keessaa garmaamtee dhiiga mucaa isiitiiin Oromiyaan akka bilisoomtu sodaa tokko malee labsaa turte. Dhiigi ilmoo isiitii, kan bilisummaa argamsiisu malee kan lafatti badu akka hin taane abdii qabdus shakkii tokko malee ibsaa turte. Dhaadannoon isii kun , “guyyaan itti ilmaan keenya bilisummaa argan ni dhufa” jechuudhaan kan Roobaa Bultum bara Miniliki raage, waggoota dhibba tokko ol booda illee, akeeki ummata Oromoo, Oromiyaa bilisoomte arguu qofa akka ta’e kan mul’isee dha. Akeeki bilisummaa Oromiyaa, akeeka dhaloota irraa dhalootatti darbee har’a gahe, jaarra tokko oliif hawwii ummata Oromoo kan ture fi fuuldurattis, itti fufee, qabsoo ummata Oromoo kan hoogganuu ta’uu ifa kan taasise dhaadannoon ‘haadha gootaa’ kun, ajjeechaa fi hidhaan bara: Minilik, Haayile Sillaasee, Dargii fi Wayyaanee ummata Oromoo fi qabsaawota isaa irratti raawwataa ture, akeeka bilisummaa Oromiyaa irraa ummata Oromoo of booda akka hin deebifne, ajjeechaa fi hidhaan fuulduratti ummata Oromoo irratti geggeeffamus , haga Oromiyaan bilisoomtutti, ummata Oromoo of booda deebisuu akka hin dandeenye guutuutti kan mirkaneesse qofa osoo hin taane, kanneen muratnoo ummata Oromoo irratti shakkii qaban illee, shakkii isaanii dhara/soba taasise.
Dhaadannoon ‘haadha gootaa’ kana irraa dhagahamaa ture, akeeki Adda Bilisummaa Oromoo, kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, waggoota 43 dura lafa kaa’ame, har’a illee, akeeka hawwii ummata Oromoo calaqqisu ta’uu kan ifa taasise qofa osoo hin taane, akeeki ABO kun, akeeka dhaloota qubeetiin haammatame fi itti fufiinsa isaa illee shakkii tokko maleee kan abdachiisee dha.Hawwiin mucaa isii fi kan hunda Oromootaa, bilisummaa Oromiyaa waan ta’eef, dhaadannoo dhageessifte kanaan, Oromoon itti fufee qabsaawee, bilisummaa Oromiyaatiin gumaa ilma isii akka baasu abdii isiin ummata Oromoo irraa qabdus kan agarsiisuu dha.
Waan kana ta’eef, maatiileen Oromoo, ilmaan akka qaroo ija isaanitti ilaalan rasaasa Ixoophiyaatiin/wayyaaneetiin dhaban hundi: obsa, muratnoo fi abdi bilisummaa “haadha gootaa” kana irraa mul’ate akka fakkeenyaatti fudhatuun, ilmaan Oromoo hundi bilisummaa Orommiyaatiif akka qabsawan jajjabeessuu qaban. ‘Haatii gootaa’ kun,”Dhiigi mucaa kooti dhangala’ee hin hafu. Oromiyaan ni bilisoomti !” jettee dhaadachuun, abdii guddaa isiin dhaloota ammaa irraa qabdu kan calaqqisu waan ta’eef, hawwii isii kana bakkaan gahuuf ummatni Oromoo itti fufee, akeeka bilisummaa Oromiyaa ABO’n hoogganamu bakkaan gahuuf gootummaan qabsaawee abdii isiiin irraa kaayyatte kana dalagaan mul’isuu qaba. Kana malees, wareegama ilmi isii kaffale kana butatanii, akeeka bilisummaa Oromiyaa, kan ‘haati gootaa’ kun raagde, karaa irraa jallisuun tokkummaa Ixoophiyaa kan haga har’atti cunqursaa siyaasaa fi saamicha diinagdee jalatti Oromoo kuffise, itti fufanii Oromoo irratti fe’uuf Oromoota fi Habashoota olii fi gadi kaatan, qaroominaan hordofee akeeka Ixoophiyummaa isaanii dura dhaabbatuun, akeeka Adda Bilisummaa Oroomoo, kan bilisummaa Oromiyaa tiksuu qaba. Qabsoon ummatni Oromoo haga har’aatti geggeesse, bilisummaa Oromiyaa dhaluuf foolachaa oggaa jiru kanatti, qabsicha gatachiisuuf humnooti Oromoo fi Ixoophiyaa shira hedduu xaxaa waan jiraniif, humnoota seenaa irraa hin baranne, gabroomfattootaa fi albaadhessoota siyaasaa kana hunda irraa qabsoo ummata Oromoo tiksuun, sochiin ummata Oromoo, bilisummaa Oromiyaatiin akka xumuramu godhuun dirqama olaanaa kan yeroo ti. Obruu/midhaan bilchaataa jirutti, diinni akka itti heddummaatu, qabsoo ummata Oromoo galma isaatti dhiyaate jiru kanattis, diinni keessaa fi ala itti heddummaata. Kanaaf, ummatni Oromoo, injifatnoo haga har’aatti galmeesse dammaqa cimaadhaan diiina keessaa fi alaa irraa tikfataa, qabsoo isaa bilisummaa Oromiyaatiin xumuree dhiigi ilmaan Oromoo rasaasa Ixoophiyaatiin/Wayyaaneetiin dhangala’e gatii malee akka hin hafe godhuun dirqama seenaa fi gootummaa Oromoo ti.
Dhiigi ilmaan Oromoo, dhangala’ee hin hafu !
Dhiigi ilmaan Oromoo dhangala’e Bilisummaa Oromiyaa ni biqilcha !
Abdiin Bilisummaa Oromiyaa, ABO fi Ummata Oromoo ti !
Injifatnoon Ummata Oromoof !